Cidhi warra hiyyeessaa
du’a dureessa’n ga’uu
gidee gara boowaa
maalin bultii moo’uu?
Baasin hamoommataa
gabbarri nam-ta’ee
horiin dur oofamu
namaan bakka bu’e!
Namatuu oofamaa
akka horiititti
aruuzni hiyyeessa
du’a jireenyaati!
Sirbu irraa’n toluu
dhiichisus herregaa
irree dhibeen fixe
hiddi alagaan xuqe
dhiigni jijjiiramus
dhukkuba uummataa
ija kamiin arga…?
Dhukkuba xannachaa
chaayinaan hinfayyisuu
maalif hinbarbaannee
tiruu saba keessaa
tan fuudhaaf heerumaa
tan bultiidhaa michuu!?
Dhiirsi halagaa duruu
fayyaa qomoo jibbaa
akkamiin taphanna
osoo dhibee aannu
waggarraa gar-waggaa?
Akkanaan fokkatee
gaa’eelli hiyyeessaa
cidha keenna caalaa
du’aaf dura fiigna
jiraa keenya ajjeessaa!!
—————————————————
Walaleeysaan: Eebba Coqorsaa