Quantcast
Channel: The Gulele Post » Afaan Oromo
Viewing all articles
Browse latest Browse all 35

Ilma tokko garre

$
0
0

Barreessaan: Eebba Coqorsaa

Ilma tokko garree
ilma abbaan dhalche
kormee abdii sabaa
jirtaa akkam oolte?

Jirra ree silaa jirraa
jennee faa’n mammaaknuu
obsinee jiraachuu
filannoon nuqabnu!

Jijjiirraan jireenyaa
dabareefi hiree
turree lama’n dhabnuu
abdii qabdna egeree!

walaloofi waloon
jiruu keessaa maddaa
akkamiin callisa
inni garaa madaa!!

kennaa jirra EEBBA
lubbuun guyyaa malee
inuman dabarree
hindhageenye dheengadda
isa jaarra lolee
sabni bahee awwaale?

eebbaafi abaarsa
lameenutti barree
lama dhabuu kana
wanti nuuf’n galle?

gaaffiin bara wahii
gaafatamaa ture
abjuu tee’n hafuu
dhaloonnii hegeree

qaqallattu wayyaa
furdattu sun gurraa
jiraa biyyi beekaa
du’atuu fokkora!

yeroon dibbee mitii
kan itti ragadan
garaa guuttatanii
maagaan maqaa aadan!

gabrummaan kun maali
isa garaan yaaduu
gabroome kan jedhu
yoo nyaanni isa didu!

argaa jirra seenaa
kan fagoo fakkaatuu
inni kalee turee
Jubuutiif keeniyaan
dheefaaf enna kaatu!

Baasaan gaarii turee
kan nama albaasuu
gaafa fincaan didee
qaallittin nu baase
hindanda’u naasuu!

haa daldalu jarrii
gabaatti baratee
nucallifne laalaa
warra garaa gante
gurraafi afaan kee
lilmoon walitti hodhii
garaa kee guutadhuu
gaaf hirrate maqi!

nyaanni qaama namaaf
soorata lubbuutii
si waakkatin malee
dhalli dhala keeti

hayyuu hedduu turee
warri byyaa tolu
kan biyya jijjiiru
dukkanatu dhoksee
biyyeetuu daangsee
jarreen sabaaf oolu

jireenya maal qabaa
inni adda galuu
gaadidduu hinqabuu
kan halagaan dhaalu!

hadhaa afaanii caalaa
kan garaa dadhabnee
bakka keette’n jiru
inni kalee keenne

boonni maali jiraa
kan waliin boonaniin
booyuun hafaa jiraa
awwaalli waldaani

Ilma tokko garree
ilma abbaan dhalche
kormee abdii sabaa
jirtaa akkam oolte?

Jirra ree silaa jirraa
jennee faa’n mammaaknuu
obsinee jiraachuu
filannoon nuqabnu!

Jijjiirraan jireenyaa
dabareefi hiree
turree lama’n dhabnuu
abdii qabdna egeree!

walaloofi waloon
jiruu keessaa maddaa
akkamiin callisa
inni garaa madaa!!

kennaa jirra EEBBA
lubbuun guyyaa malee
inuman dabarree
hindhageenye dheengadda
isa jaarra lolee
sabni bahee awwaale?

eebbaafi abaarsa
lameenutti barree
lama dhabuu kana
wanti nuuf’n galle?

gaaffiin bara wahii
gaafatamaa ture
abjuu tee’n hafuu
dhaloonnii hegeree

qaqallattu wayyaa
furdattu sun gurraa
jiraa biyyi beekaa
du’atuu fokkora!

yeroon dibbee mitii
kan itti ragadan
garaa guuttatanii
maagaan maqaa aadan!

gabrummaan kun maali
isa garaan yaaduu
gabroome kan jedhu
yoo nyaanni isa didu!

argaa jirra seenaa
kan fagoo fakkaatuu
inni kalee turee
Jubuutiif keeniyaan
dheefaaf enna kaatu!

Baasaan gaarii turee
kan nama albaasuu
gaafa fincaan didee
qaallittin nu baase
hindanda’u naasuu!

haa daldalu jarrii
gabaatti baratee
nucallifne laalaa
warra garaa gante
gurraafi afaan kee
lilmoon walitti hodhii
garaa kee guutadhuu
gaaf hirrate maqi!

nyaanni qaama namaaf
soorata lubbuutii
si waakkatin malee
dhalli dhala keeti

hayyuu hedduu turee
warri byyaa tolu
kan biyya jijjiiru
dukkanatu dhoksee
biyyeetuu daangsee
jarreen sabaaf oolu

jireenya maal qabaa
inni adda galuu
gaadidduu hinqabuu
kan halagaan dhaalu!

hadhaa afaanii caalaa
kan garaa dadhabnee
bakka keette’n jiru
inni kalee keenne

boonni maali jiraa
kan waliin boonaniin
booyuun hafaa jiraa
awwaalli waldaani

Ilma tokko garree
ilma abbaan dhalche
kormee abdii sabaa
jirtaa akkam oolte?

Jirra ree silaa jirraa
jennee faa’n mammaaknuu
obsinee jiraachuu
filannoon nuqabnu!

Jijjiirraan jireenyaa
dabareefi hiree
turree lama’n dhabnuu
abdii qabdna egeree!

walaloofi waloon
jiruu keessaa maddaa
akkamiin callisa
inni garaa madaa!!

kennaa jirra EEBBA
lubbuun guyyaa malee
inuman dabarree
hindhageenye dheengadda
isa jaarra lolee
sabni bahee awwaale?

eebbaafi abaarsa
lameenutti barree
lama dhabuu kana
wanti nuuf’n galle?

gaaffiin bara wahii
gaafatamaa ture
abjuu tee’n hafuu
dhaloonnii hegeree

qaqallattu wayyaa
furdattu sun gurraa
jiraa biyyi beekaa
du’atuu fokkora!

yeroon dibbee mitii
kan itti ragadan
garaa guuttatanii
maagaan maqaa aadan!

gabrummaan kun maali
isa garaan yaaduu
gabroome kan jedhu
yoo nyaanni isa didu!

argaa jirra seenaa
kan fagoo fakkaatuu
inni kalee turee
Jubuutiif keeniyaan
dheefaaf enna kaatu!

Baasaan gaarii turee
kan nama albaasuu
gaafa fincaan didee
qaallittin nu baase
hindanda’u naasuu!

haa daldalu jarrii
gabaatti baratee
nucallifne laalaa
warra garaa gante
gurraafi afaan kee
lilmoon walitti hodhii
garaa kee guutadhuu
gaaf hirrate maqi!

nyaanni qaama namaaf
soorata lubbuutii
si waakkatin malee
dhalli dhala keeti

hayyuu hedduu turee
warri byyaa tolu
kan biyya jijjiiru
dukkanatu dhoksee
biyyeetuu daangsee
jarreen sabaaf oolu

jireenya maal qabaa
inni adda galuu
gaadidduu hinqabuu
kan halagaan dhaalu!

hadhaa afaanii caalaa
kan garaa dadhabnee
bakka keette’n jiru
inni kalee keenne

boonni maali jiraa
kan waliin boonaniin
booyuun hafaa jiraa
awwaalli waldaani


Viewing all articles
Browse latest Browse all 35

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>