Kan Walaleesse: Dr Sheik Mohammed Rashaad Abdullee
Yaa Afaan Oromoo
Rabbitu si guddisee
Nama siin dubbatu
Sumaaf heddummeessee
Si afaan gaarii
Akkatti si bal’see
Nama xiqqaa guddaa
Hunda siin guddisee
Adunyaan si beekaa
Anilleen si wallaaluu
Karaa keetiin malee
Nuh immoo alaa hin galluu
Ormi adunyaa dhaa
Yoo dubbii kee kaasee
Afaan muuziqaa dhaa
Jedhee tin si faarsee
Yaa afaan Oromoo
Yaa ka Zalaalamii
Kan sii jedhee du’u hammamii (x2)
Yaa afaan Oromoo
Yaa ka Zalaalamii
Kan sii jedhee du’u hammamii (x2)
Garaan waa si hin gannu
Duri illeen wallaalluu
Waan ati jaalattu
Waa sii godhuu hin oolluu
Mee akkamiin si gannaa
Nuti siin mul’annaa
Odoo ati baddee
Matumaan dhabamnaa
Karaa kan kee kanaan
Harka tokko taanaa
Sumaan gurgurannee
Wal irraa bitannaa
Yoo nu karaa banne
Siin karaatti deebinaa
Yoo nu dhukkubsannee
Sumaan wal gaafannaa
Yaa Afaan Oromoo
Mee akkamiin si gannaa
Salaamtaa jaalalaa
Siin walii erginaa
Yaa Afaan Oromoo
Mee akkamiin si gannaa
Si gannu immoo mee akkamiin
Ilmaan kee jedhamnaa?
Nuti yoo si dhabnee
Matumaan dhabamnaa
Mee miidhuma keenyaa
Akkamiin himannaa?
Turjumaan kaatee
Yoo nuuf waa himattee
Rakkoo adunyaa dhaa
Mataan keessa buutee
Takka si balleessaa
Takka turjumaanaa
Yoom jiruu adunyaa dhaa
Akkanaan hubannaa
Yaa Afaan Oromoo
Yaa haadha guddinaa
Har’aa fi boru illeen
Nuti siin mul’annaa
Gooytaan haa guddisu
Warra si mul’isee
Dachee haa seensisuu
Warra si saph’lisee
Namni si saph’lise
Rakkatuuf jiraataa
Gaafa tasaa geessee
Biiluu kee irraa baataa
Yaa Afaan Oromoo
Bar ati dureessaa
Waanum dhabde hin qabduu
Waan beekumsaa keessaa
(Dr. Sheek Muhammed Rashaad; Bara 1970; Moqdishoo)