Guyyaa gaafa tokkoo bubbeen shira yaade
Bosona balleessuuf akkas jedhee gaade
Mukeen naannoo kootii akkas wal-ta’anii
Waliin yoo dhabatani karaakoo cufanii
Na balleessuuf deemu humna godhatanii.
Dur dur sodaa malee asiif achi fiigee
Kanan fedhe ijaaree kanan jibbe diigee
Jiraachaatan ture akka garaa fiigee.
Olaantummaa kiyya jabeesee eeggachuuf mala tokko qaba
Mukeen naannoo kootii gargar isaan qoodeen tokko tokkoon dhaaba.
Karoora jallinaa kana fiixaan baasuuf asiif achi deemee
Isaan gargaaruudhaaf akka waan dhimmamee
Kunoo akkas jedhee mukootatti asaase tokko tokkoon waamee.
Hicitiin sitti himaa Adaamii dhageessaa?
Waraansi Laaftoodhaa qaama kee madeessaa
Kanaaf qofaa baatee maaliif hin jiraattu?
Laftootti firoomtee haga boo’aa haftu.
Heexoo na dhaga’i atis bar miidhamtee
Gaattiraan si cinaa firakee fakkaatee
Ofiisaa dheeratee si gubbaa dhaabatee
Mee akkam gowwoomteetu gaattiraan firoomtee?
Birbirsatis siqee gurra isaati asaasee
Bubbeen akkas jedhee jallina isa gorse
Mukeen hollaa keetii kanneen ati argitu
Waa’ee dheerina keef hunduu mataa baatu
Si quucarsuuf jecha karoora baafatu
Mukeen warra afanis qoofniitti isaan waamee
Jibba dur hin jirre isaan jidduuti uumee
Isaan jidduu ba’e baaltaa sobaa himee
Shirri bubbeen yaade kan garaa bobeesse
Odaan akkas jedhee komii qabu ibse
Gaattiraafi heexoo, sooleefi ejersi
Luqqeefi kombolchi, somboofi birbirsi
Hoomiifi qilxuun, goosuufi agamsi
Gajjaafi laaftoon, mi’eessaafi waddeessi
Adaamiifi harbuu, qawwisaafi waleensuu
Tasa nuuf hin ta’u kan bubbeen nu gorsuu!
Kanaaf…gorsaa bubbee kana mee sirriitti hubadhaa
Duubnii isaa badiidha afaan dibee dhadhaa
Tokko ta’uun keenya isaaf ta’ee sodaa
Kanaaf nu diiguudhaaf ciisee ka’ee gaadaa!
Ilamee hubadhaa…
..tokko tokkoon qoodee hunda keenya waamee
Gaarummaa fakkeessee kan bubbeen nutti himee
Nu diiguudhaf malee miti bar nuuf dhimmee
Yoo bubbee dhageenye nuti taanee gowwaa
Gargar badnee hafna hundi buunee bowwaa
Safuu! Bara keenya kana shiratu baayyata
Diinni fira jedhee namatti rigata…
Dhadhaa nutti hiixataa dhagaa afaan nu kaa’a
Nuun gargar nu diigee jidduu keenya ba’a.
Gowwaa nu taasisee nuu fakkaatee fira
Bubbeen gamna ta’ee maaf gargar nu hira?
Lakkii haa ilaallu duubatti deebinee
Gargar hin facaanu gorsa bubbeef jennee
Akkum dur jiraanna harka wal qabannee
Koottaa! Koottaa!koottaa gar tokkotti hiiqnaa
Afaan tokko taanee bubbeef ergaa dhaamnaa
Gorsa Odaatiis hunduu fudhatanii
Diinummaa bubbeetiis sirriitti hubatanii
Karoora baafatan kunoo akkas jedhanii..
Wallaalaa gorfachuuf
Beekaa gabbifachuuf
Dadhabaa jabeessuuf
Jabaataa tifkachuuf
Garaagarummaa hambisuuf
Tokkummaa jabeessuuf…
Hololaa diinaarraa gurracuqqaallannee wal qofa amanna
Wal wajjin hiriirree diina qaanessana
Nu gargar hin baanu waliif seenne kakuu
Akka tokko taanes bubbeenis haa beekuu
Holola isaa fudhee nurraa achi haa sokkuu…
Jedhanii waadaa waliif seenan qabatanii bokkuu
Tokkummaa mukootaa sirriitti hubatee
Isaan diiguun hafee lubbuusaaf sodaatee
Bubbeen fiigee bade caccaba baqatee
—————————————————————————————–
(Barreessaan Gasharee Abdiisaa, Asoosama Himala Jireenyaa jedhu irraa kan fudhatame, Ebla 2013)