Walaleessaan: Zelealem Aberra Tesfa
Walaloon kun afoolan ijoollummaakootti dhagyerratti hundaawa. Naman irraa dhagaye waliin akka wal bartaniif seena xinnoo tokko xumura walaloo kana’rraa dubbisuu dandeessu. *
————————————————————-
Silaa…keessummaan galgalaa
Bakka itti dhiye bulaa;
Deemsa dheeraa booda dadhabee bututee
Namichi beela’aan, lafaa dimimmise, aduudhaa dhidhimte
Kara-deemaan tokko oobdii keessa dhaabatee;
Bututaa, dadhabaan kan aduun itti dhiye
“Warra manaa” …jedhe mana bira gayee.
“’Na bushadhaa” jedhe,… “Keessummaa Waaqaati
Laftis dimimmisee, aduunis lixeetti;
Naguma ooltanii… dhageessuu warrana…?
Akkan darbee hindeemne siachi dukkanaa
Hardhaaf na bushadhaa warra qeyee kanaa
Warra qeyee kanaa…!”
“Ooo…
“Maaloo oluma deemaa; kottaa oluma seenaa
Mannii kan Waaqaatii, …. keessummaa ala kanaa
Maaloo oluma deemaa, kottaa… oluma seenaa!
Keessummaan tokko-tokko doombiirra quphanaa
Doombiirra quphanee eenyutu lafaa ka’aa?
Xabareessaas miti, lakkii doombiinis hinwayyuu, barcumarra taa’aa.
Nooraa…!Nooraa….!Nooraa….!”
Keeesummaan deebise, taa’uuf gatantaraa
“Waaq isini haakennu nagaa fi araara
Loon horaa…!Loon horaa…! Loon horaa…!”
Keessummaan ol seenee, barcumas argate
Akka barcuma argatee, utuu maagaansaammoo midhaan xinnoo nyaatee
Waan dhugan unatee, qomarraas buufatee
Maxinoon beddeerraa, marqaan xuwwee keessaa ka’ee itti muldhatee
Cumboo fi cororsaan, caccabsaa fi bassoo
Dhadhaa irra dibanii maxinoo xaafii meesoo
Surraan nyaata baayyee, dhufee itti muldhatee
Midhaan beeluu baasu akka waan argatee
Gororri qaldhoon sun afaan keessa yaate
Baldhisee amuummate, yaadaan alanfate.
“Bishaan Harkaa!” … jedhe, abbaan warraa, sagalee ciratee
“Abeeeet!” …. jedhe sagaleen, waamicha owwaate.
Achiis abbaan warraa, …keessummaatti galgalee
“Anumtuu karaadhaa …amma reefuun galee
Hinmukaayinakaa maaloo, haasawaa malee!
Bishaan Harkaa…!” jedhee, waamicha dabale.
Haasaas itti fufee…,
“Eee… arfasaan baraanaa dafee isinii dhufee…?
Moo akkuma kan keenyaa didee teellaatti hafe?”
Keessumaan galgalaas harkasaa dhikchuuf yaadaan of qixeessee
Gaaffii abbaa warraaf deebi barbaachisu sardama deebise:
“Galatnisaa hinbadin, tibbumasaan roobe
Saawwan caamsaan hubeef dafee nuu daqabe.
Ammahoo… boqqolloonuu margee, jilba nu gaheera
Bajjii xaafiif ta’us baayyeen baqseera.”
“Irbaata Keessummaa!” … jedhe abbaan warraa, sagalee ciratee
“Abeeeet!” ….jedhee dinqaa, waamicha owwaate.
Keessummaan galgalaas “nyaati dhufte!” jedhe
Beela obboofachuuf, midhaan nyaachuu fedhee.
Achiis abbaan warraa, gara ulaa ilaalaa
Gaaffii kaan gaafatee keessummaa galgala
“Biyya isin jiraattan asi hammam fagaataa?
Dukkanaan yoo deemaan bineensi nama nyaataa?
Colleen deemsa tolu utuu barii ka’ee
Galgala hindeebi’uu biyya keessan ga’ee?”
Jedhee…keessummaa gaafatee
Achiis naqa tokko sagalee ciratee
“Midhaan Ammaa!” jedhee, gara diinqaa ilaalee
Achis gara keessummaatti qaamaan galaglee
“Hin mukaayinaa kaa maaloo haasawaa malee;
Yeroo manaa baataan, yaada karaa buluu
Moo…yaada deebi’ani qeyee ofitti galuu
Waayee karaa buluu siluma tilmaamtanii?
Moo mana karaa cinaa battala argattanii
As buluuf gortanii?
Midhaan Ammaa!”
Keessumman galgalaas gaaffisaa deebise
“Namni barii ka’ee miillaan gasaggase
Hinuma itti gala aduu lixa geesse
Yeroon manaa bayes kanin tilmaammadhe
Deebi’ee galuufani, kanin karoorfadhe
Garuu natti dukkanoofnaan tasa irraanfadhe.
Midhaan Ammaa!… jedhe abbaan warraa
Deebii keessummaatti gara keessatti aaraa.
“Abeeet …!” jedhe sagaleen, dabalee ammayyuu
Garuu dubbiin qeyee kanaa keessummaa kanatti akka bitaachawu
Hinwaamama malee, gara diinqa keessaa homtuu achi as hinbawu
“Abbaan warraa kunoo nama arjaa fakkaata
Bishaan harkaa waamaa, namnis niowwaata
Midhaan ammaa waamaa, namnis niowwata
Irbaata keessumaa jedheesoo ingaafata
Eegan dhufee taa’ee inuma wawwaata
Yoom kan golaa dhufu … dhugaatiif waan nyaataa?
Yeroonsaa sokkeera, gara halkan walakkaa
Irbaati keessummaa, yookaan bishaan harkaa
Homtuu as hinbaanee, waa takka….waa takka!”
Jedhee yaadaan sokkee, haasaaf ta’a se’ee
Akka gaaffii wayii afaan saati ba’e
“Qeyeen keessa kana yeroon taa’ee ilaalu
Maati qabdun se’aa maatii walii galu
Meeqa hortaniittu…., durbaa fi dhiira ta’ee?
Jennaan abbaan warraa deebii dhaaf si’aayee
“Keessummaa akkakee kana, kan ittiin simannu
Eeyyee maatii qabna, eeyyee ijoollee hindhabnu;
Sadan tookko horree kan maqaa moggaasne
Isa hangafaatiin Bishaan Harkaa jennee,
Isa giddu sanaan Irbaata Keessummaa maqaa itti moggaasne
Isa quxisuummoo …maaloo Midhaan Ammaa jenneetu waammanne.
Keessummaan akkakee, qeyeesaati bayee
Kan tilmaamuu beekee, lafa gahu gayee
Yeroon galuu mannaa, aduun itti dhiyee
Lakoobsa ijaan argeen mana cina karaa
Olseenuuf tirataa, taa’uuf gatantara.
Kunoo…egaa isan sila jedhe, akkuma yaadattu
Nuuf barana hinroobne, roobas hinfakkaatu
Bardheegaddaas akkasi, barr’abbaasaa hanyaatu
Midhaan manaa hinqabnu waan keessummaan nyaatu.
An akkan beekutti,
Yeroo manaa bahan galaa galaafatu
Utuu-hindhiyin-galuu, sammuutti qabatu
Utuu akka kootii, dullaa koon fudhadha
Dukkanuma kanaan qeyee kootti tiradha.
Dubbii koo hubattee keessummaa galgaa?
Mammaaksa hindhageenyee…? Jooraatu ollaa bulaa!”
Akkanaan keessummaan, lafa kaa’ee butee dullaasaa buttujjii
Dukkanuma sanaan kutee qaxxaamure lafa maasii fi bajjii
Irraanoolee baddaa, irraangadee gammoojjii
Manasaatii-ingalaa… fi…lakkii-hingaluun….moojii!
—————————————————————————–
Jigii Waltajjii
*Hundee walalookoo kanaa Haadha Eebbaa ’rraan dhagaye. Haati Eebbaa maqaan dhalootashee Jigii Walatajjii jedhama ture. Jigii Waltajjii fi ijoollneeshee namoota carraan jiruu fi jireenya walatti nu fide. Nuyi warri ijoollee “Aayyee” ittiin jenna turre. Ijjoollotansheerraa barre natti fakkaata. Warri guguddaan garuu Haadha Eebbaa ittin jedhu- maqaa ilmashee isa hangafa ta’usaa ti.
Hinhimannu malee, ijoollummaa keenya keessatti qooda hinirranfatamne kan gumaachan haadhaa fi abbaa keenya qofaa akka hintaane ni beekna. Isa uumamaan ittin dhalannetti dabalamee, eenyummaa keenya hardhaa kan ijaare dalaga, yaada, amala fi kkf namoota ijoollummaatti nu waliin turaniiti jechuu ni dandeenya. Jigii Waltajjii qummaadaan ijoollummaakootti qummaadeef akkasumas kolf’an kolfeef guddaa gumaachiteetti. Booyichan ijoollummaakootti booyeef akkasumas imimmaanan lolaaseef garuu waa tokkollee hingumaachin darbuunshee ammayyuu na uggumsiisa. Gaafa anaa fi Adulaan – ilmashee isa xinnaa – nandha qabanne kan jaala koo harkaa butee, dalga naa baatee sirerraan na gaye ishee ture. Bara sana ijoollee waggaa ja’aa yoon tureyyuu, sireerraan geesse aannan ukeen natti qabushee hardhayyu nan yaadadha. Yennaa qarabaan narraa muran akka booyyee waraanamtee iyyuukoos hinirraanfadhu. “Maal dhiira mitii…akkam iyyte?” akka isin naan hinjenne abdachaa dha kanin galmee seena koo fi iccitikoo kana dabarsee isinitti kenne.
Akka anarraa muraniin dabareen kansaa ta’usaa Adulaan bareera. Iyyaa fi booyichikoos nigooleen fakkaataa; “Aaayyeeee….! Aaayyeeee…!” jedhee iyyaa kotte-na-baasi jedhe. Garuu baayyee hinfiigne. Akkoonkoo, (Dambalee Damaraa Borcaa) – haadha abbaakooti – “Harka marattanii dhaabatanii ilaaltuu…? Qabdanii naa hinfiddanii?” jedhanii dheekkamnaan, namoonni do’ii kana dhaabatanii do’achaa turan, akka waan silayyuu abboommii eeggachaa turani, lama ejjetani biragahanii, rusaarrusiin qabani fidanii, mooyeerratti fattaasani, isarraas murani. Innis akka booyyee waraanamtee caraane. Anis ta’e Adulaan akka gaafa sanaa Dambalee Damaraas ta’e Tolaa Abbaa-Bulaa jibbinee hinbeeknu.
Oolee bulee garuu, akkoon koo itti gaafatama maatii fi aadaa; Tolaa Abbaa-Bulaa itti gaafatama ogumaa fi aadaa bahuuf kana gochuusaani turee yeroo naaf galu kan ulfinan isaaniif qabu na keessatti guddachaa deeme. Gaafa sana moggaa dhaabbattee imimmaan haa lolaastuyyu malee, ana nama akka isa busurtii fuudhee hollachaa ture, namicha nama-muraa sana harkaa butee sireerraan kan na gaye aayyee akka turte isinitti himeera. Utuu isheen buttee naan hinkaanne ta’e namichi gara-jabeessi narraa mure sun ishee hafetyyuu waan narraa duguugu se’een sodaadheen ture anoooo!
Ogumni Tolaa Abbaa-Bulaa oguma saainsii ’rratti hundaayee jedhame biyya alaa kana keessatti jiruurraa oolaa jiru waliin yeroon madaalu, hagam akka dinqisiisaa ta’en hubadha. Tolaa Abbaa-Bulaa, fiixee qaama ijoolleetti (quunxeetti) fo’aa hidhee harkisee yeroo gogaan gadi dhisamee qaami keessaa ol baqatu gogaa irraa xinnoo muree isa hafe ol dachaasa. Inni oldhacha’e akkauma oldacha’etti fayya. Akkan biyya kanaa argetti, jalqaba limmoo adoochu qaama ijoollee waraanani eega adoodee booda gogaa irraa murani isa hafe ol dachaasani hodhu. Yoo hodhame malee ol dhacha’e akka fayyuu danda’u bira hingeenye fakkaata.
Waantan hinirraanfanne tokkommoo, jalbultii nandha-qabaa sana tasuma hadhaawaa kan ijoolleetti taasisu, qoccolloo ijoollee durbaa ti. Qocolloon kun firaa fi halagaa hinqabu. Durbi qeyee hundi, firris halagaanis wal gurmeessanii waan daboon ijoollee kanatti duulan fakkaatu. Ijoollee dhiiraa nandha-qabaaf qophawaa jirtu lubbuu guraaruun, rifaasisuun, jiitessuun kaayyoo daboo saani fakkaata. Akka waan ofiisaaniitif waan muramu hinqabne! Kanaafu gurbaa sana bakka argan hundatti, yeroo argan hundatti, maaltu akka isa eegu yaadachiisuun: “Nan badeee,…bor ganama sirraa muruuuuum!” Yookaan…“Yeroo sirraa muran iniyyitaa?….” Yookaan, “Wayyoooo…baayyee nama dhukubaaaam!” jedhu. Yeroo qaamisaa suukanaawu, yeroo nyaara guuree fuullisaa dukkanaawu, akka waan bobaa qirqiramanii itti kolfu. “Utuun biyyaa badee; ….utuun of ajjeesee.” nama jechisiisa. Yaaddootu namaan xaba. “Lakii, biyyaa hinbaduu, ofan ajjeesaa…lakii, biyyaa bayeen of ajjeessaa,…. Lakkii, of ajjeeseen biyaa bahaa!” Waan hindanda’amane kan yaadu sammuu ijoolle qofaa dhaa laata?.
Kan xinnooshee callisan yeroo aayyeen: “Hinga’a, afaan keessan walitti qabaa!” ittiin jettu. Garuu takka turani itti deebi’u! Maaliif akka isaan akkas ta’an oolee bulee naa gale!
Anaa fi Adulaan hamma madaan nuu qoorutti siree tokkorra jilba dhaabnee ciisaa turre. Ollaan, nu gaafachu dhufe hundi “Madaan, madaa saree haa ta’u!” nuun jedhe. Akka bara sanaa muuzii fi agadaa nyaadhee hinbeeku. Anatu lagate otoo hinta’in akka yeroo sanaatti namni naa kenne hinturre. Ammammoo akka yeroo sanaatti utuu naa kennaniiyyuu nyaadha hinfakkaatu.
Lamaan keenyaafu kan jaala turan maangdoo ollaa, Wambar Qalbeessaa Dikoo ti. Namni nurraa mure Tolaa Abbaa-Bulaa ta’usaa isinitti himeera. Tolaa Abbaa – Bulaa, gurraachicha, guddicha, cimaa namaa akka ture nan yaadadha. Ogeessaa Waachaan hore keessaa tokko. Ogumisaa ijoolleerraa muruu qofaa otoo hintaane, harree ’rraa kabeelaa muruu, korma cinaan tumuu fi waan kana fakkaatan hunda ni dabalata. Eegan gudadhee, jiruu jalqabee booda yeroon Tolaa Abbaa-Bulaa argu:
“Irraamurtee na jalaa gabaabsuukee sana nan irraanfadhe seetee?” jedheen itti qoosa.
Innis: “Utuun sirraa hinmurree ta’ee silaa yoona maal akka siin jedhan beekta mitii?”
naan jedha.
Eeyyeeni; akka gara-laafina aayyeef silaa hinmuratin hafeen, “Washalaa!” jedhama ture. Arrabsoo kanas ta’e do’ii gaafichaa sanaa yeroon yaadadhu qaamatu na suuka’a! Kanin arrabsoo kana baraarame gara-jabina akkoo koo Damabalee Damaraa Borcaa, fi gara jabina Tolaa Abbaa-Bulaatiifi. Utuu isaan kutatoo hintaane ture anaaf aadaan abbooti kkoo kun wal hinbarin hafna ture. Waaqayyoo ekeraasaanitti qabbana bara-baraa hinwaakkatin!
Akka booyyee waraanamtee iyuunkoo isin qofaa otoo hintaane, amma eega darbee booda anumaanu na kofalchiisa. Takka takkaas, “Amma utuu deebi’ee dhufa ta’ewoooo?” jedhee yaadeen caala qaama of suukessa. Dhuguma, amma utuu marsa lammaffaa qaba ta’ee, qarabaa baqa walirra ejjennee wal hinfixnu jettuu?
Egaa, hundee walaloo kanaa kanin dhagye, akkuman kanaa olitti jedhe, Jigii Waltajjirraati. Abidda galgalaatti marsinee teenyee, afoola adda addaa fi waan nama kofalchiisan isheen nu ijoollee qeyeetti himte keessaa tokko kanin yaadadhu kana. Yoon dabarsee hime akkuma na qummadichise Oromoo kaanis niqummadchisa laata jedheen bifa walaootin barreesse. Tarii waan kana fakkaatan waliiti coruufis yaada nuu kennaa laata? Dhumarratti, ekeraan Jigi Walatajji, akkasumas kan ijoollottanshee, – Eebbaa, Jijee, fi Adulaa – qabana haa boqotun jedha.
Zelealem Aberra Tesfa
18.04.2013
Helsinki / Finland