Quantcast
Channel: The Gulele Post » Afaan Oromo
Viewing all 35 articles
Browse latest View live

Dr. Sheekh Mahammad Rashaad (Sheekha Yoomiyyuu hin irraanfatamne)

$
0
0

Sheik RashaadWanni sabni ittiin beekkamu keessa tokko afaani. Kana hubachuun, diinni  afaan Oromoo dhabamsiisuuf ijibbata gudda godhe. Ijibbaanni diinni godhaa ture, arra namatti mul’achuullee baatu yaroo isaa sanitti, haalaan cimaa ture. Afaan Oromoo kan arra mana barnootaatti ittiin barsiifamu, waggaa 25 dura, afaan du’aaf deemu ja’mee, jachoota isaa seenaaf harshif galchinaan, kuusaa jachootaa akka qopheessaniif, Dargiin koree jaareefii ture.

Garuu, afaan Oromoo du’a oolee, sakaraata keessa turerraa bayyannacuun, hawwii diinaa fiixa bahuu hanqise. Duuba, ijibbaanni afaan Oromoo ajeesuuf diinni godhe, akka laafatti qaxara hin caphne. Hawwii diinaa kolaasuu fii guddinni afaan Oromoo iddoo amma jiru akka gayuu godhuurratti wareegama barabaachisu warra kennantu jira. Isaan keessa hayyuun angafummaan maqaan dhawamu Sheekh Bakhrii Saphaloo ti. Isatti aansee, guddina afaan Oromoo tiif qooda himanaa olii gumaachuun, seenaa guddina afaanichaa keessatti qooda dinqifamee kan galmeesse, Sheek Mahammad Rashaadi.

Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaa Kabiir Abdullee Kabiir Mummayyaa fii haadha isaa Faaxumaa Shurraa Aammad irraa, odoo Xaaliyaan biyya teenya hin seenin waggaa lama dura, bara 1934, Baha Oromiyaa, kutaa Bareentumaa, konyaa Cercer, baadaa Habroo, aanaa Gubbaa Qorichaa, naannoo Laga Arbaa, ganda maqaa akhaakhoo isaa, Khabiir Mummayyaan moggaafame-tti nama dhalate.

Sheekh Mahammad Rashaad, barnoota amantii Islaamaarraa waan abbaan beeku akka baratee fixeen, itti fufuuf, gama Hirnaa sossoohe. Hirnatti, Sheekh Aliyyii Dabruu biratti, Fiq’hii (barnoota seera amantii Islaamaa) keessaa Baafadlii fii Umdaa, akkasumatti ammaas, Tawhiida (barnoota tokkummaa Waaqa)-rraa hamma tokko barate. San booda, Dhidhiibama dhaqee Sheekh Aammad Sheekh Maammad Jaldii iratti Zubad barate. Eegas ganda isaaniitti deebi’ee Sheekh Ibraahim Bakhaarratti Toowshiiha barate. San booda Qe’eerraa fagaachuun Kortoo dhaqee Sheekh Abuubakar Usmaan Odaa ykn Sheekh Bakh’rii Saphaloo irratti, ilmii Manxiqa (seeralugaa jiddu gala afaan Arabaa) fii Herrega eega baratee booda gama Fadis sossoohe. Fadisitti Sheekh Yuusuf Aammad Bareedaa irratti Minhaaj Nawawiyyaa (Qaceelfama seera amantii Islaamaa kan Imaam Shaafi’ii) xumure.

Akkanatti waan barnoota amantii Islaamaarratti rarraa’aa kan naannoo san jiru xumuree, kan biyya alaa itti dabalachuuf, ilma indooyyee ykn haboo isaa, Usmaa’il Alii waliin, bara 1951, Biyyee Dareerraa sossoohan. Karaa Jijjigaa tiin Zeeylaa dhaqan. Achirraa halkan, dukkana dahoo gaodhachaa, miilaan Jibuutii seenan.

Akka Jabuutii gayaniin, walqabatanii safaaraa Xoophiyaa dhaqanii, biyya Arabaa deemanii barachuuf baasaboora akka kennaniif gaafatan. Namichi Safaaraa, “Yo isin biyyaarra fagaattan, eentu boqqolloo nuuf qota?” gaaffii jettu dhiheesseef. Sheekni oomisha boqqolloo tiif warri biyyatti hafan ni gayaniin, namicha amansiisuu ijibbaatullee, waan fedhan irraa argachuu hin dandeenye. Garuu, baasaboora dhabuun abdii if dura deemuu hin kutachiifne. Waraqaa eenyummaa malee, harka qullaa, galaa malee, doonii gama Yaman deemtu yaabbatan.  Abbaan doonii, akkuma warri ammaa godhutti, Sheekhaa fii ilma indooyyee odoo lafaan hin gayin, xarafa malkaa, baharuma keessatti buuse. Achii, heera malee, dambaliin odoo if duuba harkisuu, bishaan mudhii gayu keessa dhiibachaa, warri uffanni, daboon, tan ifiifuu bakka meeqatti erbamte irratti cicciramte, lubbuu qarqara Ganda Dabaab ja’amtuun gayan.

Dabaabrraa bikka ka’aniif gayuuf, miilaan karaa Ta’iz sossoohan. Ta’izzirraa karaa Zabiidiin Mansuur keessaan Hudeeydaa qaxxaamuranii, warri amnitti miilaa akkaa gara dhoorkite, magaalaa timjii biyya Su’uudii, tan Jiizaan ja’amtu gayan. Jiizaanirraa Hijaaz keessaan dabranii Xaa’if seenan. Yaroon karaa kanarra deemaa turan Bona ture. Biyya gammoojjii tan lafti isii Bona hanqatee Ganna ibidda tuftu, guyyaa nama dhokochaa, odoo halkan dukkana keessa tiratanuu, aman miilaa kan ji’a sadihii tiin Xaa’if gayan. Xaa’if irraa makiinaa yaabbatanii, baatii Eblaa tan bara 1951, Makka seenan.

Akka biyya Sa’uudii seenaniin, wanni Sheekni dura godhuu barbaade, Hajii dha. Odoo Soomana furnoo goggoyduu bishaan Zamzamiin jiifatee furuu, Hajjii isaa godhe. Akka Hajjii fii ziyaaraalee barbaadu mara raawwateen jalqaba bara 1952, karaa Ordon (Jordaan) sossoohe. Akka achi gayeen Qudis dhaqee Beetul Maqdas ziyaare. San booda miilaan karaa biyya Shaam (Suuriyaa) sosoohe.

Dimishq (Damaskes) magaalaa muummittii Shaamitti, Sheekni barnoota biyyaa baheefitti deebi’uuf hiree arkate. Mana barmootaa kan Fathul`islaam je`amutti, barnoota waggaa shanii booda, raga Muftumma`aa fudhate. Sheekni oduma baratuu imaama masgiidaa tahe. San malees, masgiidotarra daddeemee kuxbaa guyyaa Jim’ataa godhu jalqabe. Haala kanaan, baroota jaha Shaam eega jiraate booda, bara 1957 keessa Suuriyaarraa karaa biyya Lubnaan sossoohe. Magaalaa Beeyruutitti markaba karaa biyya Misraa deemu yaabbatee, Iskindiriyaan Qaahiraa seene. Karaalee dila irra deemee fii naannoolee qubate keessatti haala isa mudate mara, Sheekni seenaaf sirritti galmeessee jira.

Qaahiraa akka dhaqeen, Universitii Azhar, Kulliyyaa Usuuliddiinitti (Koolleejii Hundee Amantii)-tti barnoota jalqabe. Waggaa afurii booda, bara 1962tti, barnoota isaa sadarkaa ool’aanatti gaggeessuun, ragaa caalinsaa harka Bokkuu biyyaa Jamaal Abdulnaasir irraa fuudhate.

Sheekh Mahammad Rashaad, Masrii keessatti Oromoota biyya san keessa turan waliin warra hiriira diddaa Mootummaa Hayla Sillaase bahan keessaa tokko. Gaafasitti, Hayle Sillaasetti hiriira bahuun hafee, dura dhaabbachuu yaaduunuu raajii dha. Warri hiriira sanirra qooda fudhatan keessaa kanneen biyyatti deebi’an, basaasota mootummaatiin adamamanii hidhatti guuraman. Warri isaan keessa ajjeefamaniis jiru. Haalli kuni, Sheek Mahammad Rashaad keessaa, hawwii biyyatti deebi’ee waan barate barsiisuu sammuu baase.  Kanaaf akka barnoota fixateen Qaahiruma keessatti barsiisu jalqabe. Isaa haala kana keessa jiru, Soomaaleen bilisoomte. Gaafana, hojjataa Universitii Azhar tahee, biyya Soomaaleetti amantii Islaamaa barsiisuuf, ji’a Adooleessaa kan bara 1963 magaalaa Bur’oo dhaqe. Achitti, barsiisummaa malees, Masgiida guddaa magaalaa sanii keessatti Jim’ata-Jim’ata kuxbaa gudhutti seene. Eega bara sadi akkasitti ture booda, dandeeytii afaanii kan qabuun hajjataa mootummaa Soomaalee tahe.

Wanni Sheekni naannoo sanitti Oromoof hojjate keessa kan jalqabaa raadiyoona biyya sanii keessaan sagantaa afaan Oromoo jalqabsiisu. Bara 1965 raadiyoon soomaalee afaan Oromoo tiin dabarsuu kan jalqabe tattaafata Sheek Mahammad Rashaad godheeni. Sheekni sagantichi maqaa afaan Gaallaa akka qabaatu fedhe. Garuu diddaa alagaa fii nama keenyaarraa itti xixxeen maqaa afaan Qottuu tiin dabruu jalqabe. Sheekni Qottuurraa Gaallaa filatee kan qabsoo godheef waaltina sabaa uumuu dhaaf ture. Akka Sheekni galmeessetti, bara 1968, gaafa Jeneral Kabbadaa Gabree, ajajaan waraana mootummaa Hayle Sillaasee, biyya Soomalee dhufe, yaadaa fii komii Ziyaad Barreetiif dhiheesseen sagantaan afaan Qottuurraa gama afaan Gaalla’aa-tti geeddarame. Sheekni haala kanarraa akkaan gammade. Gammachuu isaatiis akka aramaa gadii kanatti walaloon galmeesse.

 

Kan Gaallaa didu takkaayuu diinumaa

Takkaayuu galtu’uu tanaaf isaan moroma

Takkaa ni hin laalinii taariikha isaatii

Takkaa wahiif fedha baduu maqaati

Yaa lammii too dubbii too dhagayaa

Maqaafii afaaniin harka tokko tayaa

Namni afaan keetii inni shanyii teetii

Qoqqottee hin gaafatin maali gosti teeti

Maqaa gosaa dhiisaa ka dhiyoo argame

Isa dur qabdhaa kan akkaan barame

Maqaan durattii isaa walitti qaba

Gosa sabaa hundaa taarikaas ni qaba

 

Hujiin dinqifamaan Sheekhaa kan sagantaa raadiyoonaatti aanu, qubee afaan Oromoo ti. Sheekni hayyoota afaan Soomaalee tiif qubee moggaasan keessa tokko. Gaafa karoora san fiixa baasaa ture, hawwii fii manaamni isaa sagantaa san keessaan afaan isaa guddisuu dha. Hawwii isaa kana, bara 1973, kitaaba Furaa afaan Oromoo ja’u harfii Laatiniin barreessee maxxansuun hujiirra oolche. Haatahu malee, akkuma gaafa sagantaa raadiyoonaatti, ammaas, warra maqaa kana dura dhaabbataniin hujiin isaa balaaleeffatamee, maqaan kitaabicha, Furaa Afaan Abbootti akka geeddaramu godhame. Garuu, bu’urri inni gaafas afaanichaaf lafa kaaye, sab-boonota booda ka’aniin fudhatamee, qubeen Laatiin afaan Oromoo tiin wal simatan. Yo if duuba deebi’amee laalame, wanni inni gaafas godhe, guddina Afaan Oromoo tiif asaasa cimaa tahe.

Sheek Mahammad Rasdhaad, bara 1965 irraa hamma 1984 raadiyoona Soomaalee keessaan amantii fii seenaa odoo barsiisuu, haala amantiin Islaamaa naannoo Gaafa Afrikaa itti seente akka qoratuuf jilaa waliin karaa biyya alaa ergame. Qormaata kanaaf biyya Yaman, Iraaq, Kuweetii fii Su`uudii dhaqe. Akka dalagaa ergameef rawwateen Sheekni Maqdisho`otti deebi’uu irraa oolee, biyya Su`uudii qubachuun kitaabbaan afaan Oromootti barreessuu fii kan Arabaa-rraa kan Oromo`ootti garagalchuu hujii godhate.

Sheekh Mohammed Rashaad, barreessuu fii afaan Arabaarraa garagalchuu jidduu, kitaabban 23 afaan Oromoo tiifii sabaaf gumaache. Isaan malees, hiikkaa hadiisa afurtamaa kan Nawaawii afaan Oromootti garagalchea. Sheekni, kitaabbaan amantii malees, Tooftaa Riphee Loltuu, Seenaa gaafa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Taarika Aammad Giraanyi, Qubee afaan Oromoo tii fii Akkaataa Qubeen Afaan Oromoo itti kaayaman nama barsiisan nama barreesse.

Hujiin guddoon Sheekh Mahammad Rashaad ittiin beekkame Qur’aana Afaan Oromootti hiikuu dha.  Qur’aana afaan tokkoon hiikuun hujii haalaan guddoo ti. Warri waan akkanaa godhu, dandeeytii malees, warra tin’isa diinaggee fii hamilee tan mootummaa ykn garee if duubaa abdatu. Sheekh Mahammad Rashaad garuu, gargaarsa malee, kophaa isaa hujii guddoo tana nama hojjate. Gaafa hujii baroota meeqaantam irratti dhama’e maxxasuuf dhiheesse, kan mudate, galatoomii odoo hin taane, dura dhaabbii dha. Warri dura dhaabbataniis alagaa ykn Araboota odoo in tahin Oromoota. Jara san maqaa dhawuunilleen barbaachisu baatu seenaaf galmeeffachuun dirqama sabaa ti. Sababni jarri dhiheesse tokko afaan kuni qur’aana ittiin hiikuuf gayaa miti kan ja’u. Sheekh Mahammad garuu, qabsoo godheen jara irra aanee, hiikkaan isaa sagaleen kaasetatti waraabamee, ummata isaatiif tola akka hiramu godhe. Akkuma kaaseenni hujiirra ooleen, hiikkaa barruun basuuf irratti hojjachuu jalqabe. Duuba, kanaas gaafa xumure, akkuma kan sagaleetti, warrummaan Sheekkotii Oromoo ti ifiin ja’an dura dhaabbatan. Haa tahu malee, Sheekni akkuma kan sagaleetti, dura dhaabbii barruutiis injifatee, akka maxxanfamee saba harka seenu godhe. Sheekni kan kana hunda godheef, maqaa ittiin argachuuf odoo hin taane, lammii isaa irraa wararrii wallaalaa dhabamsiisuu fi.

Sheekni waan afaanii fii aadaan tahan nama ganamaan akkaan hubate. Kanaaf, Afaan Oromoo afaan waan hunda ittiin hojjatamu tahuu mirkaneessuuf waggaa shantam caalaa ijibbaata adda hin citin godhe. Jaalalti Sheekni guddina afaan isaatiif qabu himanaa oli. Jaalala isaa kana walaloo isaa keessati akkanatti ibse.

 

Yaa Afaan Oromoo Rabbii si guddisee
Nama siin dubbatu sumaaf heddummeesse
Adunyaan si beekaa anilleen si wallaaluu
Karaa keetiin malee nu alaa hin gallu

Ormi adunyaa dhaa yoo dubbii kee kaase
Afaan muuziqaa dhaa je’ee ti si faarse

Yaa afaan Oromoo yaa kan zalaalamii
Kan sii je’ee du’e hammamii hammamii
Mee akkamiin si gannaa nuti siin mul’annaa
Odoo ati baddee matumaan dhabamnaa
Karaa kan kee kanaan harka tokko taanaa
Sumaan gurgurannee wal irraa bitannaa

Yo nu karaa banne siin karaatti deebinaa
Yoo nu dhukkubsanne sumaan wal gaafannaa
Yaa Afaan Oromoo mee akkamiin si gannaa
Salaamtaa jaalalaa siin walii erginaa

Yaa Afaan Oromoo yaa haadha guddinaa
Har’aa fi borullee nuti siin mul’anna

Gooytaan haa guddisu warra si mul’isuu
Dachee haa seensisuu warra si saph’lisu
Namni si saph’lise rakkatuuf jiraataa
Gaafa tasaa geessee biiluu tee irraa baata

Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo, Soomaalee fii Arabaa ti. Amantii malees, Falsafaa, taligaa haala namaa, heera taliga`aa, Ilminnafsi, Joograafii fii barnoota miya lolaa nama barate. Sheekni barruu leexaa malees nama yaada isaa walaloon qarqabu. Haala kanaan, walaloota jaalalaa, jaalala biyaa, hamilee namaa dammaysanii fii kakaasan heddu barreesse. Kitaabban haala kanaan afaan Arabaa fii Oromoo tiin barreesseen Majistraa ykn Maastreet fudhate. Haaluma saniin, dandeeytii isaa kanaan Universitii Engilzirraa Dooktaraa ykn PhD gonfate.

Sheekh Mahammad Rashaad, haala armaa olii kanaan odoo hifaata malee saba isaa tiif hojjatuu, jiruu baqaa tan waggaa shantamii fii saddeetitti booda, bara 2009itti biyyatti deebi’e. Eega biyyatti deebi’ees, akkuma duritti waan itti amanu ifatti dubbachuu irraa if duuba hin deebine. Haaluma kanarraa kan ke’e, yaroo gabaabduu dura, warra Ahbaash ifiin ja’an, kanneen mootummaan Wayyaanee meeshaa godhattee deemmatuun balaaleeffatteen, mana adaamaa keessatti duraan kennameef irraa arihamee, Dirree Dhawaa qubachuu dirqame.

Sheekni, ergarama jiruun baqaa tiifii umriin muddeen odoo yaratuu, Ebla 25, bara 2013, umrii waggaa torbaatamii sagaliitti, magaalaa Dirree Dhawaa keessatti aakhirame. Ogummaa baratanii fii hayyummaa horaniin dantaa mataa isaanii gatanii, waan dhimma sabaa if dura oofaa warri hojjatan, yarumaa hundaa, qoma lammii isaanii kessatti jaalala addaa qabaatu. Awwaalcha Sheekhaa irratti kumaatamni Oromoo akka argamu kan godhe kana. Sheekh Mahammad Rashaad haala takkaa argamee ykn dhagayamee hin beekkamnetti awwaalame. Inni awwaalamuus, maqaan isaa abad baduuf hin jiraatu. Sab-boonummaa fii murannoo ajaa’ibaatiin faayamee, qoonni guddina amantii Islaamaa tii fii afaan Oromootiif gumaache, lammii dhufaa jiruun kan dinqifamu taha.

 

Waaqni Jannataan haa qananinu!

 

Abdurashiid  Abdurahmaan (AbbaaUrjii)

Waxabajjii 02, 2013

Torontoo, Kanadaa

 

Hub: Seenaan Sheekhaa kuni, Guyyaa Yaadannoo isaa kan Magaalaa Torontootti     qophaaweef, barreeffama isaa keessaa kan dubbuuyfame.

 


Jaarraan maalif qabsoo hidhannootti ciche?

$
0
0

- Haasawa walgahii  Yaadannoo Jaarraa Abbaa Gadaa tan Altanta, USA irraatti  dhihaate
Jawaar Muhammad

Bu’ureessitota qabsoo Oromoo  kanneen tarree duraarratti maqaan isaanii dhawamu keessaa, tokko, Jaarraa Abbaa Gadaati. Wanni Jaarraan  qabsoo tanaaf addatti gumaache maali?  jennee yoo of gaafanne  adeemsa dheeraa  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jaaruuf godhame  keessatti carraaqqii godhamteefi milkii argamteef shoora sadarkaa duraa tapahcuu isaati hubanna. Roorroo Oromoorra gahuuf joollumamaadhaan laalachuu isaatiin ganamaan qabsoof bobbahe; bara 1966 Asabootirraa Minishir bitatatee qabsaa’ota barbaadee dirree falmii Baaleetitti makamee lolee lolchiise. Qabsoodhaaf meshaafi leenjii lolaa garayyuun ammayyee taate  qabaachuun akka barbaachisu waan hubateef  gargaarsa barbaacha gama Somaaliyaa, boodas Bahar Diimaa ceehee Adan, Baagdaadifi Damaasqoo  dhaqe. Achirraahis akeeka tokkooni qasaawoota leenji’amaniifi meeshaalee lolaa ammayyee tahan waliin deebi’uuf karaa bu’e.   Akeekni sunis Qeeyroo Ganamaatiin Qabsoo Hidhannoo Eegaluudha.  Wanni argame ammoo, milkii osoo hin tahin harka mootummaa Soomalee bu’anii hidhamuu tahe.  Mudannoon hamtuun waggaa shaniitiis  murannoo diina Oromoo qabsoo hidhannootin cabsuuf qabu isa keessatti hin laaffifne. Bara 1976-tti yeroo haalli Warraaysaa biyyattii jijjiiree hamilee qabsoo hidhannootiif jirtu laamshesse sanitti, sirni jiru hiddaan buqqa’u malee Oromoof furmaanni hin jiru jechuudhaan, qawwee lameen Elemoo Qilxuufaarraa gaafa lola Xirroo  hafte bakka itti awwaalamanirraa baafatee daggalatti galee WBO humnaafi caasaadhaan ijaarutti seene. Jaarraan gaafa yeroo duraatiif Asabootitti Minishir bitaterraa eegalee hamma guyyaa du’aan addunyaarraa galetti goota dawaan cunqursaa qawweedha jedhee amanu ture;  saba isaatinis hidhadhaa “ qarshiin jahaannam haa dhayxuu qawwee bitadhaa daggala seenaa” jedhee dawwaaqaati jiraate.

Akeekni barruu tanaa seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdukariim Ibraahim Haamid) barreessuu miti. Gumaacha inni qabsoo Oromootif godhes guututti keessa deemuu hin hedu.  Barruun tuni waa tokko qofarratti  fuulleeffatti: Jaarraa Abbaa Gadaatiifi Qabsoo Hidhannoo bifa waliigalaatin mil’achuudhaan sababoota gootichi kuni maloota qabsoo keessaa kan hidhannootitti akka gamuufi ittiis cichu isa godhan maal akka tahan xiinxaluudha.

Kanatti aansinee sababoonni  Jaarraa Abbaagadaa  qabsoo hidhannoo akka  fardeeyfatu goadhan maal fa’a akka ta’an  xiinxaluuf yaalla.  Sababoonni wahitti nama kaasan hedduudha. Kan wahitti akka cichan nama godhanis akkasuma.   Akka hubannaa  kiyyaatti waa afuriitu ilaalcha Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu qare. Afranis:

  1. Seenaa abbootii saa (seenaa warraa): seenaa qaccee irraa dhalateetifi kan Oromoo naannawa sanii tan inni joolummaarraa dhagayaa guddate
  2. Argaa-dhageettii  gocha gootummaa ilmaan Oromoo kanneen diinni ‘shiftaa’ jedhuun   kanneen akka Habiibifi Haamidoo faan nafxanyaarraan gayaa turanii
  3. Roorroo Oromorra geessu heeraafi sirna jiru keessaan furuuf yaalii godheerra  waan hubate.
  4. Hirmaannaa sossoha  Baalee keessatti godhe.

Sababoota afran kana armaan gaditti takka takkaan gabaabsinee haa laallu.

      I.          Seenaa abbootii

Jaarraan nama “ani qaccee abaluuti ykn hortee shanyii abaluuti” jedhee dhaloota isaatiin dhaadatu hin turre. Kanaafuu hamma dhihoo tanaatitti waa’ee dhaloota isaa wanni beeynu waa xiqqo ture. Waan kana ta’eefis  seenaan inni abbootii isaatirraa dhaale ilaalcha isaatirratti dhiibbaa akkam akka qabaate dilas hin xiinxalamne. Fooddaan garasitti fuulleeyachuuf hiree nuu laatte banamuun dhimma dhiheenya kanaati. Barruuleefi haasawa Jaafar Aliitifi  kitaaba “Raammisoo” Abdurashid Abdurahmaan nuuf dhiheesseetu fooddaa sun nutti mul’ise.  Abbaa  Urjii (Abdurashiid Abdurahmaan )  kitaaba isaa “Raammisoo” keessatti seenaa abbootii Jaarraa akka kanatti aanu kanaan kaaye.

“Walakkaa bara 1876, gaafa Ibroo Shaxaa, abaabayyuun  Jaarraa Abbaa Gadaa, lola Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu wareegame, ilmi isaa, Haamid, dardara ture. Lola Calanqoo booda, bara 1889 keessa, gaafa Minilik, summii buna keessatti naqeen, Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa, Ibraahim, joolle. San booda, bara 1936 keessa, gaafa Ibraahim Haamid, nafxanyoota hawaasa Baha Oromiyaa sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen araraasaa bahan, adamuun, hijaa irraa bahaa ture, ilmi isaa, Abdukariim hoggaas dhalata.”

 Wanni kanarraa  hubannu abaaboo, akaakoofi abbaan Jaarraa weerara ummanni Oromoo  dhuma bardhibbee 19fatifi jalqaba bardhibbee 20fa keessa  mudate, kan boodas alagaa jalatti isa oggolchiise keessatti warra diina faccisuuf suduudaan hirmaatan tahuudha. Jaarraanis akkuma guddattuu kamiitittuu seenaa abbootii isaa kana dagaayaatiifi qomattiis galfachaa guddachuun  akka malu tilmaanmna.  Kanafis ragaan keenya  waa’ee qabsoo Oromoo hoggaa haasayu Jaarraan yeroo hedduu seenaa lola calanqoo, gootummaa Murti Guutootifi jabeeenya Raabaa Doorii akka fakkeenyaatti dhiheessa. Seenaa akaakayyuu isaa kan  Ibroo Shaxaatifi  kan akaakoo isaa Haamid Ibrootrraa garaagarummaa qawweee qabaachuufi dhabuu, akkasumattis ammayyummaan hidhannootiifi gurmuu waraanaa  shooraafi sadarkaa lola keessatti qabaatan waan hubate natti fakkata.

Warraani Misraa kan Ra’uuf Paashaatiin ajajamu baha Oromiyaatin osoo hin bayin dura Oromoon naannawa sunii heeraafi seera sirna Gadaatin walbulchaa, waraana ofii Raabaa Doorii jalatti jaarratanii biyya ofii diinarraa eeggachaati turan.  Weerara kamuu ofirraa faccisuudhaan, daangaa ofii kabajsiisanii  olloota waliin qajeellotti wal beekanii kabajaadhaan waliin  jiraachaa turan. Waraanni Misraa kan gaafasii waraana cimaa Ingilizoonni  jalaa-guubbatti meeshaa ammayyee hidhachiiftee bobbaafte ture. Waraanni Raabaa-Doorii, jechuunis waraanni Oromoo seera Raabaa Dooriitiin ijaarame, diina akkasii achiin dura takkaatuu argee hin beeku.  Akkasiinuu waraanni  Orfoo Jilootin hogganamu sun, gootummaan isaa hanqattee, aadaa luynaa ladda’atee dirree lolaatii hin dheessine;  tokkummaa sirni Gadaa isa badhaafte jabeeffatee qabatee hidhannoo qabuun:  eeboo, mancaa, wantaafi xiyya isaatin diina dura dhaabbate.  Madaafa ibidda tufuus jalatti siqanii afriidhaan afaan danqaranii  cal’isiisuudhaan gootummaa seenaan dinqifatte galmeessuu dandayanii jiru. Haala sun keessatti tooftaan waraana Ra’uuf Paashaa hulluuqqoo marsaa keessaa ittiin bahu argachuu qofa tahe. Akkasiin  raphaasa rasaasa itti roobsee hulluuqqoo xiqqoo takka banatee magaalaa Adaree Biyyoo dhuunfate. Akkasiinuu  ganna kudhaniif darbii magaalaa Adaree keessaa gadi bahuu  kutanii, biyya Oromoo kolonii Ingilizii jalatti galchuu hoongessanii, bara 1885-tti injifannoo goonfatanii waraana diinaa biyya ofii keessaa baasanii jiru.

Pirofesor Mohammed Haasaniifi Jilchaa Hamid akka katabanitti lolli waraana Misraa waliin godhame kun injifannoo Oromootiin  goolabamus, humna waraanaa Oromoo akka maleedha laafffise. Tokkoffaa, waraana Raabaa Dooriitirraa nama 20,000-30,000 ta’utu dhume. Lammaffaa  qondaalonni Raabaa Doorii mooyxaa waraanaa qaban  heeduun, abaabayyuu Jaarraa, Ibroo Shaxaa dabalatee,  ni wareegaman. Sadaffaa, lola dheeraa kanarraa kan ka’een faradoon hedduun rasaasaan, beelaafi dhukkubaan waan dhumaniif  cibirraaleen faradoo (cavalry) guututti diigaman. Afraffaa,  lolli dheeraan kun leeccalloo  ummataa  xuuxeeti humna diinaggee biyyaa laaffise.

Oromoon osoo daadarkaa tanarraa dandamachaa jirtu weerarri haarayni gara kaabaatin eegalame. Waraanni Misraa darsa saa guurratee bahee  waggaa sadihiitti, bara 1887,  waraanni nafxanyaa Calanqoon as bahe. Warraanni Minilik kuni Oromoo naannawa biraa cabsee injifannoodhaan machaawee, waan saameen diinaggeedhaan of cimsee, qawweelee ammayyee  garii shammadatee gariihis kennaadhaan argatee, ogeeyyii  waraana warra faranjiitin gargaaramee tarsiimoo lolaa baafatee waraana Afran Qalloo (Murti Guutorratti)  lola  bane. Oromoon immoo, qawwee dudullatti lakkooysaan dhibba tokko hin geenye kan waraana Paashaarraa buufatan, rasaasni waa xiqqo qoftiin keessa jiruun  diina dura dhaabbatan. Cibirraaleen  fardoo  waan laamshayeef mancaa, eeboofi wantaa isaa qabateeti lafoo dura dhaabbachuuf dirqame. Akkasumaanuu waraanni Murti Guutoo,  waraana Minilik kan  lafootiin (infantry)  qaawwedhaan caalamuus bobbaa diinaa  hedduu ofirra faccisuu dandayeeti ture. Booda garuu madaafa yuusaa ibidda tufu, bakka fagoo  eeboofi mancaan hin dhaqqabne  dhaabaniin duubbee Raabaa Dooriin  loltuu irraa bobbasuufi madoo itti wal’aanatu ibidda itti roobsan. Bifa saniin qawween sodaattuun hidhatte habalee gootaa moohattee, nafxanyaan akkuma kutaalee Oromiyaa kanneen birootti gootetti dachii Humbannatis qabate. Qondaalota Raabaa Doorii kanneen gaafa Calanqoo Calii baraaran, kanneen akka Hamid Ibroo (akaakoo Jaarraa)  kopha kophatti galaafatanii ummatas hoggana silaa bakka caphanii isaan kaasu dhabsiisan.

Gaaga’amni weerarri Misraatifi  kan Minilik Oromootarraan gahe biyya teenya qofatti osoo hin tahin addunya guututti, gaafni  injifannoon lolaa gootummaa loltootaatifi qaruutummaa tarsiimootiin  walcaaluun murtaawu sun akka dabarte dhawwaaqe. Fakkeenyaaf lola waraana  Sudan kan Darbuush jedhamuuf, kan   Abdullaa Al-Taashitin hogganamuufi waraana Ingilizi jiddutti, bara 1898, dirree lolaa Umdurmaanitti godhamerratti  waanuma Calanqotti ta’etu raawwatame. Winston Charchil, kan booda muumicha ministeera Ingiliz ta’ee, warrana san keessatti akka loltuufi gabaafutti hirmaate, gama isaa jajuun   akka gabaasetti; lola  gaafasii keessatti warraana Darbuush 52,000 ta’utu kan Inglizi 8,200 aan moo’ame. Iccitiin injifannoo tanaa garuu akkana. Warri Suudan qawwee dullattii takka nyaatteefi meshaa harkaa kanuma akka Oromoon qabuu saniin itti baye. Warri Ingiliiz ammoo madaafa ammayaa gurguddaa, qawwee otomaatikaa,  akkasumattis loltuu uffata raasaasafi eeboon  laaftutti hin dirre ( body armour)  uffateen dhihaate. Yeroo lolli ganama subii banamu, osoo lultuun Suudan meetira 2750 bira as hin dhihaatin muraasni madaafaa (artillery brigade) kurkurruu ibiddaa itti gadi roobse. Qawwee warri Suudan hidhatee keessaa tan akkam jabduu rubuu fageenya kanaa deemuu hin dandesssu ture. Waraanni Darbuush gootummadhaan reeffarra waltarkaanfataa mukatti dahataa ori’us osoo meetira 50 wuu dahoo  Ingilizitti hin dhihaatin dhukkaawan. Lola sa’aa jaha qofa ture kana keessatti, Darbushoota nama 10,000 du’aan, 13,000 modoon, kuun ammo qabamuun moo’amuu  mudatan. Gama Ingiliziin garuu nama 47 qofatu du’e, madoon 382 ture. Darbushoonni Suudaan, akkuma Raabaa Doorii Oromoo, guutummaafi tarsiimoo lolaatiin diina caalanis, qawwee ammayyaatin moo’amanii bittaa alagaatiif oggoluu dirqaman.

Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) abbaa isaatifi manguddoota  biyyaatirraa  seenaa gootummaa Murti Guutoo kana dhagayaa guddachuun isaa, murni akkasitti gootaa akkamiin cabee alagaaf jilbiiffate?  gaffiin  jettuus mataa saa  keessatti uumamuun kan hin hafin  natti fakkata.  Seenaa abaaboofi akaakoo isaatti dabaltee kanummaan abbaa isaatuu yaada kana cimsuu mala. Abbaan isaa Ibraahim Haamid, nama hayyummaa isaatitti fayyadamuuf mootummaan Haylasilassee ofitti dhiheessee aangoo keennef ture. Garuu beekkomsi isaatiifi aangoon alagaan kenniteef kuni saba saatiif hamma fedhe laalatuus roorroo ummata isaaairra gayaa ture irraa ittiisuuf isa hin dandeessifne. Kanaaf ammo deebiin isii;  luynaafi  goota onneedhaan , hayyuufi doofaa harsamni  qaruutaadhaan gargar tahuun isaanii hafee, qawween luyna goota gootee  doofaas hayyuu akka gootu waan hubate fakkata. Hanquun Oromoo diinaaf cabsite maal akka taate waan hubateef  Oromoon deebi’ee mirgaafi kabajaa isaa goonfachuuf malli tokkichi  ‘ibidda alagaan ittiin  nu gubu san nutis horachuudha’  yaanni jedhu  ganamumaan sammuu isaa keessatti habaqaalame. Bifa waliigalaatiin  hubannoon seenaarraa goonfate sababoota Jaarraan umrii saa guutuu qabsoo hidhannootitti akka cichu godhan keessaa tokko jechuu  nu dandeessisuuf ragaa jabaadha.

 

    II.          Fakkeenyummaa “Shiftoota” Oromoo

Oromoon diina hidhannoodhaan ol’aantummaa qabuun caalamee cabuus  gadi aantummaa fudhatee roorroo amanfatee  bilisummaa irraanfatee akka  hin  jiraatin ragaan hedduudha. Bakka takka takkatti hogganoonni hawaasaa hambaalee sirna Gadaatifi tan Raabaa Doorititti fayyadamanii  ummata gurmeessanii finciluudhaan yeroo gabaabduufilleev taatu nafxanyaa offiraa buqqaasuu yaalaati turan. Bakkoota biraatti ammoo, matayyoonni Oromoo kanneen addatti roorroo, gidiraafi miidhaan itti hammaattetti  haluu baafachuuf hawaasa keessaa bahanii gaaratti gaman. Akka moggaasa sirna nafxanyaatti “Shiftaa”  tahan jechuudha.  Oromoota bifa kanaan fincilanii maqaa horatan keessaa Salaaletti kan akka Hagarii Tulluuti, Muluu Wasanuutifi Asaffaa Shaaroo Lammii, Arbaa Guugutti Tuntunaa fa’aa maqaa dhawuun ni dandayama. Baha Oromiyaatti ammoo Hamidoo Ibroofi Habiib gootoota  fincilli isaanii hidda nafxanyaa raase keessaa warra hangafaati. Gootoonni kun maqaa ‘shiftaa’ jedhuun haa beekkaman malee, shiftoota Habashaatirraa adda akka ta’an hubachuu feesisa.  Shiftoonni Habashaa sababni gaaratti galaniif ummata saamuu dalagaa godhachuufi. Seenaa ‘shiftoota’ Oromoo bebbeekkamoo  yoo qorannu ammoo, wanni manaa isaan baase roorroofi saaminsa  nafxanyoonni irraan gayan hifachuudhaan akka fincilan agarra. Hedduun isaanii nafxanyoota biyya bulchan ajjeesuudhaan qawwee irraa fudhatanii gaaratti galan. Nafxanyoota midhaan ummataa saamanii fe’atan reebanii buufatan malee kan ummata nagayaa hin tuqan.  Fakkeenyaaf waan  Haamido fincilsiise Abdurashiid kitaaba saa‘Raammisoo’ keessatti  bifa armaan gadii kanaan kaaye:

“Haalli Haamidoo fincilaan gaye roorroo nafxanyaan Weeyzaro Kaasaye ja’amtu,  obboleessa isaatirraan geesse. Gaafa tokko sababa saffarrii irbootiin itti dallantee, qaallitti obboleessa irra guddaa Dashoo Ibroo, xilaan garaftu Haamidoon arke. Intalti dhalaa ilma dhiiraa tokko warra isaa duratti harka itti laachuun onneen  Hamidoo fudhachuu didde. Coraan suukannaawe. Gocha qaallitti tuffii tuffii olitti fudhate. “haalli kun narra numa hin geenye” ifiin je’ee bara 1942 keessa umrii diiydamii shaniitti, Albeen “caphaa tokkoon gara gaara seene.  Odoo hin bubbulin , Xuullo keessa idoo Khadee Ashee ja’amutti nafxanyaa ganda hiraarsu tokko galaafate. Itti aansee Aanaa Masalaa, naanno laga Xuuxxootti kan biraa tokko dhabamsiise. Oduun tuniis nafxanyoota baadiyyaa keessa aka fedhanitti sossohaa turan ni bir’atan.  Kanaaf ashkaroonni mootummaa gaaraafi dakatti isaan barbaaduu jalqaban. Gaafa kaan, Haamidoofi waraanni isa barbaada deddeemu  Eeldhaaye gama dhihaa, irkata Boortee Dhuuggootii’ol, iddoo qalaya jedhamutti wal afaan dufan. Haamidoon, Shaalaqaa waraana if duuba tarrisee boonaa dura deemu halaalaa adda keessa dhawee gaangeerraa lafatti darbe. Qaallichi lafa dhooynaan waraanni isaa dheeyfa dhukkee kaase. Mootummaan haala ashkaroonni isii mudate raadiyootti ibsullee baattu gurra ummataa seenuu dhoorkuu hin dandeenye. Ummanni biyyaa gama isaanitiin akkana jechuudhaan gooticha saa faarfate:

“Haamidoo Ibroo dhaa leenca haati deeyse
Mataa malee hin dhawuu mangistiin dhageeyse

Shiftaa gaara Guuguu hunda qaqqabanii
Kan Laga Dabbasoo Haamid dadhabnii
Gabbatee Kharra hin seenu,qarmaammee diigan malee
Beelawee shaashoo hin quufu, mirgoo gorro’an malee” jedhanii ilma isaanii kanaan boonan

 Tarkaanfiilee gootummaa Haamidoon fudhate nafxanyoota dhiiga ummataa xuuxan  bahaa-gala dhoorkiteeti  Oromoota onnachiiftee gara gaaraa qaceelchite,

 “…cifroonni isaa yeroo gabaabaa keessatti dhibba caalan.  Kun nafxanyaa gibira guurtu bira dabree mootummaa guddittiihuu baarayse. Haala  kanaan “Ilmi Ibroo Haamidoon, waggaa diigdamii afuriif mootummaa Habashaaa  lubbuu itti guraaraa bahee , bara 1966 keessa, seenaa dhaloonni naannoo sanii ittin boonuu qaban dhiisee, umrii 49tti kute. Seenaan Haamidoo, haawsni keenya yoo akka isaatti ifirratti lolan bulchiinsa Habashaa jalaa walaboomuuf yaroo dheertuu akka irraa hin fuune hubachiise,” (Raammisoo, f. 296)

Jedha Abdurashiid seenaa Haamidoo  bifa gabaabduun dhiheesse yoo goolabu.

Oromoota dalagaa Haamidoo tanarraa waa hubatanii booda faana isaa dhahanii  qabsoo bilisummaa saba Oromoo hidda gadi dhaaban keessaa tokko Jaarraa Abbaa Gadaati.  Gaafa Haamidoon gaaratti galu Jaarraan daa’ima waggaa jahaati, gaafa inni wareegamu ammo, dargaggeessa waggaa soddomaati. Kanaafuu umrii sammuun isaa waa qabattu (formative years) keessatti dalagaa gootummaa Haamidoo dhagayaatifi argaati guddate.  Moyxannoon fincila matayyoota akka Haamidoo fa’arraa argame hubannoo ilaalchaafi tarkaanfii booda fudhateef bu’ura jabaa gaafas horate jechuun ni dandayama. Hubannooleen kunis;

Kan duraa, garaagarummaa nama qawwee qabuufi hin qabne jidduu jirtu. Namni qawwee qabuufi itti fayyadamee alagaa rukute, mirga ifiitifi kan fira isaa kabachiisuu akka dandayu. Kan lammataa matayyaan tokko onnatee hidhatee  yoo fincile nafxanyoota  injifachuu isaaniitiin of tuulanii waaqaan if qixxeessan wareerarsee  mootummaa   isaanii tan ‘waaqarraa kennamteef’ sun daddaaysuu ni dandaya. Akkasumattis, kan sadaffaa,  namni qawweedhaan  diina hangas raase, ummata isaa kan hamileen caphxee,  jiruun itti jallattee gabrummaa qaama godhate yeroo  gabaabduu keessatti a dammaqsee qalbii caphxees akka kabsachiisu hubate.

 

  III.          Yaaliin sirnaafi heera jiru keessaan qabsaa’uf godhe fashaluu

Jaarraan seenaa finciltoota Oromootirraa hubannoon  joollummaadhaan  qomatti qabate kun   moyxannoo sirna nafaxanyaa keessatti matuma isaatiifu isa mudataniin daran jajjabaatan. Seenaan Jaarraa kan    hedduminaan   beekamu kanuma warraaysa keessaati. Haa ta’aa ammoo Jaarraan Abbaa Gadaa akkuma Oromoota hedduu, osoo warraaysatti hin seeninin dura mootummaa jirtu keessaan dantaafi mirga saba isaa kabachiisuu yaalee ture. Asabootitti manguddoon biyyaa paarlaamaa Itoophiyaatti filamee  akka dantaa isaanii mootummaa biratti eegsisuuf itti waywaannaan, nafaxanyaa tokkoon waliin dorgome. Filannoo paarlaamaa tab bara 1965tiif ummanni naannawa suniitis buqqa’ee  baheeti Abdukariim (Jaarraa)  file. Sagaleen isaanii  garuu, bakki buute dhabamtee namichi kuun moohate  jedhaniiti deebisanii irratti shuuman. Kanarraahis Jaarraan  filannoon mootummaa sanii tan dharaatifi nafxanyoota ummata xuuxaa jiran waarsuufi  ‘halaal’/tan heeraa  (legitimize)  fakkeessuuf godhamtu tahuu ni hubate. Namni haqaan ummata isaatif falmuu barbaadu filamuu akka hin dandeenyeefi ummanniis hamma fedhe bahee yoo filate nama ifii barbaadan  bakka buufachuu akka hin dandeenye ragaa harkatti qabate.

Moxannon xumuraa tan Jaarraa qabsoo hidhannootif garaa murachiifte yaalii haqa intala Oromoo takkaa gara mana murtiitin argamsiisuuf godhe. Mudannoo  jireenya Jaarraatiifi seenaa Oromoo jijjiiruuf teeysu  tana Abdurashiid bifa armaan gadiitiin kaaye.

“…Guyyaa tokko , niitii jaarsi mana hidhaa Asaboot keessatti irraa ajjeefame , tan hulaa foolis xaabiyaa duraa boochu takkaan walitti dhufe. Kan warri arkan marti bira kutan, Jaarraan, nahuufii bira dabree, akkuma amala isaatti, gargaarutti seene. Tattaafanni niitii bira dhaabbachuu kun Jaarraafi ajajaa foolis xaabiyaa, Shaambala, tooyanna isaa jalatti namichi du’e, wal afaan buuse. Jaarraan dhiiga namichaa baasuuf Shaambalticha  mana heeraatiif dhiheeysuu murteeffate. Haa ta’uu malee , Jaarraan Adareefi Asaboot jidduu deddeebi’ee, Amaarticharraa wahuu siiysuu dadhabe. Waraqaa yaamicha mana heeraa tan Adaree itti fidu , Shaambaltichi, ija isaa duratti cicciruu bira dabree “ aante Gaallaa aselechihaallehu” ( yaa Gaallicha siin hifachiisa) jechuuniin heeraa ol tahuu isaa irra deddeebi’ee mirkaneesseef. Gama biraatiinis , doginyoota haala kanarratti gargaarsa gaafatu keessaa, “dubbii tana yoo dhiifte irra siif wayya,”  warra ja’uun malee kan tin’isa laatuuf dhabe. Ijibbaanni Shaambalticha mana heeraa dhiheessuuf godhu , guyyuma guyyaan Jaarraa rakkaa dhufe. Dubbii if dura dhiibuu dadhabuun , guyyaa bira taree, halkan hiiriba isa dhoorke. Kana keessa seenaan Haamidoofi Habiib sammuu boo jihan.”( Raammiso, f. 327 )

Moyxannoon tun  yaada Jaarraan joollummaarraa eegalee surrii keessatti baadhatee dhawaataan bilchaachaa ture gadi jabeessiteef. Kunis warri qawweedhaan aangoo yaabe hammamuu ummataan jibbamuus dadaan sireerraa bu’uuf akka  hin teenya qajeellotti ifa taateef. Sirni qawweedhaan jaaramee qawweedhaan tikfamaa jiru qawweedhaan diigamu malee mirgaafi dantaan sabaa walarkuuf akka hin teenye mamii takkallee garatti hin hambifne.  Gaafasii kaasee Jaarraan qabsoo hidhannootin sirna sun hiddaan buqqisuuf tarkaanfii fudhatu mara itti fufe.

  IV.          Sossoha  Baaletti Hirmaachuu

Wanni Jaarraan finciltoota akka Haamidootirraa hubate bu’aa isii qofa osoo hin tahin hanquu isiitisi. Finncilli matayyoonni hiraar jalaa bahuuf kophaatti yookin nama muraasaan godhan nafxanyoota naannawa sanii agabsee mootummaa san shoorarkeessus  sirna cunqursaa hiddaan buqqaasee ummata bilisummaa goonfachiisuu akka hin dandeenye ni arge. Wal simannoon qawweefi gootaa  jijjirama waaraa fiduu kan danda’u ummata gurmeessee fincila walootiif  yoo bobbaase qofa  yaanni jedhu mataa isaa seenuun tarkaanfi kanatti aansee fudhaterraa hubachuu dandeenya.  Kunis qawwee bitate baadhatee kophaa  gaaratti galurra, ilmaan Oromoo bifa gurmaayeen fincila geggeessaa jiran iyyaafatee, bara 1966  gara Baalee qajeele. Gaafa Oromoon malkaa xiqqaa gamattuu walwallaalchisame san keessatti, gosaafi naannawa isaa keessaa bayee, Waabee gamatti, warra arraanni ( dialect) isaanituu qaceellotti hin galleef waliin duulee wareegummaaf of qopheessuun isaa  qabsoon hidhannoo bifa gurmaaween godhamtu hangam takka barbaachiftuu tahuu hubachuu isaatiif  ragaadha.

Sossoha Baalee keessatti hirmaachuun hubannoo biraatis  ni kenneef. Kunis  fincilaaf umna gaaratti galurra ummata dammaysanii loluun irra wayya tahuus,  leenjiifi hidhannoo ammayyee qabaatee caasaa sirna qabuun jaaramuu baannan lafa garaa sun gahuu akka hin dandeenyee arguu isaati. Fnficilli Baalee ummata guutuu sochoosee, nafxanyota dachiirraa buqqasee naannawa san dhuunfatuus, jaarmaya waraanaa ititaafi tarsiimoo yeroo dheeraa  dhabuurraa sadarkaa sirna mootummaa sun fonqolchuurra gayuu hin dandeenye. Kanaaf, Jaarraan  waraana bifa ammayyaatiin leenjifameefi caasaa turuu danda’u waaraa ( sustainable) jaaruuf gara  biyya Yaman magaalaa Adanitti  qajeele. Akkuma yaadettis qabsaa’ota akka isaa walitti qabuudhaan Qeeyroo Ganamaa, nama 36  of keessaa qabdu, kan leenjii gahaan qaramteefi bifa ammayyaatiin jalaa-olitti jaaramteen Oromiyaatti as qajeele.  Dogongora addeela imalaatirraa dhalatteen mootummaa Soomalee harka bu’uun akeekni Qeeyroo Ganamaa akka yaadametti fiixa bahuu baatus, hidhaa waggaa shanii booda hubannoo seenaa abbootii isaa, mooyxannoo finciltoota Oromootiifi sossoha Baaletirraa argate osoo hin dagatin, bara 1976tti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gadi dhaabuu dandayeeti jira..

 

Goolabbii

Barruu tana keessatti moyxannoon Jaarraan joollummaadhaan keessa dabre qabsoo hidhannoo Oromoo jaarufi boodas itti cichuuf murteessaa akka tahan agarsiisuun yaalameeti jira. Jaarraadhaaf Oromoon qawweedaan caalameeti caphe,  qawwee dhabaaf oggolee jiraate; furmaanni kanaatis qawwee barbaaddatanii diina ibiddaan namatti roorrisu ibiddaan dura dhaabbachuudha.

Sabboontonni qabsoo Oromoo bu’eerressan Oromoo sirna cunqursaa jalaa baasurratti akeeka tokkicha qabaachaa turan. Akeeka kana galmaan gayuuf ammoo, tarsiimoo, tooftaafi bifa jaaramayaa akkamiitu irra faaydaa qabaata yaada jedhurratti garaagarummaa ilaalchaa qabaataa turuun isaanii beekkamaadha. Sababoota garaagarummaa fidan keessaa, tokko,  akkaataa ormi  kun itti dammaqanii qabsoo Oromootif itti lafaa ka’ani jedheen yaada.  Akkaataa dammaqiinsa bu’ureessitoota qabsoo Oromoo bifa waliigalaatti  bakka lamatti qooduu ni dandeenya. Murni  tokko warra mudannoo roorroon mataa saaniitiif  saba isaaniitirraan geessen dallananii qabsoof ka’ani taha. Murni lammataa warra hubannoo xiinxallii siyaasaa:  akkaataa Oromoon bittaa alagaa jalatti itti kufte, waan irra gahe, akkasumattis siyaasaa addunyaa,  manneen barnootaatiifi  kitaabota dubbisaniifi dhagayanirraa kanneen dammaqan of keessaa qabaata. Garaagarummaan tuniis akkaataa sabboontonni kun gara qabsoo itti seenanii qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu keessati wanni durfama qabu  (priority) maali? waan jedhurratti ilaalcha adda addaa akka qabaatan isaan godhe.

Warri mana barnootaatitti dammaqe xiin-laalcha saatteeysuufi bilcheessuuf durfama kennan. Qabsoo jabduu milkiidhaan xumuramtu gaggeessuuf dhaadannoon jalatti hiriiran “ummanni dummaqee, gurmaawee, hidhatee qabsoof bobbohe ni injifata” kan jedhu taha.  Akka ilaalcha kanaatti sababni guddaan Oromoon cunqursaa jala akka jiraatu godhe wallaala  ykn doofummaadha jedhan.  Sabni diinaafi fira ofii adda baafatee hin beekne, wal hin beeku; waliinis qabsaawuu hin dandayu. Mirgaafi dirqama isaa adda baafatee hubachuu baannaan mirga isaa falmatee dirqama saa hobbaafachuu hindandayu.  Kanaafuu  saba tokko cunqursaa jalaa baasuuf seenaa isaa, haala jireenya isaa, firaafi diina isaa, barbaachisummaa qabsootifi tarsiimoo qabsoo sunii barsiisuun dirqama taha. Nama akkanaan dammaqe jaaruun ykn gurmeessuun  laaftuudha;  hidhatee hoggaa bobbahees goobaan galeeti bu’aa buusa.Warri ilaalcha akkanaa leellisan  “Namni hin dammaqin hidhatus bu’aa hin buusu” yaada jedhu waan qabaniif  qabsoo hidhannoo labsuu dura, qabsoo siyaasaa gaggeessuun dirqama   jedhan.

Warri moyaxannoo ofiitirraa dammaqee qabsoo eegale yaada ummata dammaqsuufi ijaaruu jedhu kana  jibbuu baatanis akkaataa qabsoon ittiin eegalamtuufi ittiin guddachuu qabdurratti ilaalcha biraati qaban. Moyxannoo isaaniitirraa wanni hubatan humnaaf maddi guddaan qawwee tahuu itti mul’ata. Jaarraan murna kana jalatti ramadama. Ilaalcha dammaquu, jaaramuu, hidhachuu jedhu kana jibbuullee baatu, hidhatanii falmuuf haal duree kaayuun hin barbaachisu nama jedhu ture. Akka ilaalcha isaatti hidhannoon jiraannaan saffisaan galma gayuun ni dandayama. Sababni isaatis wanni ummata tokko oggolchiisee  akka cal’isan godhe,  sodaafi abdi kutannaa   humnaan caalamuun fidde tahuudha. Ummata onneen keessatti darrattee abdii kutate tokko hanga fedhe itti lallaabaa oolan kan keessaa dammaqu nama muraasa qofa. Hangi xiqqaan kunis kan wallaalarraa oggole osoo hin tahin kan  qawwee dhabarraa  osoo keessi isaa gubatuu diina jalatti buluuf dirqame.  Irra jireessi ammoo, humna bilisummaa ittiin horatan  hin arkannu jedhee waan amanuuf gorsaafi barnoonni kennamuuf gurra tokkoon seenee kaaniin yaa’a. Kanaafuu ummata akkasii dammaqsuuf, qawwee diinni qabu sun horachuu  akka danda’u,  hidhateetis diina dura dhaabbachuu akka dandayu, haala  qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha. Humna hidhateetu ummata dammaqsa, ummata dammaqe sunis of jalatti hiriirsee diinarratti bobboosuuf dandeettiifi qophii qaba jedheetin yaada.  Yaann kuniis  kaka’uumsa ummataa dabballee takkaan maletti  gaafa Haamidoon faan nafxanyaa karaa dabruu dhoorkan saniifi , akkasumas sossoha Baalee kan   sagantaa siyaasaa takkaan maleetti ummanni guutuu biyyaa diinarratti bobba’e sanirraa ragaa qaba.

Ilaalchi addaa kan Jaarraan Abbaa Gadaa horate kuni hoggaa bara 1976-tti  inni Finfinnee dhufe waan ta’erraa ifatti mul’ata. Gaafas sabboontonni jaarmaya qabsoo jaarurratti bobbahan,  hiree  kufiinsa mootummaa H/ Sillaasee booda argamtetti fayyadamanii, mootummaa harayatti jaaramaa jirtu keessatti hirmaachuun,  Oromoof waa buusuudha yaalaa turan. Kanaafuu  yaanni qabsoon hidhannoo haa eegalamtu jedhu hangas mara dhageettiis fudhatamas akka  hin argatin ifa jira. Akka Jaarraan jedhetti namoonni hidduun yaada inni ammuma qabsoo hidhannoo haa eegallu jedhu saniin mormuu baatanis hamilee guddaa hin qaban ture. Irra hedduun isaanii ummanni sirritti waan hin dammaqiniif,  leenjiifi hidhannoo gahaan waan hin turiniif qabsoo hidhannoo eegaluuf yeroon hin daraarre  yaada jedhu qabaachaa turan. Gariin isaanii  inumaatuu mootumma haaraya jaaramtu tana keessa harka naqannee tooftaadhaan angoo harka Oromootti galchina jedhanii abdachaa akka turanis ni himama.

Jaarraan garuu osoo oollee hin bulle humna waraanaa jaaruu qabna ejjannoo jettuutti ciche. Sababni inni dhiheessuus, kan duraa, mootiin dullachi kufus humni qawwee ammas harkuma alagaati  jira;  madaalliin humnaa osoo hin jijjiramin, sirni cunqursaa  hiddaan buqqa’e jechuun hin dandayamu.  Kanaafuu  roorroon Oromorra geessu yeroof laaffattus ijaaramnee humna  horree ofirraa ittisuu dandeenyu malee, bakkatti  deebi’uun  isii  waan hin oolle. Kan lammataa ammoo, qabsoo hidhannoo eegaluuf hanga ummanni guututti dammaquufi hidhannoo gahaa qabaatu eeguun barbaachisaa miti;  namaafi meeshaa waa ittiin jalqabnu qabaannaan waan hafe dhawaataan  jabeeffachaa deemuudha dandayama yaada jedhu dhiheesse.  Ejjannoo tanaan Harargetti deebi’ee qawwee lameen Elemo faarraa hafte bakka itti dhooyfamterraa baasee Mul’is Abbaa Gadaa faa wajjiin Gobeelle bu’ee qabsoo hidhannootiif xurree saaqe.

Akkuma yaada isaattis tooftaa qawwee takka nama lamatti hidhuu jedhuun eegale; waraanni isaatis hidhannoo loltoota mootummaatif  nafxanyootarraa booji’uun   sagliirraa buttaatti, buttarraa muraasatti guddatan. Lolli  gaafas Soomaleefi Itoophiyaa jiddutti eegalamees madda qawwee ni bal’ise. Waraanni Bilisummaa Oromoo qawwee matamatatti hidhatee ummataafuu raabsuu eegale. Gaafa Darguun barattootaafi barsiiftota duguguutti ka’u, WBOn humna magaalatti namaa dirmatu, dahoo ilmaan Oromoo itti baqatanii afaan bineensaatirraa itti eewalaman  abdii jabaa taate. Qabsoon Oromootis ilmaan goota tahaniifi qarayyoo waa baratan dabalatte.

Cichi cimaan Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu bu’aa yeroo muraasa keessatti argamsiifteen dhugaan galteef. Silaa hanga sirritti qopheeyfamutti waraana jaaruun tursiifamee, hiree lolli Soomaleefi Itoophiyaa uumtetti fayyadamuun hin dandayamu ture. Ummanni kumaatamaan lakkaawamu gara Soomaaliyaa daqee hidhatee biyyatti hoggaa deebi’u,  jaarmaya isa simatee gurmeessee bobbaasu shoora hoggansaa taphatu tahe.

Haala qabsoo Oromoo gaafa Jaarraan WBO itti ijaareefi isa  ammaa jidduu walfakkeenya hedduutu jira. Gaafas  qabsoon hidhannoo hin barbaachiftu, qawwee hin argannu, qawwee yoo kaafne diinaatu nutti baay’ata, qophii gahaa hin qabnu, dirreen qabsoo mijjooytuun hin jirtu, ummanni sirritti hin dammayne, dura jaarmayoonni jiran tokko ta’uu qabaniifi yaada kana fafakkaataniin qabsaa’onni Oromoo wal atakaaraa turan. Haala sun keessatti Jaarraan kutannoodhaan qabsoo hidhannoo eegaluun, sabboontonni Oromoo atakaaroo hinjirreen mataa waldhukkuubsuurra  gara hojii qabatamaatti  akka tarkaanfatanii seenan carraa bane. Jaarraan akkuma yaadettis ummanni Oromoo humna waraanaa diinni ittiin isa cabsee ittiinis isa bitaa jiru sun inninis akka horatu  ni godhe. Har’as  yeroo  maraamartoon gaafasii itti deebitee Oromoota atakaaraan dhuunfatte keessa jirra. Yeroo kanatti dhaloonni ar’aa atakaaroo dhiisanii gara tarkaanfii Oromoo humna  horachiiftu,  tan   akka Jaarraan fudhate sunitti, fuula deeffachuudhan  qabsoo tana sadarkaa itti aantu ceesisuu qabna.

Ummanni tokko mirga isaa eegsifachuuf akkaataa mootummaan isaan bulchitu aangoo isii itti fayyadamtu eemaruu danda’uu qaban. Sun ta’uuf ammoo aangoon sunuu tan fedhiifi hayyama ummata saniitin jaaramte ta’uun barbaachisaadha. Ummanni aangoo harkatti hin galfatin, mirgaafi kabajaa namummaa isaa eegsifachuu hin dandayu. Maddi aangoo guddaan ammoo humna. Maddi humnaa guddaan waraana.  Humni waraanaa, lafee dugugguruu qabsoo sabaati. Sabni bilisummaaf falmatu, kan waraana hin qabne, akka foon lafee maleeti. Yoomuu of danda’ee hin dhabbatu, alagatti irkatu malee. Waldanda’ees waliin hin dhaabatu, garuma garatti jiga. Jaarraan tana hubate. Nutis waan irraa barannu hedduu qabna.


Maddeen

Hassen, Mohammed  “The Egyptian Occupation of Harer and Its Impact on the Oromo in Harerge,” The Journal of Oromo Studies, Volume 15, Number 2 (July 2008): 33-60.

 Hamid, Jilcha. “The Ten Year War: Egypt’s Attempted Colonization of Eastern Oromia (1875-1885)

Leencoo, Libah. “The Man Who Lived His Dream- An Assessment of Jaarraa Abbaa Gadaa’s Life Journey | The Gulele Post.” The Gulele Post. N.p., n.d. Web. 06 June 2013.

 Abdurashiid Abdurahmaan. “Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa Bifa Gabaabaan.” Bitootessa, 2013

Abdurashiid Abdurahmaan . “ Raammiso” Maxxansa lammataa, Bitootessa 2013

Jaafar Ali “ Gaafiifi Deebii Jaarraa Abbaa Gadaa waliin” 2008, Sanaa, Yaman http://www.youtube.com/watch?v=Yypfx6H-I-M

 

SEENAA BARREEFAMA AFAAN OROMOOTIIFI SHOORA DR. SHEEK MAHAMMAD RASHAAD

$
0
0

Dr. Abdulsemed Mohammed

 Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan  gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti diranii waan katabbii jennuuniin  wal qunnamtii akkasii qabaachuun hindandayama. Afaan kamuu karaalee lameen himaman  kanaan  hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hinjirtu. Garuu, ar’allee afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hornagamee hafee jira. Kanneen gara katabbiititti dhawaataan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti. Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan keessaa, tokko, Afaan Oromooti. Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne bardhibbee lamaafi cinaa qofa. Qabsoo garasiin godhamte dheertuudha; gufuuleen mudatees baay’eedha.

Akeekni barruu tanaa seenaa barreeffama afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessuudha. Afaan tokko afaan katabbii tahe jechuun mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran bakka bu’an moggaafatee  sirnaan walfaana tarree galchee barruu dhaamsa ittiin dabarfatu ittiin tolchuun dandayame jechuudha.

Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman waliigalatti QUBEE jennaan. Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa qabaachuu qabdi. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMA qaba; soddomman kanarraahi ijaarama jechuudha. Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan sunii sirriitti bakka buutee laaftutti ittiin barreessuu nama dandeessiftu tahuu qabdi.

Gara akeeka barruu tanaatti ceehuu dura, ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte ilaalla.  Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame. Kitaabban sun kitaabban manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati of keessaa qaban jechuudha. Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa jechuudha). Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati. Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan qajeellotti qabdi. Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi dubbisuus laaftutti qomatti galfata. Qubeen Arabaa tuni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha.  mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay’inaan 6 (jaha) tahan bakka bu’an of keessaa hinqabdu. Isaanis:  c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?]  hinqabdu jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa dabalanii mallattoo hahhaaraya itti tolchuun hindandayama.  Meeshaalee katabbii  afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan Oromoo katabuun ykn maxxansuun hindandayamu. haatahu jennee yoo itti seennelle waan baay’ee feesisa: meeshaalee barruutiifi kan mana maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa dhimma kanaaf barbaachisuus diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa’ol immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha. Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.

Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte. Toora xumura bardhibbee 19ffa pirotestaantoonni warra Orophaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan. Hojii suniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis) jedhaniin muudan. Anisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa ulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara afaan Oromootti hiikee bara 1886 keessa achumatti maxxamfames. Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan hiikees “Anisimos Nasiib, nama biyya Oromoo” jedha. Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamtu tana. Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif mijjooma hinqabne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu hinqabdu. Sababni lammadaa, dubbachiiftoota “vowels”  torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindandayamu.

Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhamte taati. Tanas bakka lamatti qoonnee laalu dandeenya. Tokko kan Lola addunyaa kan lammaffaatiin dura taheefi kan Lola lammaffaa keessaafi achiin boodaati taha. Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Orophaa (France, German, Italy) fedhii amantii babal’isuu qabaniin godhamte taati. Kitaabban xixiqqaa amantii mataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatin tanuma afaan faransaa, afaan Jarman ykn afaan Xaalyaanif moggaafaman  jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban. Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban. [sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf  ny ---> gn, …]

Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taate taha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif  aduun baate, gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin   maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu nidandeenya. Tattaaffii ogeeysa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xalyaaniitiin godhame taha. Kitaaba saa  kan mataduree “Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise. Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa qajeellotti hubate waan taheef gadaa suniin “Gadaa Moreno” jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.

Qubee MARTIN MORENO

’         A       B        C        Č        D       Ḑ0      E        F        G       H       I          J         K       L        M       N       Ñ       O       H       Q       R        S        Ṧ          T        Ṭ        U       W       Y       Z

Lola addunyaa kan lammaffaa booda haala ilmaan biyyaa barnootaaf gara biyya alaa itti imaltaawaniitu dhalate. Akkaataa biyyaa itti bahaniin immoo,murnoota lamatti qodaman. Murni tokko warra hiree barnootaa bifa qaari’aatiin (scholarship) ykn motummaadhaan ergamanii biyya alaatti deemani. Jarri kuni warra barnoota sadarkaa lammaffaa biyya eessatti fixatanii digrii duraatiif alatti imaltaawan ykn kanneen digrii duraa qaata biyya keessatti univarsitiirraa eebbifamanii digrii Maastersiitiif ykn Doktaraatiif deeman of keessaa qaba.  Isaan kuni biyya itti deeman, universitii itti baratan,  maal akka baratan, yeroo hammam keessatti barnoota sun akka xumuran, maallaqa ittiin jiraataniifi meeqa akka argatan beekaniiti roophilaadhaan gara biyya itti baratan sunitti imaltaawan. Jarri kun yeroo baay’ee gara biyyoota Orophaa ykn  gara Ameerikaati dhaqan. Garri caalu, Ilmaan Amaaraa haa tahan malee, ilmaan sabootaafi sablammiilee birootis hammi tokko hinjiran.

Barattoonni hiree tana argatanii barnootaaf gara Orophaa dhaqan barnoota qofa osoo hintahin nashaaxa siyaasaatis hinhoratan. Siyaasaa gara bitaatti conqoltutti waan amananiif   bitaaleeyyii yaada maarkisistii ykn sooshalistiitiin masakamuufi biyyaas ittiin maskuu kajeelan tahan. Isaan kuni, dura Waldaya Barattoota Tophiyaa kan Orophaa  jechuun beekkamu ijaarratan. Ilmaan Oromoo miseensoota waldaya kanaa tahan keessaa, kanneen Afaan Oromoo gara afaan barruutitti akka tarkaanfatu hawwaniifi hawwii tanaas dhugoomsuuf hojii nama boonsitu hojjetaniifi seenaanis dagachuu hinqabneetu jira. Isaan kuniis Haylee Fidaatiifi Abdullaahi Yuusuf turan.  Kufiinsa Haylesillaasee booda    kan qooda guddaa qabu Haylee Fidaati. Qubee Martin Moreno fudhatanii jijjiirama xiqqaa itti godhuudhaan ittiin barreessuu jalqaban. Qubeen isaaniitiis  kunoo tana.  Qubeefi seera Martin Moreno lafa kaayetti jijjiirama xiqqaa itti godhaniiti kunoo qubee kanatti aantuun as bahan:

A       B        C        Č        D       Ḑ       E        F        G       H       I         J          K       L        M       N       Ñ       O       H       Q       R        S        ṧ        T          Ṭ        U       W       Y       Z

 

Warri Orophaa kuni garuu, waa lama dagatan. Laageen (’) tan namni garii hudhaa ykn hamzaa jedhuun  phoneme (dhamsaga) of dandeesse tahuu dagataniiti keessaa hanqisan. Qabxiin lammaffaan Qubee tanaan biyyatti galanii ittiinis barreessuuf hiree yoo argatan makiinaan barruutiifi manni maxxansaa kanaaf qophaawan jiraachuu dhabuudha dagatan.  Akkasiinuu qubee tana lafa hinkeenye. Bara 1973-1974 keessa kitaabban lama biyya Jarmanitti maxansiisan. Matadureen kitaabban lameenii: tokko Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kan jedhu yoo tahu kaan immoo Bara Birraan Barihe jedha. Kitaabni duraa, akkuma maqaan isaatuu himutti kitaaba seera afaaniiti. Seera afaanii kan bu’uraa bifa gabaabaadhaan dhiheessa.  Kitaaba kana qopheessuurratti maqaan baay’ee dhawamu Haylee Fidaa haatahu malee, jarri kaanis qooda hinqaban. Kan Bara Birraan Barihe jedhu immoo, roorroo sirni nafxanyaa ummatarraan gayu bifa diraamaatiin dhiheessa. Kitaabban lameen kuni jabeenya fi laafina, dheerina fi gabaabina sagaleelee afaan Oromoo yeroo duraatiif qajeellotti adda baasanii mul’isan waan tahaniif seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti bakka guddaadha qaban.  Jarri kitaabban kana qopheesse kuni kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda, dhaaba siyaasaa “MEISON” jedhu moggaafatanii gara biyyaa deebi’an. Maqaan “MEISON” Kottoonfii maqaa Afaan Amaaraatiin dhaaba saaniitiif moggaafataniiti (“Mellaa Itiyoophiyaa Soshalist Niqinnaaqee”) Afaan Oromootti (Sochii Soshalistii Idil Tophiyaa) jechuudha.

Yoos sochiin ABO tiis qaata jalqabde. Hoggansa  Elemoo Qilxuutifi Jaarraa Abbaa Gadaatiin  qabsoon hidhannoo dhandhaaramte. Waraanni ijaaramuus barnoota siyaasaa, leenjii lolaatiifi barnoota qalamaa akka argatu, barnoonni kuniis afaan Oromootiin akka kennamu murteeffame. Kanaafuu, Qubee warri MEISON fide guutumatti fudhatan.  Makiinaa Barruutiin barreessuuf immoo, makiinaaleen qubee tanaaf qoramanii tolfaman hinjiran. Makiinaan jirtu tanuma afaan Ingiliizii qofa. Makiinaan Afaan Ingiliizii Qubee Haylee Fidaa ittiin barreessuuf hinmijjooytu. Barkoo ykn baallaa xixiqqoo mallattoolee garii  gararreerra (gubbaarra) jiran harriiqqaadhaan bakka buusanii barreessuu jalqaban.  Kuniis golollee waraqaa ooftu oliifi gad qabuudhaan harriiqqaa ykn qabxii itti godhuu dirqama tahe. Kuniis tarree yaa’a barruu jallisuufi barruus buburreeysuu fide. Yeroo dheertuu fudhachuu malee rakkoon barruu fokkiftu mul’achuun dhimma furmaata saffee itti barbaadan taate.

Gaafas kitaabni “ Fura Afaan Oromoo” kan Sheek Mahammad somaaliyaarraa hulluuqee gara biyya teenyaa seenuu haahimamu malee, harka namayyuu gayuu hindandeenye. Garuu, makiinaa barruu tan biyya keessa jirtuun rakkoo malee ittiin barreessuun akka dandayamu hoggaa dhagayan barbaachaaf karaa bu’an. Dr. Mahammad Rashaad qunnamuun dirqama tahe. Akkasitti booddee magaalaa guddittii biyya Soomaaliyaa moggaasatti wal qunnamanii haasawaafi marii booda Qubee Dr. Mahammad Rashaad fudhatanii ittiin fayyadamuu jalqaban. Qubeen ar’a manbarnoottan keessatti ilmaan Oromiyaa ittiin barataniifi waajjiroota Oromiyaa keessattiis ittiin hojjetan qubee suni. Qubeen sun kitaaba mataduree “Fura Afaan Oromoo” jedhuun bara 1969 keessa dura harkaan barreeffameeti ganna lama booda  yeroo duraatiif maxxamfame. Namni  kana barreessees Sheek Dr. Mahammad Rashaadi.  Qubee Afaan Oromoo bifa arra qabdu kana  Sheek Mahammad Rashaad Abdulleetu itti abbaa. Kanatti aansee Sheek Rashaad eenyu akka tahan beekuuf akkaataa biyyaa itti bahaniifi maal akka hojjetan seenaa isaanii hamma tokko dhiheessuun yaala.

 

Sheek Mohammed Radhaad Eeenyu? Akkamiin Qubee Tolchutti Seenan?

Dr RashaadOromoota barnootaaf biyya alaa dhaqan keessaa, murni lammadaa warra fedhii barnotaaf qabaniin ka’anii ofumaan daangaa qaxxaamuranii biyyaa bahan of keessaa qaba. Jarri kuni mootummaa isaan afeertee qaariyaa isaaniif baaftees   tan irraa kafaltee isaan argitees hinjirtu. Ka galaa (sinqii) qabu gala saa baadhatee, kan hinqabne immoo, dhoortoo kadhachaa miilaan daangaa biyyattii tarkaanfatanii, dura gara biyya ollaa dhaqan. Barnoota barbaacha biyyaa bahuu malee, maal akka baratan, biyya tamitti akka baratan, yeroo hammamiif akka baratan, maallaqa qubsumaaf, nyaataafi uffataaf barbaachisu hinqaban; eebyurraa akka argatanis himbeekan. Kanneen haala kanaan afaan bineensaa bu’anii, dhukkuba hamaadhaan qabamanii ykn beelaafi dheebuudhaan du’a mudatanii  karatti hafan baay’eedha. Kanneen lubbuun isaanii eewalamte keessaa, garii hiree barnootaatin wal dhabanii biyya ollaa miilli saanii dura ejjete sun qubachuufi mu’oya (kuulii) dalagachaa of jiraachuisuuf dirqaman. Muraasa imala isaanii itti fufanii fagaatanii deemanis biyyoota Baha Jiddugaleysaa gayaniiti imala saanii xumuran. Warri haala kanaan biyyaa bahan hundi muslimoota sabaafi sablammii garagaraatirraa dhalatan tahuu isaanii beekuun gaariidha.   Oromoota hiree akkanaatiin miilaan biyyaa bahanii fedhii barnootaaf qaban argatanii sadarkaa digrii duraatiifi tan lammadaa argachuudhaan eebbifaman keessaa, tokko, Dr. Muhammad  Rashaad Abdullee ti.

Sheek Muhammad Rashaad Baha oromiyaa, Godinaa Harargee Dhihaa, Koonyaa Carcar Laga Arbaatitti dhalatan. Hoggaa Umriin barnootaaf geeyse barnoota amantii Islaamaa abbaa saanii jalatti barachaati guddatan. Dr. Muhammad Rashaad barataa faxina turan. Kanaafuu, barnoota bu’uraatiifi kan sunitti aanu yeroo gabaabduu keessatti xumuran. Kana malees, sabboonaa roorroon sabni Oromoo sirna nafxanyaa jalatti mudate isaan anaannachiiftu turan. Hoggaa umriidhaan dardarummaa guutan waahila isaanii tokko wajjiin miilaan Laga Arbaatii ka’anii, dura  magaalaa Ciroo gayan. Achirraahis tirachaa magaalaa Harar gayan. Waan Ciroofi Hararitti argan laalchisee bara 1992 keessa yeroo duraatiif gara biyyaa hoggaa dhufan gaaffii fi deebiin godheef  keessatti akkana jedhan:   “Hoggan magaalaa ciroo gaye, ashkara Amaaraa kan ‘irgiccaa’ dhiituun arke. Magaalaa Hararittiis waanuma akkasiitiin arke. Yoo anaatii ashkarri Oromoo miidhu bakkuma lameen kana jira. Kanaafuu anaafi waahilli kiyya biyyaa baanee biyya Islaamaa dhaqnee rakkoo sabni keenya qabu itti himnee hidhannoo akka nuuf kennan kadhanna. Achirraa hidhannee bombii harkatti qabannee tokkoon keenya gara magaalaa Harar, tokko ammoo, gara magaalaa Ciroo sunitti deebinee  yeroo takka kessatti Ashkaroota bakka lameenuu jiran bombiidhaan daaraa gooneeti saba keenya bilisoomsina” jedheetiin yaade. Yemmuu biyyaa bahaniis akeeka lama qabaachaati turan. Akeekni duraa barachuu yoo tahu kan lammadaa biyyatti deebi’anii diina saba miidhu murruq godhuudha.

Biyyaa ka’aniiti miilaan dura Jibuuti dhaqan. Achirraa dooniidhaan Yaman seenan. Yamanirraahis miilaani Su’uudiyaa dhaqanii magaalaa Madiinatul Munawwaraa qubatan. Hamtuun amna dheeraa kana keessatti qunnamaniis baay’ee nama sodaachifti; lubbuu Rabbi eewalami jedheen qaban malee, nama umriidhaan turee as gayu tahuun akka jabaadha. Yeroo hamma tokkoof Su’uudiyaa taa’aniiti booddee gara Suuriyaatti deeman. Achitti barnoota saanii yoo xumuraniis xalayaa ragaa takkaan malee geggeeffaman. Yoos gara Misratti qaceelanii Universitii Al Azharitti galmeeffaman.  Achitti Digrii Duraa, itti aanseetis Digrii Lammaffaa argachuudhaan eebbifaman. Barnoonni baratanis guddichi (major) barnoota amantii haatahu malee, barnoota hawaasaa (Sociology), xiinqalbii (Psychology), Manxiq (Logic), xiinqoonqa (linguistics) barataniiti jiran.

Dr. Muhammad Rashaad hayyuu hayyummaa saa beekkoomsaan mirkaneessa qofa miti. Sabboonaa hojiidhaan maalummaa saa mul’iseesi. Universitii Al Azhar kutaa afaanii keessa damee afaannan alagaa itti barsiifamuutu jira. Afaannan achitti barsiifaman keessaa, tokko, afaan Amaaraati. Dr. Rashaad suutatti itti dhihaatanii dubbiin dhugaa tahuu hoggaa hubatan seerumaani “Afaan Oromootis nuu naqaa” jedhanii gaaffii saanii dhiheeffatan. Gaaffiin saanii hoggaa fudhatama dhabde “Maalif” akka didamte gaafatan. “Afaan Oromoo Qubee hinqabu; kanaaf dinne” jechuudhaan deebii laataniif.  Haalli kuni hayyicha kana garamitti akka bobbaase tilmaamuun nama hindhibu. Gadaan achiin duraa tanuma ofiif barachuuf itti tattaafatan turte; tan achiin boodaa immoo, saba saa barsiisuuf tattaaffii adda citii hinqabne itti jalqabani. Afaan Oromoo qubee hinqabu; qubee dhabuun kabajaa afaannan biroo argatan isa dhabsiisuun hedduu itti dhagayame. Qubee qabaatee afaan ittiin barreeffamu tahuu akka qabu itti amane. Dirqama kana ofitti fudhatee tarkaanfii saa jalqabe. Tattaaffii Sheek Bakrii Saphaloo qubee Afaan Oromoo uumuudhaan godhaniifi sheekkaniifi darasoota faana Aanniyyiifi Daanniyyi bu’uudhaan Qubee Arabaatin Afaan Oromoo barreessan qoratanii tolaafi gufuu qaban adda baafatanii hubachuu jalqaban. Ulaagaalee barbaachisoo fi murteessoo jedhaniin hunda madaaluu itti fufan. Ulaagaaleen kuniis:

  1. Mallattoon filatamtu tan sagalee Afaan Oromoo sun guututti bakka buutu tahuu,
  2. Namni qubee sun barsiisu laaftutti argamuu; bakkayyuus jiraachuu.
  3. Makiinaaleen ittiin katabaniifi ittiin maxxansaniis lafa jiraachuu

Ulaagaalee sadeen kanaan Qubee lameenuu hoggaa madaalan lameenuu fullahuu ykn bakka gayuu hindandeenye; lameenuu hinkufan.

Qubeen Arabaa ulaagaalee sadeenuu guutuu hindandeenye. Gara mallattootiin afaan Oromootiif hintaatu; hinhanqatti. Mallattoolee sagaleelee Afaan Oromoo jahaaf bakka bu’uu dandayan hinqabdu. Mallattooleen jahanis kanneen akkaataa ammaatti kataban kana: “G, C, CH, DH, NY, PH” . Hanquu tana ibsuuf fakkeenyuma Dr. Rashaad natti himanin dhiheessa. Hima akkanatti barreessinu kana “Dhagaa caphsii cirracha nyaadhu”  qubee Arabaatiin barreessuun hindandayamu. Jijjiirama tokko tokko itti godhuudhaan sagaleelee tana akka bakka bu’an gochuun hindandayama. haatahu immoo, makiinaan akkasitti qoramtee tolfamte lafa hinjirtu; beekaan beekkoomsa kana qomaa qabaatee yoggasumatti barsiisuu dandayuus hinjiru. Kanaafuu, Afaan Oromoo ittiin barreessuuf filachuus moggaafachuus hindandeenyu.

Hayyoota Oromoo kanneen Afaan Oromootiif qubee qoranii qopheessuuf tattaaffii godhan keessaa, kan duraatiifi guddichi, Sheek Bakrii Saphalooti. Qubeen Saphaloo qubee ajaa’ibaati. Qubee takkittiin Afrikaa keessatti dhalattees isii tana. Qubee ilma Oromootiin qoramtee Oromiyaa keessatti dhalatte tahuu isiitiin malees,  qubee saba Oromoo saba qubee ofii qabu taasifte waan taateef ayaa hundi keenya ittiin boonnu, tan   yaadqalbii sabaa ar’aas jajjabeeysituufi niis dagaasituun jedha. Asirratti waa himee taruun fedha. Qubeen Saabaa Qubee biyya Yamanitti dhalattee warra Habashaatiin  gara Afrikaa as goodaante malee Afrikaa keessatti hindhalanne. Ragaalee baay’ee tarree galchinee dhiheessuus ni dandeenya. Akeekni barruu tanaa garuu, kana miti.  Kanaafis kanumaan irra tarree hegere hoggaa feesise itti deebina.

Qubeelee lameenuu tan Arabaatiifi tan Saphaloo gara ulaagaalee lameen irraa boodaatin yoo laalle Arabaatu irra wayya. Kanaafuu Dr. Rashaad osoo Misra jiranuu hamma qubeen irra wayyaa argamtutti  yeroodhaaf  qubee Arabaatitti fayyadamuu turan. Maluma Aanniyyi fi Daanniyyi  jalqabanitti  jijjiirama tokko tokko itti godhanii bifa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf maltu taasisan.  Akkasiinuu harkaan malee, makiina barruutiin barreessuun hindandayamne.  Afaan Oromoo qubee qabaachisuuf tattaafachuun isaa akeeka qaba. Akeekni isaatis Univarsitii Al-Azhar damee afaannan alagaa sunitti deebi’ee warra afaan Oromoo Qubee hinqabu  jedheen suniin kunoo“Afaan Oromoo Qubee hinqabaa akka ittiin barsiifamu amma nuu hayyamaa” jedhee  afaan Omootinis  akka barsiifamu gochuudha. “Harki diddaaf deemu daduu hinseenu” jetti Oromoon. Jarri ammas hindidan; tattaaffiin Sheek Mahammad Rashaad Misratti gochaa turees milkaawuu hindhabde. Tattaaffiin Afaan Oromootiif Qubee barbaaduuf jalqabe ammoo, hamilee finiintuufi fedhii cimtuudhaan itti fufte.

 

GODAANSA GARA SOOMAALIYAA

Oduun biyyaa dhuftu yaada biyyatti deebi’uu jedhu haqanqoorteeti nama keessaa fixxi. Warri ofiin biyyaa bahee, alatti baratee biyyatti deebi’e hiree gaariin isaan hinqunnamne. Garii hinhidhaman; garii achi buuteen isaanii hinbeekkamtu. Sabbaba kanaafis biyyatti deebi’uun akka harka ofiitiin du’aaf dabarsanii of kennuutti hubatame. Malli hafe biyya ollaa dhaqanii biyyatti dhihaatanii jiraachuu tahe. Biyyoota ollaa keessaahis Somaaliyaan irra wayyaa taatee waan mul’atteef garasitti godaanuun dirqama tahe.

1991             1939                       1974             1977                       1969

AMMAA     MORENO    HAYLEE FIDAA ABO            Dr. RASHAAD

C                     Č                        Č                  C                            C

CH                   C                        C                  CH                         CH

DH                   Ḑ                       ɗ                  D                           DH

NY                   Ñ                       Ñ                 N                           NY

X                     Ṭ                        Ṭ                  T                            X

SH                    Ṧ                       Ṧ                  S                            SH

PH                    P                       P                  P                            PH

Hubachiisa:

Qubeen ABOn dura ittiin fayyadame kanneen tarree galfaman sun (C, D, NY, S, PH) gararreerraa harriiqqaa ykn sarara xiqqaa qabu. Kan Haylee fidaa ammoo, baallaa qarri lameen ol garagalan ofirraa qaban. Qubeen arra mallattoo “x” tanaan bakka buufamte ammoo, T barreessaniiti qabxii xiqqoo miiljaleerra kaayan.

Dr. Mahammad Rashaadis hamma warra ABOtiin wal hinqunnaman mallattoon qubee arra “X” jennuun tanaaf “TH” katabuudha turan. Booddee marii bal’oo godhaniin qubee Ingiliizii tan lafatti hafte “X” (tan eks) jedhaniin sun maqaa arra qubee Oromoo keessatti qabdu itti moggaasaniiti garri lachuu fudhatee ittiin fayyadame.

Qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf toltu moggaasuuf biyya keessattiis alattis qabsoo ciccimtuu tu godhame. Qabsoofi tattaaffiin tuniis jijjiirama kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda jajjabaatteeti itti fufte. Mootummaan Dargii  Afaan Oromoo Qubee Saabaatiin  akka barreeffamu murteessite.  Gaazexaa Bariisaa dhuunfaadhaan maxxamfamaa ture ni dhaaltee qabeenya mootummaa tahee akka itti fufu godhe. Gaazexaan Bariisaa dhaloota isiitirraa qubee saabaatiin barreeffamaa turte. Akkasiinuu  Bariisaan  barruulee qubee Laatiiniin barreeffamanii maxxamfaman fuula gariirratti baasuu turte; hanqina qubeen saabaa qabduufi mijjooma qubeen Laatin Afaan Oromootiif qabdu basaqeeysatti ibsuudhaan dubbistootaaf dhiheessuudha turte. Bara Dargii qubee Laatiiniin barreessuu dhiisii yaaduunuu yakka guddaa ture. Ob. Mahdii Haamid Muudee, editara fi qopheessaan gaazexaa Bariisaa, osoo kana beekuu soda takkaan malee, qubee Laatiniin barreessee akka raabsamtu godhee dhaamsa sun ummataan gayeeti jira. Sababni  Dargiin gaazexaa Briisaa humnaan fudhatee mootummaa jalatti akka maxxamfamtu itti godhees kanuma.

Haaluma akkasiitiin wallisaan, sabboonaafi qabsaawaan Oromoo beekkamaan,  Dr. Alii Birraa bara 1976-tti akkana jechuudhaan wallise:

A, B……………. jennee-k-kaana;

Tanumaan jalqabna;

Afaanuma keenyaan katabnee-d-dubbifna.  

Qubeen Oromoo qubee Laatin akka taatu sodaa malee wallise; kaaseeta maxxanseeti raabse; dhaamsa kanaasummataaf labsuudhaan aantummaa Qubee Oromootiif qabu ifatti ibsee kumaatamoota barsiisee qabsoodhaaf kakaase.

Yeroo sun mootummaan Dargii afaan Oromootiif Qubee Saabaa moggaafte. Kitaabban barnoota bu’uraa ni qopheessite;  duula beekkoomsaafi guddinaa jechuudhaan barattoonni biyyattii akka duulanii ummata ijaataniifi barsiisan ni labsite.  Hayyootaafi sabboontoonni dantaa Oromootiif anaannatan hundi qubeelee lafa jiran keessaa tan mijjooma qabdu qubee Laatin qofa tahuu barsiisuufi falmachuu isaanii itti fufan.

Dr. Muhammad Rashaad beekkoomsa biyya alaatti baratan saba saaniitiif qooduuf biyyatti deebi’uun harka ofiitiin du’aaf of kennuu itti taate. Misraa deemuun dirqama; malli biyyatti siqanii qubachuuf filmaanni biyya takka qofa tahe. Biyti gaafasitti irra wayyaa Soomaaliyaa waan taateef garasitti godaanaan. Yeroon yeroo J/ Ziyaad Barree mootummaa Abdirashiid Ali Sharmaarkee fonqolchee aangoo itti dhunfate turte. Ziyaad Barreetis siyaasaa gara bitaa awaddu ofitti fudhatee biyyattii daandii soshalistiirra kaaye. Afaan Soomalee afaan barruu tahee akka ittiin barsiifamuufi ittiinis hojjetamu ni murteessan. Qubeen filataniis Qubee Laatiin taate. Koreen dhimma kana geggeessitee fiixa baaftuus ni jaaramte. “Sheek Mohammed Rashaadiis miseensa koree sunii akka tahu godhame” warri jedhu ni jiran. Ani garuu, ragaa dhugooma waan kanaa mirkaneessu ammoo, hamma ammaatti hin argine.

Somaaliyaatti hoggaa godaanan wanni duraa bakka qubatan qabaachuudha. Itti aansee biyyaafi qilleensa biyyaatiin wal fudhachuudha. Sun booda osoo hin turin waan sabaaf tolu argamsiisuuf tattaaffii isaanii itti fufan. Dr. Mahammad Rashaad ummnni bal’aan akka baratee, waa hubatee, dammaqee bayyanatu hawwan. Karaan garasitti nu geessu karra qaba; karri suniis barnoota jedhan.  Hawaasa Oromoo kan halaala jiru kana halaalaa barsiisuuf  afaan Oromoo afaan Miidiyaa akka tahu gochuu feesisa. Kana jechuun: gaazexaa, kitaabbaniifi barruulee ummanni irraa baratu maxxansanii raabsuu; raadiyoofi TV keessaan ummata gurra ykn gurraafi ija ummataa gayuu barbaachisa. Hawaasa dubbisuufi barreessuu hin beekne kan akka hawaasa Oromoo hoggaa tahe wanni miidiyaa elektronikaa caalu hin jiru. Raadiyoo keessaan dhaamsa qabdu bifa sagaleetiin akka dhagayutti gara gurra saa erguu, ykn TV keessaan dhaamsa qabdu bifa suursaga  (suuraa fi sagalee) taheen gara argaafi dhageeytii ummataatiif qilleensarraan itti erguudha.  Namni waan qabuun, waan dandayuuniifi waan lafa jiruun jalqaba. Tattaaffiin jalqabaa afaan Oromoo raadiyoona akka seenu gochuudha. Sheek Rashaad kana hoggaa himan akkana jedhan: “Ani beekkoomsa xiqqaa tokkoon qaba; Raadiyoo hinqabu; maallaqa bahii hojii tanaatiif feesisuus hinqabu.

Abdiin kiyya Tokkicha na uume qofa. Akka na gargaaruus shakkii hinqabu. Kanaafuu Isa abdadhee Isarra of kaayeetiin qondaalootafi itti gaafatamoo Raadiyo Maqdishoo bira dhaqee Afaan Oromootis akka nuu naqan itti iyyadhe. Sababoota siyaasaa, kan diplomaasiitiifi kanneen adda addaa dhiheessuudhaan “Lakki, lakki. Kuni Tophiyaa wajjiin wal nu lolchiisa; seera akkaataa ollaan waliin itti jiraatu ni cabsa. “Kuni hin tahu” naan jedhan. Ani garuu, hifaataan maleetti itti deddeebi’ee,  yaada fi mala garagaraa itti dhiheessuudhaan tura keessa deebii jaalannu nuuf kennan. Afaan Oromoo raadiyoo maqdishoo ni seene. Haa tahu ammoo, Afaan Oromo jechuu nuf hayyamuu ni didan; diduu qofa miti, nuus ni dhoowwan. Faraqaa Afaan Qottuu” akka jennu nutti himan. Raadiyoonni sun arra hin jiru; yaadannoofis kunoo akkanatti jalqabuu ture: “Kun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Qottuti) jechuu ture. Booddee tura keesaa ammoo, “Kun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Gaallaati” jechuutti jijjiirame.Guyyatti sa’aa takka dabarsuu ture; qophiilee adda addaa: oduu addunyaa, gorsa fayyaa, barnoota amantii, haasawa manguddoo, walleefi muziqaa, kkf ).  Raadiyoonni sun ummata ni gammachiise; ni barsiise; ni bayyanachiise; ummata dantaa ofiitiif falmatu ni taasise. Bifa waliigalaatiin humna qabsoo itti aantuuf qophaawe ni uumte.  Hayyichi Afaan Oromoo afaan raadiyoo akka tahuu tattaafatees Dr. Mahammed Rashaad Abdulleeti.

Tattaaffiin hayyichi kun Somaaliyaa keessa osoo jiruu godhe itti fufa qabsoo Misratti jalqabamte tahuu dagachuu hin feesisu. Tuniis Afaan Oromoo Afaan ittiin Barruutiifi afaan barnootaa gochuudha. Qubee ulaagaalee sadeen gararreetti ibsaman guututti qabdu moggaasuu, mariidhaaf dhiheessuu, hoggaa fudhatamtees Qubee Oromoo tahuu sii murteessuudha.  Tattaaffiin garanaan biyya keessatti godhamaa turte gufuu adda addaati mudatte. Gufuun duraa warra Afaan oromoo  afaan katabbii (afaan barruu) akka hin taane fedhan hunda of keessaa qaba. Isaanis mootummaa Nafxanyaa, nafxanyoota yaada mootummaatti amananiifi kanneen yaadqalbii suniin masakaman hunda of keessaa qaba. Jarri kun bifa dandayan hundaan afaan Oromoo afaan barruu akka hin taane gochuuf tattaafatan. Hamma bara 1974 Qubee fedheen afaan Oromoo barreessuun yakka ykn wanjala ture. Ergas ammoo, bara Dargii keessa qubee Saabaatiin malee, qubee biraatiin afaan Oromoo barreessuun yakka tahuun itti fufe. Arra garuu, seeraan murteeffame: Oromiyaa keessatti afaan Oromoo afaan barruu, afaan hojiitiifi afaan barnootaati. Murtii tanaas walgahii Duraa tan Caffee Oromiyaatu murteesse.

Gufuuleen tattaaffii tana heewasan biyya alaattis hin hanqanne. Humnoota gaafa Soomaaliyaan qubee Laatin moggaafatte dura dhaabbate suniitu afaan Oromootis heewasuu jalqabe. Jarri kuni akka warra Habashaatti qubee Saabaa haa tahu hin jenne. Waa mara ija amantiitin laalan; qubee Arabaa filachuu dhabuun akka waan  amantii diduutti hubatan. Gariin isaanii tafsiira (hiikkaa) haaraya tolfataniiti “Laatiin jechuun “Laa diin” ykn (Amantiin hinjirtu) jechuu waan taheef irraa dhaabbadhaa” jedhan. Jarri kuni qubeen Arabaa Diin-Islaam dura, gaafa jaahiliyyaa  dhaamsa zamana jaahiliyyaa ittiin barreeffamaa akka turte dagachuun isaanii ni mala. Garii ammoo, jaalala amantii ofiitiif qabaniin qubee Arabaatiifi afaan Arabaa bay’ee jaalatan. Qubee Arabaa afaan Oromootiif moggaasuun amantiin sun akka babal’atuuf haala mijjeessuu akka tahetti amanan.

Jaarmayni dhiibbaa akkanaa gochaa turte takka Raabixatul Islaamiyyaadha. Raabixaan tuni biyyoota ollaa (Suudaaniifi  Soomaaliyaa)  keessatti qubeen Arabaa afaan Oromootiif akka moggaafamtu dhiibbaa cimaa gochaati turte. Dhibbaa tana fashalsiisuuf tattaaffiin Dr. Mahammad Rashaad Soomaaliyaa keessatti godhan kan seenaan dagattuu miti. Walgayiilee garanaan godhamaa turanirratti argamuudhaan ibsa bal’aa raga gayaa diduun hindandayamne iin waldhiheessaati turan.  Hayyoota gaafas tattaaffii sun keessatti hirmaatan keessaa, tokko, Ob. Xaahaa Abdii akkana jedhan: “Dhiibbaan Raabixaan gootu cimtee hunda keenya hifachiiftee abdii nu kutachiisuu bira geyseeti turte. Haala sun keessatti anaa garaan na gubatee rakkachutti jiru Sheek Mahammed Rashaad :  “Qubee Arabaatiin afaan Oromoo katabuu narra ka moyxannoo itti qabu hin jiru.Rakkoo, dhibdeefi hanquu qubeen tun qabdu ka beeku ana. Yeroo ammaatti garayyuun madaallee hoggaa laallu qubeen qubee Laatinirra afaan Oromootiif mijjooytu hinjirtu. Garanaan anaatu warra Raabixaatin falmaati abshir je’aa” jechuudhaan garaa nu qabbaneesse” jechuudhaan ragaa bahe. Akkuma jedhanitti Dr. Rashaad muggutii Raabixaatirra aananii barreeffamni Afaan Oromoo bifa isaan maluun daandii guddinaarra akka qaceelu qooda daaddaa hin qabne gumaachaniiti jiran.

Tattaaffii Qubee afaan Oromoo moggaasuuf godhamte keessatti kitaabni duraa “FURA AFAAN OROMOO” yoo tahu bara 1969-itti Maqdishotti barreefame. Kitaabni sun mootummaa Somaaliyaatin hin fudhatamne. Inumaatuu bifa suniin maxxamfamuun isaatuu akka yakkaatti ilaalame Sheek Rashaad qabanii hidhuuf warra nagaya eegu itti bobbaasan. Jaarsi garuu, mimmiliqaa jiraateeti manguddoo keessaan ofirraa qabbaneessee fedhii isaaniitis hubate. Gaafas Somaaliyaan Ogaadeeniifi lafa Oromiyaa kutaa bahaatiifi kan kibbaarraa ciqqaawwatanii muratanii biyya “Soomaaliyaa Guddittii” (Soomaali Weyn) ijaaruuf shakaran. Eenyummaa saba Oromootis haaluudhaan maqaa haaraya “Soomaali Abboo” jedhanii waaman itti moggaasan. Kitaabni Fura Afaan Oromoo yakka tahee magaalaarraa guuramuunis sababni saa kana. Suniis “Fura Afaan Abboo” tahee akka maxxamfamu ajajan. Mataduree malee qabeentaan kitaabaa ka duraaniitin addaa miti.

Sheek Dr. Mahammad Rashaad, kitaabban baay’eedha barreessan. Baay’een achiin dura waan hin barreeffaminiif isaatu ka duraa taha. kitaabban ijoollee barreessuuf inni ka duraati. Qur’aana guututti gara Afaan  Oromootti hiikuudhaaf inni ka duraati. Kanuma bifa lamaan  barruufi sagaleedhaan biyyaaf qopheessuu isaatinis inni ka duraati. Kana malees kitaabban amantiitiifi kan hawaasaa kanneen adda addaa kitaabsuu isaatiif inni ka duraati. Isaan keessaa hamma tokko: Hadiisa Afurtamman Nawawii, Seeraafi Naamusa Hajjii, Gadaa Islaamaa (Hundeelee Amantii Islaamaa), Tajwiida Qur’aanaa (Akkaataa Qur’aanni Itti qara’amu), Manxiq (Logic), kkf. Kanneen malees, kitaabban Sheekkoo walalooleefi gorsoota adda addaatis barreessaniiti jiran. Ija kanaatiin ragaalee lafa jiran  hundaan Sheek Mahammad Rashaad “Abbaa Barreefama Afaan Oromooti” yoon jedhe itti xiqqaata malee, itti hin guddatu. Sheek Mohammed Rashaad umrii saanii guutuu Oromoo fi Oromummaaf waa buusuuf wareega godhan. Waggoota hamma tokko dura osoo Su’uudii jiranuu faalij irra gayeeti yeroo dheertuuf dhukkubsatan. Booddee gara biyyaa ofiitti galanii magaalaa Dirree Dhawaatti, Caamsaa 25, 2013 du’aan adduyaa tanarraa galan.(Rabbi Rahmata Isaaniif Haa Godhu; Ol’aantii Jannataa Jannatul furdowsiin isaan haa qananeeysu)

Dr. Sheek Mahammad Rashaad hayyuu ummata ofii dagatee osoo humaa hin dhiisiniif  aakiratti deeme miti. Marsaa internet keessatti “Bakka Rashaad” jedhee “website” ofii ijaarratee hojiilee saa kan bara hedduu achirra kaayeeti dhaalmaya dhalootai kaniifi kan hegereetiif gayu dhiise. Kana gochuu isaatiin ammas hayyuu duraa  tahuu saa hundi keenya ragaa dha.  www.rashaad.org dhaqaati dhaala isiniif lakkise daaw’adhaa.

 

Hikkaa Jechootaa

Waaheellan barruu tana osoo ummatatti hi bahin dura  dubbisan “xumuratti hiikkaa jechootaa yoo itti dabalte gaarii dha” jedhanii waan na gorsaniif kunoo itti dabalameera. Bakka barbaachisutti jechi hiikamu uunkaa barruu tana keessatti ittiin mul’ate qofa osoo hin tahin hundee isaatii fi hortee achirraa dhalatanis ni dhiheessina.

 

Awaduu        this is in the infinitive form and it means “to tilt towards”. Synonyms afaan Oromoo: conqoluu, golisuu

Ciqqaawuu   it is a verb in the infinitive form. It means cutting into small chunks (originally used for trees ad tree branches) but now extended to other similar actions.  Like the scrumble land.

Dhoortoo      has two meaings: one is “a begger”singular, or “beggers” plural both in  the  noun form , the other is “begging” a gerund. Dhoortoon hulaarra ejjitii maaliin kennaaf? A begger(s) is by the door what should I give him/her/them?   Dhoortoodhaan jiraata. He lives by begging.

Dibeeta         it means INK . It is a solution made by mixing water, soot, natural gum and other things.

Hornagame :           In the article the word appears in this form. It is a passive verb from the derivative /hornagam-/ meaning “to be limited” and “Hornagame” would indicate a passive verb of the 3rd persone singular of masculine gender the past tense.  Its root verb is /hornag-/ , a active verb whose English equivalent is “(to) limit”. Here (to limit) is included with “(to)” in bracket  only because it has a meaning close to the infiitve form of the English verb. Otherwise, /hornag-/ is a verb root and not in its infinitive form which as /hornaguu/ which exactly has the meaning “to limit”. There is also the Noun form (“Hornaga) meaning “Limit”.  The statement “sadarkaa afaan dubbiititti  hornagame.” Means “It was limited (forced to remain) to the level of a spoken language only; not allowed to develop to a written language.

Shakaruu      it is a verb in the infinitive form; it is related to hyperactivity or elated behavior which is usually goal directed to get some thing, or attain a certain goal, or do or perform a certain activity.

Suursaga       this is a word coined by blending two words (suuraa & Sagalee) to bear the meaning just like “VIDEO”. Blending is done based on the method the Oromo people used in the past:  ex. Abbuuddoo (“the thumb”) from Abbaa and guddoo; qoollajjii from (qoola and jiidhaa) meanig (“freshly removed animal skin after killing”) , and many more: ogbarruu, seerlugaa, xiinsaga, kkf

Dhummuugaa

$
0
0

Dhummuug laf-qabsoo
dhommoqaa hinfeenee
dhugaa sabaa’n haallee
addaan hinqoqoonnee
dhommoqxuun yoomiyyuu
dhummuuydee’n mull’anne!!
ta “face book” barana
dubra gaanaaf bante
dhiira garaaf gante
waa’ee jaarraa kanaa
“zikkaareef zimmaaree”
Sanbatetti bartee
jaarraa tokko shamteen
cinaan yaasuuf taatii
“maxaafa mazmurii”
“Qinee” cinaa furrii
Jawaar Jawaar jetteen
‘nassiibeekaa durii’
maal qaba yoo dhiifte?
jaanooyif xuqurii
jaanoof kal’oo xurii
‘gumaa warra xuurii!’
kan sii faarsun jiru
kan ittiin-sirbite!
qawween maqaa’n ta’u
kan yohaannis baatu
qeerroon taphaa‘n na’u
xebena “face book”ii
xiraa’aan xiraa’u
dhugaan dhagaa mitii
kan aksuum suphitu
aksiyoonni dharaa
“face book”’rraa xiixxu
kurree sammuu jawaar
jeereen hinbuqqistu!
hamiidhaaf waan shiroo
sheer gochaa waan yaroo
silayyuu jaanjoftuun
bakka buutee saba
falmuun feetu roorroo!
kun isii amalaa
warra axee waaroo
postariin machooftuu
aha’baash
“ma’aalayaanii”
habashaafi gantuu
kijibaaf shufuroo!
qilleensaan qolataa
dhalli gaachan-sabaa
wabii guyyaa dhiibbaa
Jawaar hayyuu qeerroo!

—————————————

Kan walaleesse Eebba Coqorsaa ti

GAAFA JIRUU UUNJARRAA GATANTARRE AADAA FI DUUDHAA TEENYA DHABNE

$
0
0

Afroo Karrayyuu

Kan Barreesse: Rukeessa Boruu

Bara har’aat faarsina nuti, kan fooyyen itti qimiraa, hiriyoota koo wajjiin dukkoo gaaddisa qe’ee jala tetteenyee osoo taphannuu. Edaan jaarsi gaaddisa jala gara achi aanun, dhagaa boraafatee, wayaa fuulatti uffatee ciisu, ni 2hochise malee hin rafne. Wayuma fuula ‘rraa gad-deeffateet;“Badaa joolle asii! Maal asii 3mununuqa yaafti tun uf keessaa! Silaa bara saalat dhalattee 4ija–fuutii motiitii…,5Saal-gabboota joollee ammaa(baraa)! Bara isi’iit; ilmi abbaaf ergama didee, niitin 6eemaraa dhirsa ufitti buluu dhabdee, bakka funyaan isi’ii fedhan deemtee raaw’attu akkuma garaan isi’ii fedhe qofatti ooltee bultii. Gadaa isi’iit; 7gadaada fii 8gadadama malee, sa’aa namni quufaa 9ukata dhabee; dareemon hundeen baddee, mukni hundeen buqqa’ee, horiin bobba’u dheeda, ciisu ‘mmoo ciciisa1 dhabee! Bara maal kun; bara garaan Waaqaa 10gunnubee , duumessi waaq ol-kontoonfatee, Hagayyoodhan ganni-walaabuu caamu, Furmaatni ‘n 11diiramtoofne, Afraasan tif hin…” je’ee, akka waan himansi fiixa ‘n baasuu dubbi’ii 12dinniinuu, 13guguunguma’aa, 14halcha qubsiisa dubbi’ii, ta waa namatti kuttu takka, nuu afaan banee dhaggeeffatu, 15“Jette ‘n je’in, Kolkolool!” je’ee, hafuura walkeessa deeffatee raaw’annaan, manuma dubbii tanaa keessa, inillee ‘n tarkaanfannee2, xiqquma miila uf dura ‘kka ‘chi siqfatuu tahee, raaw’annaan, “Akeekkadhaa mee joolle, lubuun duutuu jirtu’uu, ‘Bubbulan waa argan,’ jechaan dhuga‘a. Kunoo, 16jennee–jenneet, bara ilmi abbaa gorsu, kan dubri ufiin heerumu, ka rakkataan irkoo dhabee, deegaan 17hirphaa ‘n kajeelle. Kan firri, rakkatan 18dabaree namaaf hin laatne, fuudhanis 19dhahii namaaf hin dhoofne, kan aanan 20argaa nama dhoowwatu, dabrii ‘mmallee abbaan ilma ufii; qooda3 waakkatee 26gaara gamaa bu‘u, 27Meeqaatamin hima si! Nu haa hanqisu malee, hoo ‘kkanaan taate 28raagni cileenuu dhalatuuf ta’a…gosumtuu 29gumaa wal bituu diddee…” je’ee, eddu’uun inni hafuura fudhachu’uu afaan walitti deeffanaan, an, “Si aabbiyyoo, abbaa jaaloyii kiyyaa, barri keessan hoo?” je’ee gaafadhe. Akkana jechuudhan naaf tarreesse akka waan duraan katabatee kurfeeffatetti, takkaa ‘mmoo, yaadee qomarraa qabutti, aabbiyyoon kiyya;

“Barri keenya moo? barri keenya way akkanaa ‘bboo! 30Halkaniifii guyya’aa maalin isiinii hima. Barri akkaakoo keessanii silaa 31Caalee haa miliqu!. Roobee hin caamu, 32orfoon bonaa ganna raafamti, aannan dhuguu malee, dhadhaa nyaatuu malee namni midhanuu hin shammatu, 33Daana’oo ni tuffata.Baaduu, tuffi’iif nama dhugu dhabanii dallaa jalatti 34dhibaasanii Arraagessi soorata gaafas. Saawa 35dhalti–taadhi’i, namni ayaa-kabajaa qaba. Deegaa itti hirphan, kan 36aannoo dhabes, dabaree ambaa fi firaat qaba. Intalti heerumtu ammoo 37hidda ‘rraa 38tirmaadhan galatteet, galtee warra geessu ‘mmoo, ejjetaa hori’ii ka warra dhirsarraa argaadhan argattuun mooraa si guutti. Oollan, qalatee wal biratti hin nyaatu, elmatee walbiratti hin dhugu, raafatee wal biratti ‘n dibatu, tokko dibatee cululuqee; kuun biratti 39addeenyanis shaakarraayee ol’oleen itti hin galtu. Tan gara fuudhaa-heerumaa yoon laalle ‘mmoo, fuudhaa-heerumni 40diluu deema. Fuudhaa waddeessa qajeelchitu jira. Heerumtu siinqee 41 nu wayyitu jira. 42Intala siinqen ala ejjette, abbaan maqaa badaa ‘haftuuu intala baluu san,’ je’u haadha isi’ii 43lagu’uuf jecha 44hagaan bakka itti laalee heerumsiisa. Yoo gara ilma dhiiratii, Qajeeltu (hireen toltu) namuu, niitii mana qaqa’aa, tan rakoon itti kufte, tan randaan dhayaa ganamaa… ta je’an san qabaachuu fedha malee; ufiin deemtuu miila awwaaraa tan coqorsarra deemtee, hiddirraan tarkaanfattee, loon uf dura galchitee, isiin duubaa faana hin galin, tan laga qaxxaamurtee dhufte, tan afaan kulli bartee, mala nyaataa quunqumatte, dabrii immoo intala, ‘Maxxannee afi, maxxanii rafi,… ibiddi ‘n dhaamin, gandaa si ‘n yaamin…’ jettee haadha gorsaan heerumsiiftu niqabdi hinbeekne, fuudhuu dhisii namni gara–galeetuu laalu hin jiru. Fuudhaa yoo ka’anis, 45gabbarri akka qaba. Soddaan ulfina, ulfina aana’a. Ka Soddaa wajjiin haasaya fedhe jaarsan hoo taate malee kophatti deemun heddu ‘n jirtu.

Tana keessaa, 46Tarii-maji yoo caamee, bonaaye, 47biriitidhaan uf falu. karra Qaallurra/ulfinarra kufaniit hoggasuma roobsifatan, Bokkuu uf dura kaayaniit malkaa-biyyotti bahanii araara Waaqaa kadhatan, odoon isaan achii ‘n kaane hoggasuma 48Dirsaa bakaatti itti fura, kan hanga tufaa hancufaa hin turre. Yoosuma, ‘mmoo ka takka deebi’anii, roobni rooba nagaa tahuu kadhatan akkana jeu’un: ‘Fororoo, rooba nagayaa, ka qabbanaa, ka mukarraa baala ‘n buufne, saayyorraa rifeensa ‘n buufne nu godhi!’

Silaa, gaafa dur angafa Qaalluu Karrayyu‘uu, Rabbiifii isa jidduu 49maqni wahiituu hin jirre san, kan gaafa du’ellee reeffa nama sanii mooraa loonii keessa 50ruufan maranii kaayan, achii Waaqni 51hoggasuma duumessa irra qabee, hurree lafatti uwwisee, gara ufiitti fudhatu,” sun sun, nama keessa hin beeknetti hoo odeessan dhara fakkaatti. keessafuu isin joollen bara ammaa, kan xiqqaan guddaarra beeku, kan jaarsi isin biratti joollee quba hootullee hin egeenye! Taanii an yaada kiyyarraa dubbadhuu baadhus, tan duraan 52dhiichisa doori’ii keessatti je’amtee tarte, tanuma lafa jirtu yoon nutti himi jettan, akkana fa’a je’an:

‘Hayyuu Suunee baddaa, gaarii waaqan obboleessaa,

Ammajii roobsitee, yaafte bishaan, laga gogeessaa.

Gaarii Suunee badda, handhuraan waaqatti ‘jjettaa,

Maa ‘rraa dhabda.’ ”

Eddu‘uun kutee, isaa gorora tambo‘oo gurra jalaa fudhatutti jiruu, nuyi gaaffii ‘tti aantu achi ‘tti darbanne, ‘mmaas, “Si aabbiyyo, maalif ree barri keessan, kan abboota keessanii, keenya immoo keessan, hanqata’aa; jireenyi akkanatti 54dhawaatan hammaacha’aa deeme?” je’een tokko nu eddu’ uu. Innis deebisee,

“Meeqaatam sababni! Gaafa ulfinni Waaqatti maqee gooytan itti dallane, erga angafni qaalluu biyyaa akka ummataatti 56biyyee uffatee, Ummatnis 57goodaa qaallu’uu kabajuu dhiiserraa, dabrii ‘mmoo gaafa mootummaan Karrayyuu bituudhaf ‘baalabbaata’ itti moosisee uf jalatii gadi qaberraa, ka dheedaa godaansi mariidhan maletti tahuu jalqaberraa. Mataan rakkoo kana maraatuu, qaamolii adda addaatin lafa teenyarraa dhiibamnee, qabeenya isirraa kan uuman nuuf horatte kan jireenyi keenya irratti gad-dhaabbaterraa qarqaramuudha. Fakkeenyaf, Lafa dheeda tan bona jabaaf nuuf toltu, malkaa obaa saawaa tiifii kan waraabaa kan laga Hawaas irra laba galee jiru, fi kkf. Gaafa karrayyuun, lafa isi‘itti abbaan heddate, kan akka mootummaa, kan godaanee qubatu, magaalaa, shankoora, ‘killilii/faarkii’ kkf la farraa nidhibun daranirralleeaadaa fii duudhaa nuti ittiin walbulfannu ittiini dheednee waldheedsifannu harkaa nu qancarsan. kanumaafuu, erga jireenya uunjarraa baaneee sabbuma kanaan ammoo hanguma harka qabnu sanillee, aadaa fii duudhaa teenyatti buluun keenya qofti, akka dur san lafaafii uwwisa isi‘ii, uunjadhaan itti fayyadamu‘uu fi dabreetis ammoo badi‘irraa nu eewwalu‘uuf toluu dhabee fi dadhabee asoodha, sanumaa as! Maalif yoo jenne, bakka kan itti namaaf hin bullee nama keessa guutetti, haala fi akkaataa takkottii buluun waan hindndayamneef, ammallee ammoo, bakka wanti walii galteeedhan irratti bulanii jiraatan sun harka nama hin jirretti, waliigalteen sun hanga dubbiii qofa taatee waan haftuuf jecha, jechuudha. Irratti ‘mmoo, gaafa Islaamumman babal’ata’aa, aad‘aafii gadaa keessatti wanteen bal ataman heddata‘aa dhufanirraa, gaafa waldhabbii maccuu ganda keessalleen, ‘Biiroo’ malee gaaddisatti foramen dhiifterraayi aadan teenya walfaana harka keessa nu mucucaatun.Har’a maqaaaf jirra malee, akka keenya dhabne joolle. Badaa gorsaan yakkanii deebisuun hin jirtu, 58bushaayan kottee namaa baqatee biyya gad–dhiise. Saphansaa, qottoon muka lafaarraa dhabamsiifte. Asfaaltirra gadoo asiif achi waat fe’ama. Ka ‘tti gurgurataaf fe’an Karrayyuudha, ka ‘tti faayyadamu kan biraati. Kun Haraqeedha, diina aadaa fi haaloo teenya qancarsu keessaa 59muummee. Wanti akka isi‘itti biyya balleessaa jirtu hin jirtu. Isii wajjiin karraayyuun wal ajjeeftee, nama harka tayuun nutti baate, 60akkaa uraa. ka dur 61gadaa dhuftu dabartuu keessatti nutti hin taahin. Ar’a warra saphansaa dabe,kan muka affeelee–Cilee ykn muree qoorsee–Qoraan karaa taankirrattiin bahu, irra guddeessi odoon gurguree faaydarra oolchee, bultii maatii ufii ittiin tin’ifatelle’ee Yoom garaa nunyaatti silaa, Akka bade, namni maallaqa akkasitti akka ufii itti gatee, danfa meeqan argatu san kan itti facaasee galu Haraqeedha. Akkuma baaso fii Ituunis gamasiin maallaqa harayyuttuu argatan magaalaatti 62′baala mudhugurree’ee)ratti gadi naqaa oolan sanitti. Kuni gaa, lafaa fii biitti ‘saawa tikii hin qabne’ taate jechuudha. Mukni dur ka biyyaati, amma biyyuma sanuu abboomaf heddu’ut falma, bad’ii badada dhabuun tun kajeella wal–saammata lafaa tahittii akka kiyyaa? Ammaas immoo heetessaa waliitis nifakkaatti…Lafti immoo edduu tanatti seedalloofte. Gara tokkoon ammoo, badiin lafaafii uwwisa isi’ii, kan muka hunde’een mancaasee hidda buqqise kun, uuman badhaadhaa, badhaadha uuma’aa kana abdiin; ‘Borus kiyyuma, gaaf tokkon 63kara’aan dabra,guyyaa jabaatten 64itti–oola, bara hamaaten Maatii–Waatii ‘tti baasa…’ jechu’uu nama keessa jiraatuu dhaburraayi. Akkuma tisseen saawaa ‘bbaa qabuu, ta hegeree mataa isi’iitif jecha, ni badan jechuudhan sobdee maayeessoo kuttee biyya dabarfattu,takkaa ‘mmoo, beela malee qalattee nyaattu san. Lafa dane’ee teenyaa, ammaa ‘mmoo maqa’aa teenyaa tanas kan itti gaaduu ammallee guyyuu ittuma jira. Ka abbalatu akka waan ufii horee! Nuti silaa haguu bulla,isintu beeka kka tayu. ” je’ee irraa baye akaa nama gorboo walii dabarsuu–dubbirraa. Ana ‘mmoo ba’aan takka natti dabarte, akka waan imaana’aa taatee. Anaa, bodorree kana ka dubbadhu hanga isa ‘n qajeelchine, ka qalbisee hanga isaa ‘n akeekkanne. ka wahayyuunnu mul’ii isaatii gadii kana, 65Oolii, Farringoo.

Tun odoonuma tanaan jirtuu,yaadni sammuu too labee,gargaggala’aa, hasaasaa ufumatti tokko, qalbii gadi–qabee,waarii itti dheereffadhee yaadnaan dhuguma walitti–hidhanni Karrayyuu(aadaa isiitin wajji) fii biyyaa isi’ii(qabeenya uuma’aatin wajji) jidduu jiru kan bu’uureffame jaalalaafii 66leellisa 67haleelamaatin tahee turuu anumti ufii 68balballoomse.

Karrayyuun uumaa jaallatti ,ni leellifti tanaaf maqaa ilmaan moggaafti. Lafa dheedaat jaallatti,tanaaf ilmaan moggaafti.Fanttalle,Bulgaa,Arroolle,Eddoo,Boosat,Leedii,Gobbu,Summaa,fi kkf. Karrayyuun bosona jaallatti,

muka kunuunsiti, tanaaf maqaa mukaatin ilmaan moggafti: Qurquraa, Leedii,Rukeessa,Dhaddacho,Waddeessa, Saphane, fi Jajjabaa fa’a. Burqaa fi laga leellifti,tanaaf Burqaa,Hawaas,Bulgaa, fa’a moggaafti. Ammaa malee

dur Karrayyuu biratti Muka akka malee muruun salphina,uumaa midhu’uu,Waaqa dallansiisu’u,jibba Waaqat irraa sodaatu.muka jiraa tahee gubanii gurguruun silaa hooda, kolkolummaadha namuu nilagata.uumaa Waaq, Mukaa Bineenyyii gahuun, hubuun, badi’i, maqa. Maqa sa’aa namatti hin tolle,kan moora nama barbadeessu,kan jibba ulfinaa namatti dhalu,laalchaa jibbi ulfinaa immoo gidiraadha.Ibidda dikee seene. shanyii nama balleessa, badhaadha nama deessa.Hanqatan halaalatti,taanii immoo falli biriitidha karra ulfinarra kufanii araarfachu’uu bayimni namaa sa’a ufii,je’ee odoonin hin fixin ka obboleessa du’aa fudhatee naan qole.

Dhuguma, akka dhabatu 69nu-daga fa’a malee, jireenya kaleessa tare kan har’aatin walcinaa qabanii laalun ,tan hegere’eetif dawooma qabdi. “Garaan dabra, gurri ‘n dabru,” jetti Karrayyuun. Gadaa ilma ufiitif 70guduunfaa buroo qabdu, ciicoo aadaa fii duudha’aa- ayaa, beeggii, ulfina, kaaya fii faaya kabajjaa namoominaaf 71leemmon quudhee ganama dabarse san, irratti ‘mmallee, malaa fi fala horannoo taligaa jireenyatiin wajji akkuma ufii ’tti bulaanii fi horan san 72miju’uun dhala ufii dhaalchisanii yoon du’an, duuti sun du’a sheenaa fii gaabbii hin qabne taati. Maqaa gaaritu nama duubatti hafee, du’a gam-lachuu4 san du’uu nama laga.

Si aniin kun ka dhaloota ammaa, badadee ‘kka abbaa kiyyaa himu hin maxxansin, reebu hin ardaallomin, arjoomee tola namaa ‘n oolin, ittisee lafa abbaa kiyyaarratti hin abboominiitii; hanguma fi akkuma aabbo’oo sanuu balfuun kiyya maal ree? Moo 73folloqqee tanan 74waa-jabo godhe? Baree maal ufii tareetan, aabba ka waa naa taretti taree, wallaala isaa…“Godaantee baddaa hin jirtu, ooltee baddana hin jirtu, ufjajjuu joollee ammaa, ijaa cirmiin barana,” jennu tahaa, xiqqo areerree mammaaksicha. Yoon ka waa nuu taru taate, achi ufii ol lallaburra 75gurra achi qisuu barra silaa. Tan aabborraa fuudhe jabeessee, ta ormarraa bitadheen akka isiin itti wal fudhattu milaanmilchee, mala ilma dhiiratiin dagalfadhee, walitti 76waldeessee yoonin jiruu ittiin faladhe wanti hin taaneftammeedha? Malaan wayyiifuu warri adaadin nudura tlluuu caalaa ardii birorra bayeehuu gad-dacha’ee, aabba ka nuti tuffi’ii, waan inni je’u hin dhageeffanne milammilchu’uun,afaan gossaa.silla ro’oo ‘kkasii dhandhamee, copha isii idiggilee elmadhee, raasee suurre ‘rraa naqee, dhibaayyuu aabo’oo miilan lafarra dhiituu guddinaatti hin herregu.Qoonqofuu agabee,obbol too tiruun aayyaa, qerranso’oon bishaan afaan nabuusuu,ka gurmuun irra sololiitu,qarbata jiilcha baattee gala’n taane, tirata, ciniinnata man-geesse, naaf jecha onne’ee ‘n cittuu? Akka waan ilma abbaan, durii, baaduu dhibaasee,ilmoo binoo’n quubsinii, quubsee ‘n bachacheessinii!

77“Nan ofadhe” hin je’u! dabreetan koonnisa kale-dhuftee,bar-fidee haala baraa,namaa ‘mmoo bor-yaanaa,helarraa taatu; machii mirqaana 78saada.Dhaltii gurgureetan al-magaalaa bubbulee,fixadhee duwwaawa.duwwaawee oso qullaa qulqulluu galee 79fiiga hin baane silaa!Takkaaretan bar-baruu didee, mataa bar-fidee dhukkuba saalaa uf cuuphee,miila 80toora gala ‘n qabne kaayee,galee warraan karraafa! kolkolool!jechuun nama hin hanqiftu,hanqatan halaalumatti.Tun battala- irree taatee, na qofarrattillee hin haftu, gogeessatti tarkaanfatti,jala-baati,marii biyya guututi.kan jaarsa fii laajimaa, keessumattuu nuyi, kan dhiira maraati. Aabbon, “Ana taatee,odooni aabboo taatee…” je’eet 81Dambalee guyyaa/gaafa 82 gur-uraa dhahatu keessatti, 83gurra fi guuutun godoo galiitii, abbaa isaatif quudha. Akka abbaan isaa, isa caalu qooqa ol-fudhee hima’aa. Nuti ‘mmoo dabrineetuu tuffanna, tan dhaalle niwaakkanna, hin-jirree 84ni aalanna. Horsiifnee hin mul’ifnuu, kan hore nyaannee fixna. Akaakoo dheedni diiida, dagaagaa gorbaati ol, hora sama’aa gadi,…! Aabbon ciqiletti hafe, an 85fiinxedhan harkaa qaba. Tatanarra tamtu baasa ree? An aabboo jilbaa gadi, aabbonis 86akee mul’ii gadi. Gad-shokokaata dhawaatumaanii!

“ Uleen Leedii,

Saayya Uleen Leedii

Aabba dhugaan teetii,

Nutti araarami!”

XOOPHIIS?

$
0
0

Kan walaleesse: Eebba coqorsaa

“saabota badawoo
arnyoota tigrootaa
agaaziin “utubee
hidda nurra dhaabee
“yooqxaan”lafa cubbuu
“itiyiyoophiis akinaahus”
yaa ilma “bulqaayyaa”
deesse “tuutii agili’ee”
saabota lammataa
lallabbii birmannaa
seenaa saba biyyaa…!

Biyya gabra bulee
og-barruun kijibaa
gaafatu irraacabaa
loon hinqane abbaa
ta’ee usnee mallee
waan dubbannu qabnaa
maaf irraan barannu?
Seenaa saba keenya
waan garaa nugubaa!
Baatiin bara keenyaa
guyyaan herregamee
har’a guyyaan geenyaan
qaroomini duniyaa
nuun jalqabuusaa
dooriin gadaa dhaamee
gadaanis luboomee
seensa seenaa oromoo
dabballetti room’uu
ayyaan-nusardamee!
Dabtaraatti himuu
dhaloonni dirqame!!

Feetu xoophiis jedhii
umrii dheereffadhu
feetu absiiyinoomii
abashaa himadhu
seensi seena keeti
golgeen kan seemotaa
kuushin hindhoksine
kusheen nafxanyootaa!!

Uumatuu sibadee
seera hintumattuu
safuu hinlaallattuu
akka hortee jinnii
saba walibuusuu
yemanitti eegaltee
qomoo qomoon dhooytee
“yaroobaa” moosiftee
nutti as dabartee
kan yemaniin gooteen
armaaniyaan mootee
maqaafi handhuura
adunyaa miliiqsuuf
qaroomina sabaa
saabaan bakka buusuuf
kabajamaa ormoo
“gaallaa”dhaan moggaafte!

Axee galaadiyoos
inni ittiin eegalee
moggaafama maqaa
moggeen bahu qomoo
sabi hinsarmine
jijjiirama miilaa
mataan ilma oromoo!!

“nafxanyaa” siinjedhaa
situ ofiinjedhee
santuu maqaa keeti
ofii wal-ajjeesuun
dheengitee qomoo kee
sanyii kee damacuun
isatu gootummaa
du’aafi ajjeechaa
akka dhaadannootti
ilaaf ilaameen kee
“qaweedhaan si bulchaa!”

Waa’ee walqixxummaa
ati nun barsiiftuu
waaqan nun badhaasee
dure sirna gadaa
dimokraasi dhugaa
kan adunyaan cuftuu!
Har’a ittiin- leelliftu!

Xoophis sifin himaa
feetu waggaa kumaa
jettus kuma sadi
kee umriin gabaabaa
at ofii dheeressaa
jettus kuma duudii
of-booharsuuf jecha
moora morta badii
meeluu miliyeenamaan
dhiibdus oromummaa
inni umriin dheeraa
siin dhokfamee malee
waggaa dhibba tokkoof
digdamii fi lamaa
armaan duuba goree
armaaniyaa turee
oromiyaan kana!!

Bar-qawween at reebde
bokkuun si simatee
bar-beelli sijeejee
beel- dheebu
si baasee!
Bar-itti baqatte
ofii adutti aanee
siif ammoo
gaaddisee!
Namummaan kee
xoophiis?
Badaa is-xooxesse!!

Fardarra sii buu’ee
sikorsiifnaan kooraa
kunoo ofin barree
keessummaa ta’uu kee
gan- dhibbaaf didigdamaa
lama bultus shiraa!
At achum jirta
duudga ribuu irra
baadhatamuun kee kun
darbamtu siif gala!!!!!?

Walaabuu burqinee
gannaalerraan baanee
eezyiyarraan buunee
maadagaaskaar ceenee
sun giiroo keetimii
giiroo dhuftee keenyaa
ati nuttin himtuu
keetuu mala dhabee
si tollaan xoophiyaa
sii dabnaan absiiniyaa
seenaan kee daddabee
labsita hammeenya
dhuftee kee soqadhu
galtee keen morminaa!

—————————

Hagayyaa 23, 2013

 

Sammuyyaa Habashaa Bardhibbee 21ffaa Keessaa

$
0
0

  Taammanaa Bitimaa irraa

                                                              27. 07. 13

Akkan barreeffata kana dhiyeessuuf kan sababa naaf tahe, sammuyyaa Habashootaa isa kunoo gara torban sadii irraa kaasee biyyalafaa (addunyaa) tana irratti qullaa of- dhaabee of-muldhisaa jiruu kana. Habashoonni sammuyyaa isaanii isa: wallaalummaa, duubattafummaa, bineensummaa, bisaambisummaa fi doowa (“violence”) irratti dhaabate kan agarsiifatan (“exhibition” godhatan) sababa lama irraa ka’uudhaani. a) Obboo Jawaar Mohaammad gaazexeessitootaan gaafatamnaan: “ani dursee Oromoo dha” waan jedheefi. b) Dhaabbata fagomuldhiftuu (telebiijinii) kan biyyalafaa tana keessatti beekamaa fi faarfamaa tahe, Aljaziiraa-n mataduree: “Oromo Seek Justice in Ethiopia” jedhamu jalatti waayee uummata Oromoo waan dhiyeesseefi. Isaan kun lamaan Habashoonni akkuma keenya biyyambaa keessa jiraatan, bututtuu isaanii gatanii akka maraatuu gabaa keessaa tahan isaan godheeti jira. Wanni isaan torban sadan kana keessa Oromoo irratti adeemsisaa jiran, jarri kun namoota ofis, uummata Oromoos kan sirriitti beekan akka isaan hin taane, nutti muldhisee jira. Jarri bakka jiranii fi bara keessa jiranillee wallaalanii jiru. Wallaalummaan kun garuu kan namni wayii isaan aguuggachiise otoo hin taane, kanuma isaan of-aguuggachiisani. Kanaaf, barreeffanni kiyya inni harraa kun sammuyyaa jarreen kanaa irratti kan xiyyeeffame taha.

Mee waan hundaafuu hiikkoo jecha “Sammuyyaa” jedhamuu kanaan durseetoo ibsuuf yaala. Jechi kun jecha Oromoo isa “sammuu” jedhamuu fi manxantuu “-yyaa” jedhamtu irraayyi baafame. Kunis: “summuu + -yyaa > sammuyyaa”. Sammuyyaan jecha Afaan Ingilizii isa “mentality” jedhamuuf kan kenname. Galmeewwan jechootaa kan Afaan Oromootiin bayan keessaa waanan jecha kana barbaadee dhabeefan, amma kanaa gaditti isuma Afaan Ingiliziitiin jiru isiniif qooda. Jechi kun afaan Ingiliziitiin waan hiikkolee lamaa-sadii qabuuf, isan ani ka’eef kan tahu callaan as irra kaaya. “Mentality – a way of thinking; mental inclination or character”. Egaa amma yaadundee (“concept”) jecha sammuyyaa jedhamuu erga qalbeeffannee, mee wajjumaan jala deemnee sammuyyaa Habashoota “keenyaa” kan durii fi kan ammaa haa xiinxallu.

Obboo Jawaar: “ati dursitee Oromoo dha moo nama Toopphiyaati?”, jedhamee gaafatamnaan ani “ani dursee Oromoo dha; Toopphiyummaan kan natti fe’ame”, jechuun deebii dhugaa irratti bu’ureeffame lafa kaaye. Deebiin kun mee waan Toopphiyaa isaanii ishii: dhiiga, lafee fi imimmaan uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaatiin hundeeffamtee, ammallee mana hidhaa uummatootaa fi sabootaa taatee jirtuu tana, kan isaan jalaa diiguu miti. Impaayera isaanii ishii bosobbofte tana keessa uummatoota garagaraa, kannneen afaanota garagaraa 76 ol tahe, akka jiran mootummaan isaanii inni duriis inni ammaas hin haalle. Mee akka Oromoonni tokko tokkoo fi jaarmoleen Oromoo lamaa-sadii abjootaa jiranitti, Toopphiyaan dimokiraateffamtee haqnii fi mirgi uummatoota ishii keessaa guutuu-dhumatti eegameefii, fidhee ofiitiin waliin jiraatu haa jennu. Amma Oromoo tokkoof, Afaar tokkoof, Hadiyyaa tokkoof yookaan Somaalee Ogadeeniyaa tokkoof yoo gaafiin kanaa olii sun dhiyaateef: “dursee ani Oromoo dha; dursee ani Afaari; dursee ani Hadiyyaa dha; dursee ani Somaalee Ogadeeniyaa ti” yoo jedhe, maali badiin isaa? Kun waan jiruu fi dhugaa ija banatee lafa taa’u waan taheef, wanni kana irratti nama falmisiisu wayiituu hin argamu. Oromoon yoomumaa Oromoo dha. Impaayerittii keessas jiraatu, Keeniyaa faas jiraatu, Ameerikaas jiraatu kan biraa hafee Maarsii irra bayeellee jiraatu Oromoodhuma. Biyya kam keessayyuu, uummata kam waliinuu jiraatu inni dursee Oromoodhuma. Jiraan isaas, du’aan isaas Oromoo dha. Dhumte dubbiin!

Garuu, kun carraa uummata Oromoo tahee gaafii fi deebiin kun amma otoo hin taane, waggaalee 35 dura ka’uun deebifamee ture. Kan oggaa san gaafate Amaartota Waashingitan Diisii jiraatan yoo tahu: “ani duris Oromoo dha; yoomuu dursee Oromoo dha”, kan jedheetoo deebise jagnicha Oromoo nama maqaa qalamaatiin kitaabee seena-qabeettii “The Kindling Point” jedhamtu baasuyyu, obboo Hordofaa Qabsiisaa Loltuu ture. Hubaddhaa, gaafiin sunis waggaalee 35 keessa tokkollee hin geeddaramnee! Habashoonni fi sammuyyaan isaaniis waggaalee 35 kana keessa tokkollee hin geeddaramnee! Afaan isaanii isa Afaan Amaaraa jedhamu keessa waan “bayyaallabbat rigax” jedhamu tokkotu jira; “bakkuma dhaabbattetti lafa dhiiti” jechuu dha. Jechi kun jecha loltoonni waraanaa ittiin leenjifamani. Kan biraa yoo dhiifne, muummiyyeewwan Amaaraa ammallee, kunoo waggaalee 35 guutuu bakkuma duraan jiran san dhaabatanii lafa dhiitaa jiru jechaa dha. Uggum yaa nama! Uggum yaa bara! Kanaan maal jechuu dandeenya?

Jarri kun Amaartota ta’anii otoo jiranuu, waarroo Toopphiyaa jedhamu jala of-galchuu dhaabbii fi imaammata ofii isa hangafa godhatanii argamu. Aadaa, afaan, polotikaa fi fedhii Amaaraa adeemsisaa otoo jiranuu, “kan Toopphiyaati” jechuun ifumatti nama gowwoomsuuf dhamawu. Maali amma gaafiin obboo Jawaariif dhiyaate sun otoo isaaniif dhiyaachuun: “dursitee ati Amaara moo nama Toopphiyaati” jedhamanii yoo sobuu baatan, “dursee ani Amaara; ittaansee-mmoo ani nama Toopphiyaati” akka jedhan ni beekama. Yoo isaan akkana jedhan kun dubbii dhugaa isa lafa jiru malee, waan biraa miti. Kun impaayera isaanii, ishii faashistichi isaanii kan Minilik jedhamu ijaareef san, kan isaan jalaa mancaasuu miti. Biyyuma kam keessattuu jechuun biyya, biyya sabdanee (“multi-national state”) tahe keessatti namni dursee kan himatu sabumu ofiiti. Dursanii saba ofii himachuun kun gonkumaa waan biyya sabdanee san miidhuu miti. Isaan jaalatanis, jibbanis harra obboo Hordofaa fi obboo Jawaar kophaa isaanii miti. Oromoota kitila (miliyoona) 46-tu isaan wajjin tarree galee: “nuti dursinees Oromoo dha, ammas daballee Oromoo dha!”, jechaa jira.

Gara qabxii isa duraa irraa gara isa lammaffaatti yoo dabarremmoo, “gudii/ guddii” fi salphina muummiyyeewwan Amaaraa kana, ee kan Habashaa haa jennuutii isa kanaa olii caala ifumatti agarra. Dhaabbanni telebiijinaa, Aljaziiraan mataduree: “Oromo Seek Justice in Ethiopia”, jedhamu jalatti waayee hacuuccaa fi roorroo uummata Oromoo irratti yeroo ammaa adeemsifamaa jiruu, akka oduu fi gabaasaatti dabarsuun isaa muummiyyeewwan Amaaraa bakka jiran maratti duula hamaa akka isa irratti oofan taasisee jira. Raajii Waaqaa, safuu namaa jarri kun silaa maal barbaadu? Sammuun isaanii hojii isaa san “yaaduu” dhaabee jira moo? Isaan akka uummanni Oromoo uummatoota Toopphiyaa isaanii keessatti argaman keessaa, isa tokko akka tahe ni beeku. Erga impaayera Toopphiyaa Wayyaanee jalaa baafnee, tokkummaa ishii kan Wayyaaneen mancaase san deebifneetoo ijaarra jedhanii, uummatoota harra kottee warra Wayyaanetiin dhiddhitamaa jiran bira dhaabachuu dha qabu. Ennaa Wayyaanonni uummata Oromoo, uummata Ogadeeniyaa, uummata Sidaamaa, uummata Gambeelaa fi uummatoota Laga Omoo itti-duulanii gandeen barbadeessanii, qeyee onsanii, lafa irraa buqqisanii, kaan ajjeesanii kanimmoo manneen hidhaatti naqan “uummatoota isaanii” kana cinaa dhaabachuu qabu; iyyannoo isaanii biyyoota alaatti dhageessisuufii qabu. Egaa kun nama loojika irratti of-dhaabe fi nama sammuun isaa hojjatuufi. Nama loojikni qeyee isaatti hin argamnee fi nama sammuu fi ijji isaa jibba, dabrees sanyummaa irratti hundeeffameef kan hojjatuu miti. Otoo mee sammuyyaan isaanii sammuyyaa abaabayyuuwwanii fi abbootii isaanii irra wayyaawee, sammuyyaa bardhibbee 21-ffaa keessaa tahee, isaan Aljaaziraa irratti duuluu mitii isaaf badhaasa erguuf ture. Erga isaan uummata Oromoo akka uummata Toopphiyaatti ilaalanii, erga “claim” godhatanii nama uummata isaanitiif dhaabate arrabaa fi shimalaan dura hin dhaabatanii eebbaa fi galtaan bira dhaabatuuyyu. Haatahu malee, muummiyyeewwan Amaaraa fi: loojikni, dhugaan, haqni ilmoo namaa, laga ofii ceyanii yaaduun, akka bardhibbee 19-ffaa yookaan 20-ffaa mitii akka bardhibbee 21-ffaatti yaaduun dugdaa fi garaa dha. Homaa wal hin argatan jechuu kiyya.

Namoonni fi jaarmoleen Oromoo tokko tokko impaayera Toopphiyaa dimokiraatessina nuun jechaati jiru. Nuti impaayeroota hurreeffamanii kosii seenaa keessatti darbataman malee, kanneen dimokiraateffaman ibsaan barbaannee arguu hin dandeenye. Dirqamni keenya, dirqamni dhalawwan Oromoo impaayerittii mana hidhaa hamaa nuuf taate tana, ofirraa darbannee darbachuu dha malee, ishii of irratti supphuu fi wawayyeessuu miti! Mee haa tahuutii, jarri keenya kun Habashoota impaayerittii wajjin nuuf supphan eessaayyi argatu? Biyyoota alaa irraayyi akka meeshaa daldalaatti: Jaappaani fi Shiinaa, Jarmanii fi Ameerikaa faa irraa ol nuuf galchuu? Moo Habashoota keessumaa Amaartota kiniinii wayii kan walqixxummaa fi haqa sabootaa isaan beeksisu kennuufi? Kunoo, dubbiin obboo Jawaari fi dubbiin Aljaziiraa akka muummiyyeewwan Amaaraa homaa hin jijjiiramne ballaq-godhee nutti agarsiisaa jira!

Biyyee fi Biyya Oromoo keessaa Oromiyaan erga mooticha Amaaraa, Minilik saniin duula waggaalee 31 (1868 – 1899) booda dirree waraanaatti cabsamuun qabatamee, kunoo barri sonaan dheeraa tahee jira. Ginni-bittee Hababashaa waggaalee 400 guutuu Oromootti duulaa turullee, oggas isaanis, Oromoonis: eeboo, shootalaa fi gaachana callaan waan lolaa turaniif isaan hamma tokkollee hin milkoofne. Walakkeessa bardhibbee 19-ffaa keessa garuu, isaan maqaa Kiristaanummaatiin meeshaa waraanaa kan ammayyaa humnoota Oroppaa ennasii: Biritaanii Guddoo, Faransaa, Xaaliyaa fi Rusiyaa irraa waan argataniif, san irrattuu leenjiftoota waraanaa, kaarta-qartuu fi riqicha-tolchituu faa waan argataniif uummata Oromoo moyanii koloneeffachuu dandayani. Uummannii fi sabni Oromoo keessumaa Oromoonni daangaa Biyya Habashaatiin timjeeffaman kanneen akka: Oromoo Raayyaa, Oromoo Walloo, Oromoota Oromiyaa Waltajjii (Tuulamaa fi Macca Bahaa) fi Oromoota Wallagga Bihaa (Guduru, Jimma Raaree, Horroo fi Amuuruu) isa akka dallaa sibiilaatti waraana Habashaa ofirraa ittisaa ture moyanii, Oromoota biroos qabatani. Dabraniiyyuu uummatoota Kibbaa qabachuu dandayani. Duula hamaa kana keessa wanni suukkaneessaan weerartoonni Habashaa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti hin adeemsifne hin jiru. Kanneen keessaa harma-muraa fi harka-muraan Aannolee inni Oromoo Arsii irratti, funyaan-muraa fi morma-muraan gorroo Calanqoo inni Oromoo Barentuu irratti, lafarraa duguuggiin inni Oromoo Gullallee fi Darraa (kaaba Salaalee) irratti, qaama-hormaata dhiiraa cirannaan inni Oromoo Sooddoo fi Walisoo irratti adeemsifame hanga harraattuu uummata keenyaan yaadatamaa jira. Ciibsanii akka hoolotaa nama qaluun inni uummata obbolaa keenyaa Walaayitaa irratti oofame, lafarraa duguuggiin inni uummatoota tiruu Oromoo Kafichoo fi Dimmee irratti adeemsifamauun uummatoota kana dhibbayyaa 70 (“70 %”) fixe homaa hin irraanfatamne; yoomiyyuu hin irraanfatamusi. Eekaa, dhibee namaa fi loonii kan isaan duukaa-dhufee fi waraana isaanii saniin uummanni Oromoo kitilli shan (5 000 000) dhumuun lakkoofsi uummatichaa kitila 10 irraa gara kitila 5-tti gadi bu’e. Kana amlees, lafti lafee Oromoo tahe, dhibbayyaan 70 irraa fudhatamuun uummanni Oromoo guddichi gabbaarii fi ciisii isaanii tahe. Carraan uummatoota Kibbaallee akkuma kan Oromoo kana tahe.

Kana caalayyuu uummatoota Laga Omoo, Laga Dhiddheessaa, Laga Abbayyaa fi daangaa Sudaanitti dhiyaatanii jiratan kan nu irras, isaan irraas (Habashoota irras) gurraachawan, garuu akka amantii Oromoo isa Waaqeffannaatti uumaa Waaqaa fi tiruuwwan Oromoo tahan itti-duuluun akka bineensaatti adamsanii qabachuun gabaa biyya keessaa fi gabaa addunyaatti ittiin daldalachaa hamma jaarmayaan addunyaa kan “League of Nations” jedhamu, bara 1922 isaan dhoorkutti ittiin daldalachaa turani. Habashoonni uummatoota kiyya kanaan duris, harras gabra (“baariyaa”) jedhuuni. Harrallee kan akkana jechuun isaan kana waamu Amaartota magaalaawwan Oromiyaa keessa jiranii fi kanneen Gondor faa jiran qofa otoo hin taane, Amaartota amma obboo Jawaar Mohaammadii fi gaazexeessitoota Aljaaziraa fannisuuf: Waashingitan Diisii, London, Torontoo faa keessaa wawwacaa jiranisi. Isaan USAa keessa jiraatan keessaa gariin san bira kutaniiyyuu harrumallee obbolaa keenya, Afroo-Ameerikaanotaan gabroota (“baariyaawooch”) jedhuuni. Ani kanan as irratti kana fideef, nuti uummatoonni impaayerittii isaanii keessatti ammaaf argamunu sammuyyaa akkamii wajjin qalamaanis tahu, qabsoo akkamii akka adeemsisaa jirru jala harriquufi.

Duulli hamaan isaan obboo Jawaar, Aljaziiraa fi achumaan uummataa fi saba Oromoo irratti oofaa jiran raasaa kana (jidduu kana) akka oddo-kabree isaanii san itti-hammaatee malee, kan harra jalqabame otoo hin taane, itti-fufiinsa duriiti. Bara 1992 keessa yommuu mootummaan isaanii kan Wayyaaneen gaggeeffamu qabsoo saba Oromootiin dirqisiifamee, rifoormii waayee afaanii gochuun ijoolleen Oromoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin, Qabee Oromootiin barachuu eegalte san duula hamaa fi fokkisaa Oromoo irratti oofuu jalqabani. Ijoolleen isaanii (kan warra Amaaraa) ishiin magaalaawwan Oromiyaa kanneen addaddaa keessa jirtu hiriira bawuun, barsiisonni Amaaraa barsiisuu dhaabuun haqaa fi mirga Oromoo dura ijaajjani. Raajii Waaqaa, namni “afaan kiyyaanan baraddha; afaan kiyya hin miidhinaa” jeedhetoo hiriira baya malee, “isin afaan keessan dhiisatii kan kootiin baraddhaa” jedhee hin bawu. Amman ani beekutti kun addunyaa tana keessatti takkaa tahee hin beeku. Isa duula badaa warri Amaaraa Oromoo fi Oromummaa irratti haaromsanii jalqaban, qeessonnii fi daaqonoonni isaanii kanneen Oromiyaa keessaa: “Qubeen hojii sheexanaati” jechuun dibbegudda rukutanii, shaashara facaasanii, dhaddhaabbata mirmirsanii olka’ani. Kan biraa hafee taabota isaanii kabajamaa sanillee daboo waammachuun laga ximqataa irraa: “taabonni hamma Qubeen sheexanaa kun biyyaa bawutti hin galu jedhe”, jedhani. Oromoon Amboo garuu taabotas, qeesotas achumatti dhiisee bakka Qubeen itti-baratamtutti qajeele. Taabonni isaanii silaa Afaan Oromoo “hin dubbatuu” turjumaannis, abbaan-murtiis (daanyaanis) isaanuma jechaa dha. Waan biyyaa baafamuu kana maaf simaamaloo dharaa taabotatti himuun: taabota, uummata Oromoo fi Waaqa duratti soba dubbatu? San bira kutaniyyuu intala Oromoo tan magaalaa Caancootti (naannoo Sulultaatti) Qubee Oromoo uummata Oromoo barsiisaa turteeyyu, lubbuun ishii jannatatti haa galtuutii ishiin duunaan “bataskaanatti hin awwaalamtu” jedhanii dhoowwani. Bataskaanni sun qabeenya fi humna eenyutiin, biyya eenyuu keessatti, lafa eenyuu irratti akka ijaarame isaan ija cufachuun of-wallaalchisanillee taabonnii fi Waaqni ni beeku. Uummanni Oromoo guddichi kunis sirriitti beeka.

Gara boodaas yeroo mootummaan USAa Waashingitan Diisiitti akka raadiyoon isaanii kan afaanota biyyoota danuutiin dabarfamu, Afaan Oromootiinis akka dabarfamuuf hayyamuun bansiise, ilmaan nafxanyootaa isaan dira (“metropolis”) sanii fi naannoo isaa jiraatan hiriira bawuun dura-dhaabatani. Kan nama dhibu ennaa mootummaan alagaa afaan “biyya isaanii” keessa jiruuf, afaan Afrikaa tokkoof raadiyoo banu, silaa mee otoo sammuun isaanii jibbaa fi sanyummaan cufamuu baatee, “asshuu baga bantaniif!”, jedhaniiti hiriira bawuuyyu! Haatahu malee, sammuun gara sammuu Raas Dargee fi sammuu Minilik faatti of gadi-deebise kana yaadaa-ree? Sammuun akkanaa kunimmoo amma obboo Jawaari fi gaazexeessitoota Aljaziiraa irraatti gocha Aaannolee fi gocha Calanqoo karaatu hin mijoofneef malee, adeemsisuu irraa hin deebiyu. Namni baraa fi sammuu Minilikii fi kan Raas Daargee faatti of gadi-buuse, gocha jarreen kanaa hordofuu irraa of hin qabu. Garuu, barris bara Minilikii fi bara Raas Daargee san miti. Oromoonis Oromoo bara sanii miti; dhaloonni Oromoos kan barasii miti; addunyaanis addunyaa bara sanii miti! Dhugaa, baraa fi haqa ilmoo namaa kan bardhibbee amma keessa jirruu kanaa beekudhaani malee, sheexanni isaan ganamaa-galgala kaasan sun obboo Jawaari fi Aljaziiraa faa isaanitti ergeetii miti! Barris, namnis kan biraa tahuu isaa ammallee isaaniif hin galle jechaa dha.

Waan hundaafuu duulli isaan amma obboo Jawaari fi Aljaziiraa irratti dabrees uummataa fi saba Oromoo irratti adeemsisaa jiran kun bokonnaa (“camp”) Oromoo qulqulleessaa, Oromoo walitti qabaa, humnaa fi irraa Oromoo jajjabeessaa jira. Bokonnaa Oromiyaa bira dabreetuu saboonni fi uummatoonni akkuma Oromoo harqoota gabrummaa Habashaa jalatti argaman: Afaaronni, Somaalonni Ogadeeniyaa, Sidaamonni, uummanni Gaambelaa faa kana irrattis mararfannoon (“solidarity”) akka uummata Oromoo cinaa goran isaan taasisaati jira. Eekaa, “yoo funyaan rukutan ijji boochi” jedha mitiiree mammaaksi Oromoo? Haatahuutii, isaan nutti haa duulanii, nutti haa wacanii mee nuti Oromoonni ammuma irraa kaafnee maal maal faa gochuu qabna? Qabsoon bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa qabsoo salphaa wayii otoo hin taane, qabsoo du’aa fi jireenyaa ti. Qabsoo du’aa-jireenyaa kana galma isaatiin gawuuf, wanneen godhamuu qabantu ija-babbaasanii nu eeggachaa jiru. Egaa wanneen kana akka dubbiin nuu gabaabbatuufan armaan gaditti tokkoo-lamaan lafa kaayuuf yaala:

1) Kan ammaa caala uummanni Oromoo alaa-manaa, gaaraa-dakaa, magaalaa fi baadiyaa irraa karaa addaddaatiin of-ijaaree, walis ijaaruu qaba. Uummata karaa hundaan ofi-jaaree ka’e callaatu waanjoo gabrummaa baatee jiru san caccabseetoo darbachuu dandaya. Of-ijaaruu oggaa jedhamu karuma taliigaa duwwaa-dhaan of-ijaaruu qofa miti. Uummannii fi uumeen keenya kun karaa garagaraatiin ijaaramuu jechaan: dubartoonni, dorgaggoo-shamarran, hojjattoonni, qotee-bultoonni, daldaltoonni, seedattoonni, gaazexeessituuwwan, barreessitoonni, artistoonni, barattoonni, barateeyyiin (“academicians”) faa of-ijaaruu-tu isaanis, uummataa fi biyya isaaniis kan baasu taha.

2) Warri akka irranatti ibsametti of-ijaaree, walis ijaare kun walitti qabamuun gaaddisa Odaa jalatti walgawuun ijaarsa ijaarsotaa tokko gurmeeffachuu qaba. Ijaarsi ijaarsotaa kun jaarmolee malbultii (siyaasaa) fi addoota bilisummaas of-jalatti hammachuutu irra jira.

3) Jaarmoleen taliigaa fi addoonni bilisummaa Oromiyaa kanneen sagantaalee walfafakkaatu qaban, fedhii ofiitiin walitti baquuf qabsaawuutu irraa eegama. Walitti baquun kun daddhabamnaan akka jaarmolee obbolaatti walilaaluun wajjin hojjachuu qabu. Wal-masaaneffachuu fi walirraa qoqollifachun kun kan isaanis, uummata Oromoos eessanuu gawuu miti.

4) Dureewwan Oromoo kanneen ijaarsa kamiyyuu tahan of-sirreessuu fi caala kutannoon ka’uudhaan akkuma dureewwan qabsoo tokkootti nu gaggeessuu qabu. Moggaa moggaatti qoqollifachuu kana dhiisuun uummata ofiitti hiiqanii, uummata ofii oolgatanii deemuutu isaan irraa eegama. Suuta suutas dhaloota haaraa gara oliitti akka siqan gargaaruunis dirqama Oromummaa fi dirqama hogganummaati.

5) Uummannii fi sabni Oromoo inni humna qawweetiin qabamee, ammallee humna qawweetiin bitamaa jiru karaa maraan hidhatee, wal-hidhachiisee olka’uutu galma bilisummaa isa dhaqqabsiisa. Diina hidhatee namatti dhufe hidhatanii ofirraa deebisuun namaanis, Waaqanis kan eebbifame. Namoonni fi jaarmoleen tokko tokko kanneen “qabsoon hindhannoo nu hin baasu” nuun jedhan, kun uummata keenya afaan yeeyyiiwwanii fi qarriffoo majaalee (waraabeyyii hamoo) keessatti hambisuuf waamicha gochuun walqixxee taha. Kanaaf, karaa hundumaa hidhannee, karaa hundumaas uummata keenya hidhachiifnee tarkaanfachuutu karaa nu baasu taha.

6) Tokkummaan Oromoo kan ammaa caala, ee hedduu kana caala jabaatee, dabreeyyuu akka sibiilaatti kan eenyuu dandayee isa hin cabsine nuuf tahee adeemuu qaba. Tokkummaan ani baanu kun tokkummaa addoota bilisummaa fi jaarmolee taliigaa qofa miti. Oromoonni alaa-manaa bakka jiran cufattuu tokkummaan ka’aniitoo tokkummaa isaanii kan jiru jabeeffachaa kan hin jirremmoo ijaarrachuu qabu. Tokkummaan kun warreen, gandeenii fi hawaasota irraa ka’uun jajjabeeffamaa ol-adeemuu-tu irra jira. Ol-adeemee sadarkaa biyyalafaa dhaqqaba jechaa dha. Uummanni Oromoo kan waldhabe araarsee, kan walitti diinome firoomsee, kan wal-ajjeesellee gumaan dubbii raawwachiisee, walitti qabee walitti gumeessuuf muuxannoo tuulamee, tuulamee jiru qaba. Olii-gadi ceccewuu irra gara madda keenyaatti deebinee, irraa waraabbachuun tokkummaa keenya cimsachuutu nu baasa!

7) Oromiyaa tan Oromooti. Haatahuu malee, haqni warra bicuu tahanii guutumatti eegamuu qaba. Kan nu gabroomfate, kan dhiiga keenya xuuxxachaa ture, kan ammallee xuuxxachaa jiru gita-bittee Habashaati malee, uummata Habashaa (uummata Amaaraa fi Tigree) miti. Kana nuti durattis, ammas addumaan baafannee beekna. Kanammoo gara biyyoota biroo adeemnee kan baranne wayii miti. Seenaa uummanni keenya bardhibbee akkaan danuu keessa qaxxaamuree as gaye sanitu manneen barumsaa nuuf taha. Qaroomina (“civilization”) Gadaatu akka gita-bittee Habashaa faa gulantaa bineensummaatti gadi hin buune nu dhoorka. Kanaaf, wacnii fi duulli muummiyyeewwan Amaaraa amma nu irratti oofaa jiran, ilaafii-ilaamee (dimokiraasii) Gadaa isa sirna siyaasaa bira dabree qaama aadaa keenyaa tahe kana gonkumaa nu dagachiisuu hin dandayu.

8) Oromiyaa keessatti afaan biyyaa Afaan Oromoo tahuu eenyumtuu beekuu qaba. Ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kam keessattuu, yoo unibasiitotaa fi kolleejota Afaan Ingiliziitiin barsiisan tahe malee, afaan ofiitiin barachuu qabdi. Ammaan tana ijoolleen Oromoo afaan qawween nutti dhufee qawweenis nutti fe’ame san, Afaan Amaaraa wanni barattuuf sababni wayiitu hin jiru. Gayeen gayee dhaa afaan qawwee kun nu irraayyis, Oromiyaa irraayyis ka’uu dha qaba! San bira dabreeyyuu namoonni Oromiyaa keessa akkaa waaraatti jiraatan afaan biyya keessa jiraatanii kana, Afaan Oromoo barachuutu isaan baasa. Kun mee seera biyyoota addunyaatii! San irratti ijoollee Amaaraas tahee, kan warreen biroo bakka tuuta-tuutaan jiraatanitti afaan ofiitiinis barachuun seeruma. Kana irratti warri amma “Oromiyaa nutu bulchaa jira” nuun jedhan, warri OPDO miila isaanii lamaanin dhaabachuun isa jedhame kana hojii irra oolchuutu isaan baasa. Jalakaattummaan Afaan Amaaraas, jalakaattummaan warra Wayyaanees inni isaan adeemsisaa jiran kun eessumaanuu isaan hin gawu! Uummata isaanii, uummata Oromoo galaana Abbayyaa kana wantaa taasifachuun oljechuu qabu! Kana malees, kunoo jidduu kana namoonni akka dureewwan Oromootti of ilaalanii fi waldaaleen tokkoo-lama gara jalakaattuummaa afaan qawweetti, Afaan Amaaraatti ceyaa jiru. Jarri kun qaanii fi salphina kana mataa ofirraa akka darbatan abdii qabna!

9) Harra nuti Oromoonni bineensummaa fi bisaambisummaa mootummaa Habashaa kan durii fi kan ammaa baqachuun garaa waaqa jalatti akka urjii faffacaanee jirra. Kunoo, ardiiwwan (“continents”) ilmoon namaa keessa qubatee jiru jahan keessatti argamna. Ardii Afrikaa teenyaa kana keessayyuu Kaayiroo irraa hamma Keptaawon-itti, Daakaar irraa hamma Maqadisoo-tti faffacaanee muldhanna. Ardiin xiqqattiin sun Awustiraaliyaa-nillee, biyyi xiqqashoon sun Ayerlaandaa-nillee namummaan nu simatanii akka ilmoo namaatti nu ilaalaa jiru. Habashoonni biyyuma keenya keessatti, dacheedhuma teenya irratti bakka ilmaan bineessatti gadi nu buusanillee, biyyoota itti-baqanne gara daran irra caalan keessa akkuma ilmoo namaatti jiraanna. Dhalawwan Oromoo dubartii-dhiirri gariin qurxummii nama-nyaataa, shaarkiin liqimfamanii hafanillee, kaan adaala Sahaaraa faa keessatti cirrachaan awwaalamanillee akkuma Waaqni ganamumaan Oromoo eebbise sanitti bakka deemne maratti wal-horree, hammi tokko ijoollee ijoollee teenyaa-llee agarree jirra. Badhaadhina Waaqni nuuf kenne kana gara badhaadhina uummataa fi biyya keenyaatti jijjiiruuf ka’uu qabna. Bakka jirru maratti akka lamii (ambasaaddara) Oromiyaatti oflaaluun uummataa fi biyya teenya, Oromiyaa beeksifachuu qabna. Gandi keessa jiraannu, manneenii fi unbarsiitiiwwan itti-barannu, bakkoonni itti-hojjannu cufti iddoolee waayee Oromoo fi Oromiyaa itti-beeksifannu tahuu qabu. “Eessaayyi dhufte?”, isa jedhamu yommuu gaafatamnu “Oromiyaa irraayyi” jechuu qabna! Sanumaan biyyaa fi saba keenya barsiifachaa adeemna. Kakuu dha; laguu dha; hoola; hooda: Toopphiyaan yoo waayee Oromoo fi Oromiyaa ibsuuf tahe malee, akka biyya teenyaatti hin himamtu! Toopphiyaan tun akkuma sammuu Dhaloota Qubee keessaa haqamtee calaate san sammuu keenya keessayyiis haqamtee calawuu qabdi! Bakki ishiif malu muuziyema malee, sammuu keenyaa miti.

10) Uummanni Oromoo dagabaafatoota (koloneeffattoota) Habashaatiin kan qabame kophaa isaa hin turre. Harra mana hidhaa Habashootaa kan jirus kophaa isaa miti. Saboota, sablammiiwwanii fi uummatoota baay’eetu isa wajjin ture, ammallee isa wajjin jira. Kanaaf, qabsoon saba Oromoo fi uummatoota Kibbaa akka gaariitti walitti hidhaa qaba. Karchallee wajjin itti-hidhamnee waggaalee 135 turre kana amma harka walqabannee, wajjin olkaanee caccabsuun keessaa bawuu qabna! Ijaarsi Oromoo inni dursee hundee Oromummaa gadi nuuf xirribe sun, jechuun Waldaan Maccaa-Tuulaamaa uummatoota Kibbaa 12 keessaa kanneen akka: Gimiraa, Beenishaangul, Moochaa, Kuulloo-Kontaa, Walaayitaa, Gaamo-Goofaa, Gede’oo, Koonsoo, Sidaamaa, Somaalee Ogadeeniyaa fi Afaar faa miseensota ofii godachuun waliin qabsaawaa ture. Qabsoon ijaarsi seena-qabeessichi kun Dastaa F. Xoonaa, ilma mootii Walaayitaa kan mootummaan Hayila-Sillaasee mijjiriitti (addabayiitti) baasee garafsiisuuf qopphaawaa ture, Waldaan Maccaa-Tuulamaa jalaa fashalsiisuun isaa akka bakkalcha ganamaatti seenaa saba Oromoo fi seenaa saba Walaayitaa dabreetuu seenaa uummatoota Kibbaa keessatti ifaa bara-baraan kan jiraatu. Uummatoota kanneen keessaa gara sonaan irra caalan, warra hortee Kuush tahan waliin walitti guduunfaa: aadaa, seenaa fi afaanii faa qabna. Uummatoonni Kibba Oromiyaa jiran kun: Silxee, Guraagee, Adaree, Hadiyyaa, Kambaataa, Ogadeen, Sidaamaa, Gedewoo, Alaabaa, Goofaa, Dorzee, Hamar, Koonsoo, Walaayitaa, Kuulloo-Kontaa, Gimiraa, Dimmee, Moochaa fi Beenishaangul faa kan Habashootaan qabamanii gabroomfaman erga dallaan sibiilaa kan Oromoo inni kanaa olitti tuqame sun cabee, sabni Oromoo qawwee ibiddaatiin qabamee asiiyyi. Ammas gaafa Oromiyaan teenya humna Oromootiin walaboomtee booda dallaan sibiilaa sun waan haaromfamee caalatti cimeetoo dhaabatuuf, uummatoonni kun cufti bilisaa fi walaba tahu. Garuu, guyyaa bilisummaa san shaffisiisuuf uummatoonni kun ammuma fedhii ofiitiin, fedhii ofiitiif qabsoo isaanii walitti qindeeffachuutu karaa Oromoos, isaanis baasu taha.

Keessumaa yeroo ammaa kana uummatoota Laga Omoo irratti mootummaa Habashoota Wayyaanetiin duula lafarraa isaan duguugutu adeemaa jira. Wayyaaneen waraana ishiitiin uummatoota kana qeyee isaanii irraa buqqisuun mooraa dhumiinsaatti naqaa jirti. Ishiin kan barbaaddu lafa isaaniiti malee, uummatoota kanaa miti. Dur abbootiin ishii fi abbootiin obbolaa ishii, warri Amaaraa uummatoota kana akka bineensaatti adamsanii qabachuun ittiin-daldalchaa turani. Uummatoonni kun waan sanyii duguuggiin inni hamaan irratti adeemsifamaa tureef, harra lakkoofsi isaanii sonaan gadi-xiqqaate. Uummanni Oromoo lafarraa duguuggiin inni hamaan irratti adeemsifamullee, kitilli shan dhumullee waan lakkoofsi isaa guddaa tareef irraa hafuun as gaye. Isaan kun amma kan lakkoofsaan: 3 000; 10 000; 20 000 yookaan 50 000 tahan yoo nuti namummaaf jennee namummaan cinaa isaanii dhaabanne malee, yoo nuti iyyineefii iyya uummatoota Afrikaatti, Afroo-Ameerikaanotattii fi biyyalafaa guutuutti dabarsineef malee, akkuma uummata Awustiraaliyaa durii, akkuma abbaa-biyyootaa kan Ameerikaa durii faa tahuu isaanii-ti. Ammoo, wajjumaan Habashootaan lafarraa nu duguugu malee, abadan isaan kophaatti hin dhiifnu. Kanaaf, ee kanaaf uummatoota Laga Omoos tahe, uummatoota Kibbaa wajjin karaa mara dhaabachuun qabsoo wajjummaa kan jiru cimsachuu, kan hin jirremmoo bu’ureeffachuu qabna! Toopphiyaa mana hidhaa sabootaa taate tana wajjin ofirraa gombifnee achi darbachuutu dirqama seenaa fi dirqama dhalootaa nutti taha!

11) Duula hamaa kunoo amma ginni-bittee Habashaa fi muummiyyeewwan Amaaraa nu irraatti oofaa jiran kana, isa obboo Jawaari fi Aljaziiraa irratti oofaa jiran kana irree tokkoon dura dhaabannee ofirraa faccisuu qabna. Erge isaanuu fidanii Aljaziiraa “keenya” bira dabarree, isa akka fakkeenyaatti fudhannee: BBC, CNN, VOA, DW (Voice of Germany) faatti iyyachuutu nurraa eegama. Luka koo, dugda koo jechuu dhiifnee olka’uun mataa olqabannee addunyaatti iyyachuu fi uummatoota Laga Omoofis iyya dabarsuu qabna. Oromummaan namummaa dhaa; namummaanis Oromummaa dhaa karaa kanaanis Oromummaa fi namummaa keenya haa cimsannu! Biyyoota keessa jirruu fi isaan kaanis jaarmolee namoomaa, gareewwan (paartiiwwan) garagaraa, mootummoota garagaraa, jaarmolee addunyaa fi ardiiwwanii: AI, Human Rights Watch, Eu, Au, UNO, UNESCO faatti waan uummata keenya fi uummatoota Laga Omoo irratti mootummaa Habashaatiin adeemsifamaa jiru itti-himachuu fi itti-iyyachuu qabna. Isaan nu hin dhagayan jenneetoo nuffinee dhiisuu hin qabnu. Hamma gurri isaan dhukkubuuttillee itti-iyyannee dhageessisiifachuu-tu nurraa eegama!

Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo kanaa olitti yaadan kana irratti qabu hamma tokko lafa kaayeen jira. Anis, atis, innis (ishiinis), hayyee nuti marti akkka amma deemaa jirru kanatti itti-fufuu hin qabnu. Of-geeddaruu qabna. Biyya teenya harmee Oromiyaa, uummata keenya abbee Oromootiif jecha of-geeddarree waltahuun gara fuulduraatti tarkaanfachuutu dirqama. Dirqamni kun dirqama seenaan nu irratti dhiisee fi dirqama dhalootaa-ti! Dirqama kana eessattuu dhokannee jalaa miliquu hin dandeenyu. Kanaaf, waltahuun alaa-manaa ijaaramnee wal-ijaarree, karaa maraan hindhannee wal-hidhachiifnee, karaa maraan tokkoomnee waltokkoomsinee harqoota gabrummaa Habashaa of-irraayyis, wal-irraayyis caccabsinee haa darbannu! Akkuma jagnichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa jedhe san, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa “akka du’aa waan ooluu mitii” mee haa jabaannu!

==============    //    ==============

Hurrii

$
0
0

Walaleessaan: Eebba Coqorsaa

====================

Duumessi duuba goraa

Goraatu kattaan muraa

Kittaantun hortee ciraa

Suuraan hoffaa safaraa

Suuraan fafaa numoo’ee

Maraan martoon dukkanaa

Huurkuun hurrii ejjeera!

Hurriin ree akka’n  inqabuu

Aakkeedhaan mammaakamee

Mammaakisaas himamee

Yoo mala birrii malee

Mala jiruuf jireenyaa

Mala sirrii hindha’uu

Hurrii guduunfaa ijaa

Aduun naatoo keen inba’u!

Qabbanti kee gubaadhaa

Akka gaara saannatee

Akka gaara baanbaasii

Akka boolla xaraadhaa

Xinxanaa aduu roobaa

Raammoo muka hujubaa

Kan owwiinsaan  dhaamotuun…

Kan qorriinsaan gubatuun…

Yaa booroo waaqi’n laalin

Dumeessa hurrii foo’aa!

Hurriin dheebuu nunfallee

Dheertuun haasawa hurrii

Kan harree’n inalaakneef

Kan gaangeen dhala’n laannee

Aduun ni bahaa’n eegin

Biiftuun bakkalcha barii

Dukkanaan inmullanne!

Hurri daandirraa gorii

Horoon aduun bitattuu

Horaafi haraan hintaatuu

Irreechi kee ni gogaaa

Gogiinsi kee raawwatu!

Goggiinsi kee kalleedhaa

Kaleen har’a siintaatu

Hari’s kaleetti irkataa

Irkoon bar-jireenyaa

Irreen aartuu kattaadhaa

Qaxxiftuu  qilxuu dharaa

Qirixiin qaccee yaraa

Irkannoonsaa haa lootu!

Irkannoo hurriin roobse

Hurrituu aduu mayse

Mataa namaatuu bayse

Boola jiruufi jireenyaa

Hurrii awwaaldiigesse!

Awwaaldiigessa diigaa

Awwaala qomoo keetii

Ekeraa lafee dhiigaa

Aduun hurriin dhokfamee

Dhalli dhaabbitti muugaa

Baddee badi babbaddee

Haalamtee jirta dhuagaa!!

===================================

Adoolessa 28, 2013 


DHUGAAN JIRU KANA

$
0
0

Kan Walaleesse: Geshere Abdisa Gurmesa

====================

Kan rafes dammaqe, kan riphes socho’e

Eenyummaasaas bare, hundumtuu of ta’e

Sin dukkana seetu nuyiif dur bari’ee

Dhaloonni hin gowwoomu lammata deebi’ee

Ari’a nama mitii bineensuu waa beeka

Kaleessarraa bareetu borii isaaf akeeka

Luubbuu kenna malee ciisee hin laatu harka

Dhugaan jiru kana, isa beekuu qabdu

Kanaa achi ofumaan yeroo keessan gubdu

Lakki yoo jettanis, jabaadhaa itti fufaa

Seenaa sobaas uumaa, hololas hafuufaa

Kun hojii keessanoo, ari’a hin kaane lafaa

Silas eenyu dhadhaa baasa raasee hancufa bofaa

Xaba Qubee

Callee mormaa

$
0
0

Walaleessaa: Eebba Coqorsaa

ayyaantuu qaalluun
eker-dubbiftuun
callee ilaalun
hariiroo uumaaf
uumamaa haalun
tulluufi malkaa
bonaafi gannaa
arfaasaaf birraa
jiruuf jireenyaa
dabaree seenaa
hiikkaa wallaaluun
callee mormaatiin
maalif nu-qaluu?

Arraa Gurbaa…!

$
0
0

Fattee

Yaa bada fattee…, bada fatittii!

Attaam allaatiin si liqimsiti?

Hudhi ciriqii, ija haababaastuu

Karaa taa’aashe afuura haa hayaastu!

Kottee ol kaastee haa wixxifattu

Fedhe haa qufa’tuu, haahaxxiffattuu

Kunoo si’asi kan baraaramtu!

Kan huuruun bodee, kan miilli hanxaxii

Attam abbaashee buttee si fixxi?

Maaf gabaabsiti jireenya kan kee?

Ciriqi hudhi, micciiri kokkee!

Micciiri hudhi, afuura kuti, ammaa arganaa

Qabdee gadhiisanaan, badde yaa fattee, badde barana!

Yookaan kunoo amma, yookaan yoomiyyuu

Kan duutee baddu, yookan lubbuunkee fayyu!

Akka warra kaanii hadhaa hinkuufanne

Gaafa si uume siin si badhaasne

Uttuu ’kka kaani hadhaa qabaattee

Allaattiif  bofti eessa si nyaattee?

Fattee garraami, qulqulluu Waaqaa

Boftiif allaattiin butee siin dhaqa.

Qomoon kee kaanoo qaamasaa hundaatu hadhaa darbataa

Eessaa allaattiin butee isaan kaataa!

Garaa jabaatee eessa itti bu’a

 Afaan kaawwannaan gororee du’a!

Egaa…meesha ati qabdu irree harkakee

Liqimsituusaa ciriqi hudhi, micciiri kokkee

Micciiri hudhi, afuura kuti, ammaa arganaa

Qabdee gadhiisanaan, badde yaa fattee, badde barana!

Yookaan kunoo amma, yookaan yoomiyyuu

Kan duutee baddu, yookan lubbuunkee fayyu!

Hudhi ciriqii, ija haababaastu

Karaa taa’aashe afuura haa hayaastu!

Yaa bada fattee…, bada fatittii!

Attaam allaatiin si liqimsiti?

                                                            Zelealem Aberra Tesfa

                                                  08.08. 2013

                                                  Helsinki / Finland

Ulmaa…

$
0
0

Ayyaana ji’a muddee
muddee baati hagayyaa
manqallaa gurrasaa
sadiin quba  naqnee
bita mirgaan qabnee
gulantaa dur turre
deeffatuu barbaanne!

Gulantaa jireenyaa
kan cinaan okkoteen
mijuu warra keenyaa
booka habaabotee
ayyaana biyya abbaaf
buna qalaa biraan
korma kee qalattu
mo’aatta qaruutee!

Qaroon qaroo naasaa
barcuma kee biraan
uleen dilboo jiraa
dhadhatuu muudamaa
baalli muka urgeessaa
margi eebba firaa
haalun turee bahaa
jiruufi jireenyii
ilma oromo hundaa
tutturee daraara!

Namaafi sa’ii kee
kan amma abuute
goobe tarii guutaa
kosii saawwan keetii
jibichi firfirsu
kormatu boorataa
lukkee buusuun dirqii
argachuuf furmaataa!!

Furmaati biyya abbaa
mirgaan dhibaafamaa
sa’aafi namni kee
kormaafi bunni kee
qaaliin siif qalamaa
oromiyaa tiiksii
arrab-qareessi kee
siifuu wareegamaa…

Arrab- qareessa kee
aaga qabsiisiitii
gurraan dhageesisi
gooroo jabbii guutii
maddii ibidda kee
ilmaan tee hiriirsi
waanjoon sobboqiitii
korma kee waleensi
laf- kee dhorkadhuu
nam-kee bulfadhuu
qilxuu guddaa ta’ii
dagaagiitii misi!!

Kormii kee siif haanfee
morm-ofii siif kennee
dhiigisaa qeensamee
yaa waaq-@utubii
lubbuu ilma oromoo
dhugaadhaaf laatame…

Hamma shanan baanuu
manarraa’n fagaannuu
hamaa hindubbannuu
laga keenna dhiifnee
laga ormaa’n ceenuu
ulaa’maa’iif lubnii
hiddi dhala oromoo
amanteen gargaraa
mee ulmaa haa seennu!!

—————————————-

Kan Walaleesse: Eebba Coqorsaa

Karaan Sobaan Dabran Gala Nama Dhiba

$
0
0

Jawaar Muhammad

Marii Obbo Abdulaziiz Muhammadiifi Obbo Kumaa Dammqsaa, dhimma ‘Maastar Pilaanii ilaalchisee, TVO waliin gaafa Ebla 26,2014 godhan kutaa duraa amman daawwadhe. Ibsi isaan godhuuf yaalan kan fudhatamu ta’uu dhiisaatii gaafilee biroottu kan kaasu ta’eetin arge.

1) Dura, jarri lamaan akka hoggantoota ‘Boordii’ Maastar Pilaanii kanaatti dhihaatan. Boordiin kun yoom uumame? Aangoon isaa hoo maali? Miseensonni Boordii kanaa eenyuun ( qaama mootummaa kamiin) muudaman? Boordin kun waanuma torbannan dabran kana uumame fakkaata. Fakkeenyaaf amma dura Obbo Abdulaziiz gaafa dhimma kanarratti ibsa keenu akka ‘Itti-aanaan Pirazidantii Oromiyaa’ qofatti waamamaa ture. Har’uma maqaa Boordii maxxanfatee as baye. Kanarraa boordiin amma isaan itti waamaman kun mormii “Oromiyaafi Oromoon Pilaanii kana keessatti hin hirmaanne’ jedhu cal’isiisuuf akka bahen shakka. Dhugaan jirtu garuu bulchitoonni Oromiyaas ta’ee Oromoonni qophii Pilaanii kanaa keessatti hamma ji’a dabreettit hirmaachaa akka hin turini. Dokmantiilee Pilaanii kanaan walqabatanii bahan akka agarsiisanitti, waggoota dabran kana keessa karoora kana qopheessuu keessatti kan hirmaataa ture qondaalota Federaalaa, bulchitoota Finfinneetifi gorsitoota warra Faransaayi qofa ture.

2) Haasaya jaraa keessatti dhimmi pilaanii kun sadarkaa gubbaa hanga ummataatti irratti mari’atamee, erga manneen marii bulchiinsota lameenii raggaasisanii booda hojirra oola jedhan. Jechi kun gara lamaan rakkoo qaba. Tokkaffaa yoo yaadattan torban dabre Maanajariin ol’aanaan Maastar Pilaanii kanaa, Obbo Maatiwoos Asfaw,  Pilaana kana kan raggaasisu mana marii bulchiinsa Finfinneefi kan GODINA ADDAA naannoolee Finfinnneeti’ jechuun ni yaadatama. Fakkeenyaaf barruun Reporter gubbatti baye akkan jedha ture “የተሠራላቸው ማስተር ፕላን የተጠናቀቀ በመሆኑ ተግባርላይ የሚውለው ግን የአዲስ
አበባ ከተማ አስተዳደር ምክር ቤትና የልዩ ዞኑ ምክር ቤት ሲያፀድቁት ብቻ ነው፡፡”Eenyutu sobaa jira ree?

Lammaffaa walgahiin torban darbe Adaamatti godhame ‘Leenjii Leenjiftootaa’ jedhamee ture. San jechuun karoorri bahe gara sadarkaa raawwachiisutti (implementation)  ce’ee jechuudha. Maarree erga karoorri hojirra ooluu eegalee  booda Caffeen maal murteessa? Kana qofa miti. Akka qondaaltonni jedhanitti  bulchiinsi Finfinneefi  kan Godinni Addaa kopha kophatti pilaana baafatani san booda walitti qindeessu. Amma kan argaa jirruufi irratti mari’atamaa jiru pilaana Finfinnee kan bara 2006 (ALH) bahe. Kan Godina Addaa mee ree? Kanarraa wanni hubannu, yaanni pilaana kana heera mootummaa eeganii  sirnaan murteessisuu jedhu waan dursatti itti yaadan ta’uu dhabuufi, jarri Oromiyaa bakka bu’ee dubbatuuf wixxifatu waan deemaa jiru quba qabaachuu dhabuu isaaniiti. Wanni silaa ta’uu qabu Pilaaniin  waloo akkasii osoo hin bahin dura qaamoleen heeraafi seeran angoon kennameef mari’atanii raggaasisuudha. San booda karoorrii baha, itti aanseti gara hojirra oolchuu seenama.

3) Obbo Kumaan haasaya isaa keessatti akeekni guddaan pilaana kanaa ummata Oromoo naannawa Finfinnee jiraatu fayyaduudha jedha. Akka inni ragaa bahetti yeroo dheeraadhaaf ummanni magaalattiirraa fageenya dhihoo jiru tajaajila barnootaa, fayyaafi ibsaa argachuu hin dandeenye. Kun dhugaadha. Garuu rakkoo kana furuuf Oromoota kana Finfinnee alagaan bultu jala galchuutu falaa? Waggoota kurnee lama dura araddaalee akka Garjiifi Laaftoo qonnaan bulaa Oromootu irra jiraata ture. Mee erga gandoonni kun Finfinneetti makamanii (integrate godhamani) booda Oromoonni achirra turan guddina Finfinnee kanaan ni fayyadaman moo ni miidhaman? Mee Obbo Kumaan warra gaafas dachii sanirra qotataa ture kan badhaadhe dhiisii kan lubbuun baraare arguu danda’aa laata? Waggoota muraasa dura gaafa Zoonin Addaa uumamtu dhiibaa babal’inni Finfinnee Oromoota kanarraan gahu dangaa itti godhanii hambisuufi qonnaan bultoota kana fayyaduuf jedhameeti. Yaada san dhugaa se’ee waan tureef Oromoon hin mormine. Har’a yaada san eessatti gataniti Finfinnetti makuun as bayan? Walumaagalatti yaalin qondaalonni lamaan daba jiru dhoksuuf godhan waan fudhatamuu miti.

Yoo dhugumaan guddina diinagdee magaalaa Finfinneetifi Oromoota naannawa sanii fayyadu baasuu barbaachise furmaanni jiru Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebisuudha. Kun Oromoota naannawa saniitifi jiraattota magaalattis ni fayyadda. Gama tokkoon Finfinnee Oromiyaa jalatti deebi’un aadaa fi eenyummaan Oromoo akka dagaagu haala mijeessuuf fayyada. Dabalataanis Oromiyaan Finfinnee dhuunfachuun karoorri guddina Finfinnee kan Oromiyaa guututiin akka walsimatu godhuuf karaa bana. Akkasumas Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi’uun akka feetetti akka babal’attufi sirna tokkoon akka bultu godhuun jiraattonni magaalaa sanii dangeffama (restriction) malee akka dalagatan hiree kenna. Kun waan haarayaa miti. Magoonni Oromiyaa hedduun saboota biraa of keessaa qabu. Oromiyaa jalatti buluun mirgaafi dantaa isaani waan tuqe hin qabu. Finfinnees waani adda godhu tokkolleen hin jiru.  Kan ta’uu baannaan Finfinneen haadha isii Oromiyaarraa of alagoomsitee haadha isii qancarsaa ofii guddattu hin jiraattu.  Oromiyaan Finfinnee malee, Finfinneenis Oromiyaa malee jiraachuu hin danda’an.

Finfinneen gaafa dhaabattus Oromoota buqqisuuni. Hanga ammaatis dhawaataan Oromoo lafarraa duguugaa as geesse. Har’as warri Oromoo buqqaasuun ardaa isaarrattii abbaa ta’uu mi’eeffate Maastar Pilaanii Waggoota diigdamii shanan as deeman keessatti Oromoo naannawa sanii dhabamsiisuun handhuura Oromiyaatti biyya biraa uumuu baafatanii itti seenanii jiran. Karoorri kun milkoofnaan Oromoonni miliyoonota heddutti tilmaaman qe’erraa buqqa’uun faca’uun waan hin oolle. Kaleessa Gullalleen ardaa ofitirraa yoo buqqa’ee gara Baale, Arsii, Harargeefi Booranatti godaana  ture. Har’a naannoleen Oromiyaa biraatis baay’ina ummataatin dhiphatanii,  lafti hafes Arabaafi Hindiif gurguramee waan jiruuf bakka dhaqan hin qaban. Dhugaan jiru kana.

Kaleessa abbootiin keenya humnaan caalamanii, addaan faca’anii gurra waliin dhabaniit lafa ofitirraa buqaafaman. Dhaloonni har’aa osoo seenaa beekuu, osoo yakka hojjatamuuf deemu   ijaan arguu seenaa yakkaa lammataa kana taa’ee laaluu diduun waan nama boonsu. Falmaan itti fufuu qaba.

Haalluu Barattootaa

$
0
0

Nuti kobbee qabnaa
jira “warraaqaanu”
tolchaa saba keenyaa
kan ittiin katabnu
isin “irsaas” qabduu
“qaataa”nuu-qaqqabaa
kan ittiin leenjinu
matadureen dhiibbaa!!!!!

“face book”i
“email”i
bilbilaan nu-doowaa
waraqaa sagalee
hinqabneen haasawaa
agaree dhageetti
jiraa du’aa keenyaa
giddu-loowaa dhoowwaa
akkamiin leenjiidhaan
gowwaan gartuu haalluu
qalam-qaroo  moowa!

qabannaan kobbeedhaa
qubi qeerroo mirgaa
qalmi jara mooraa
mortuun isaa ambaa
kumaafi kitilli#
haallu barattootaa
Odaa-urjii-bakkalchaa
booreen diimee marga
***************************
Waloon: Lanjoo Galchuu Ida’aa

 


Viewing all 35 articles
Browse latest View live