Quantcast
Viewing all articles
Browse latest Browse all 35

Habalee Citte

Abbaa hujii boonsaa
Bu’ureesaa qabsoo sabboonaa Oromoo
Hawwaa bilisummaa yaa jaalataa qomoo
Abbaa qabsoo Oromoo bu’ura ganamaa
Jaarraa Abbaa gadaa yaa ulfaataa namaa
Rorro saba keetii fudhachuu dadhabdee
Bittaa fi gabruma cunqursaa dhaas diddee
Sadoo fi qananii irraan tarkaanfattee
Bilisummaaf jettee qabsoof manaa baatee

Xurreen ati dhiigaan kalee nuuf taraartee
Sabboonummaan atin nu kessatti abuurtee
Bu’rri bareedee daandiin isaa toltee
Abdukarim keenya silaa xiqqo turtee

Waan ati jaqabde maayyii issa gartee
Silaa waagaariidhaa umrii nuu dheerattee
Garaan nu rora’e ijji imimmanii
Hedduu dha gaddinee si dhabuu keenyaanii

Kumaatama Oromoo qabsoof hiriirsitee
Meeqa dammaysitee meeqa jeynomsitee
Qabsoo Oromotiif hedduu dha kakaastee
dargaggoo shamarran qabsoodhaaf bobbaastee

Jaarraa Abbaa Gadaa guddaa galatni kee
Hin irraafatamtuu wanni ati hojjattee
Abbaa seenaa boonsaa abbaa hujii toltuu
Yaa sabboonaa Oromoo hin irraanfatamtuu

Waan ati jaqabde maayyii issa gartee
Silaa waagaariidhaa umrii nuu dheerattee
Garaan nu rora’e ijji imimmanii
Hedduu dha gaddinee si dhabuu keenyaanii

Duutii karaa keenya namuu du’a hin ooluu
Silaa kan akka keetii kun waa du’aan hin maluu
Garuu akeeka kee bakkumani geenya
Hanga bilisoomnu yoom cal jennee teenyaa

Maatii kee rabbummaan sabrii haa keenuufi
Sabboonoota maraaf Oromoo hundaafi
Arraa nama guddaa nu harkaa miliqee
Fuula sabboonootaa imimmaniin dhiqee
………………………………………………………………..
Kan barreessite: Binta Dirree/Makiyaa Abdullaahii

Viewing all articles
Browse latest Browse all 35

Trending Articles



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>