Ugguum yaa qullaa kee!
Raajii dha uumamni kee
Yoo alaa silaalan midhagina kan kee
Human gadi facaasa akkataan sinboon kee
Of-Keessaa darbata waan nama hawwatu
Yaada qalbii namaa kan fuudhee gugatu!
Warraaqa ifa aduu fagootti calaqqisuu
Kara adeema mara ofitti kan harkisu
Miira kan sochoosu
Du’aa kan sokoksu
Ajaa’ba Rabbii uumaa akkas bareedu
Yeroof of-dagata Kan silaale hunduu!
Haata’uyyu malee yoom akka bifa kee
Guutuu ta’ee beeka guyyu hujiin kan kee?!
Kan sitti hiqee ilaalef keessa eenyummaa kee
safuu! maal akkam fokkisa broof balballi kee?!
Ugguum yaa qullaa kee!
Kunuunsuu wallaltee bareedaa bifa kee
Eeggaachiuu dadhabdee qulqulluu qaama kee
Bakka argetti kuftee maqaakee dagattee
Xaba ijoollee dhaaqxee sadarkaa gad buutee
Dhoqee waliin laaqxee biyyoo bukeessitee
Sangaa jabii keessaa bakka maleetti ooltee
Jora baatee galtaa du’aa jiraa tatee!!
Ammas yeroo qabda ka’ii tattaafadhu..
Taliila bishaaniin qaamakee dhiqadhu
Dhoqeef laaqii laaqxe ofirraa haqadhu
Urgooftuu uumamaa ofitti facaasi
Humna of-keessaa qabdu dhoosii gadii baasi!
Reefa rafee jiru hundumaa damaqsi!
Duratti tarkaanfadhu ududdubaa dhiisii !
Kan barreessee Bariisoo Gadaa |Guyyaa 2/14/213 yaada keessaniif gana E-mail: ear_tuf12@hotmail.com qunnamuu dandeessan